Wongeela Maarqoos 13 - WAADAA LAMMATAAYesuus Waan Diiggamuu mana woyyuu Dubbate ( Mat. 24:1-2 ; Luq. 21:5-6 ) 1 Akkuma Yesuus mana woyyuu keessaa bayeen, darasoota isaa keessaa tokkochi isaan, «Barsiisaa'a, dhagoota gugurdaa kanniinii fi ijaarsa gugurdaa kana mee laali!» jedheen. 2 Yesuusillee deebisee, «Ati ijaarsa gugurdaa kana argitaa? kunniin martinuu hin diiggama; tokkochi isaaniillee wol irratti hin hafan» jedheen. Yesuus Waan Bara Dhumaa Dubbate ( Mat. 24:3-14 ; Luq. 21:7-19 ) 3 Yesuus Kolba mana woyyu'uutiin gaara ejersaa gubbaa uduu taa'u, Pheexroos, Yaaqoob, Yohaannisii fi Indiriyaas qofti gara isaa dhufanii, 4 «Wonti kun yoom ta'a nutti himi? wonti kun martinuu hennaa ta'u malkanni isaa maali'i?» jedhanii hojja ufiititti isa gaafatan. 5 Yesuus ammoo akkana isaaniin jechuu jalqabe, «Eennullee akka isin hin dogogorsine uf eeggadhaa'a! 6 Namoonni hedduu, ‹Ani Kiristoos› jedha'aa maqaa kiyyaan hin dhufan; namoota hedduullee hin dogogorsan. 7 Lolaa fi oduu lolaa hennaa dhageettan, hin sodaatinaa'a. Wonti akkasii kun hin ta'a; Haata'uu ammoo barri dhumaa ammallee hin geenne. 8 Gofti gosatti, mootummaan mootumma'atti hin ka'a; bakka adda addaatitti sochiin lafaallee hin ta'a, beellillee hin dhufa. Haata'uu ammoo kun ciniinsuu duraati. 9 «Isin uf eeggadhaa'a, isaan yaa'ii gara garaatitti dabarsanii isin kennan, mana sagada Yihuudotaa keessattillee hin tumamtan, naaf jettanii bulchootaa fi mootota afoo hin dhaabattan; kunillee ragaa isaanitti ta'a. 10 Haata'uu ammoo, Oduun Nagayaa duraan dursee banii maraaf hin lallabama. 11 «Hennaa qabanii gara murti'ii isin geessan, waan dubbataniif dura hin yaaddayinaa'a! Waanuma hennaa san isiniif kenname dubbadhaa'a; dubbii isin dubbattan ka dubbatu Ayyaana Woyyu'u malee, isinii miti. 12 Obboleessi obboleessa, Abbaanillee ilma ufii du'aaf dabarsee kenna. Ijoolleen worra ufiititti ka'anii ajjeesan. 13 Anaaf jettanii nama maraa biratti ka jibbamtan taatan. Haga dhumaa ka jabaatu ammoo hin fayya» isaaniin jedhe. Yesuus Malkata Gara Garaa Kennee Uf Eeggachiise ( Mat. 24:15-28 ; Luq. 21:20-24 ) 14 Haata'uu ammoo akkuma raaga Daani'eeliitiin dubbatame, «Farri battumma'aa hulee dhaabatuun isi'iif hin malle dhaabattee yoo argitan, ka kana dubbise haa hubatuu. Hennaa san worri Yihuudaa jiran gara gaaraa haa dheessanii 15 Ka mana gubbaa jiru mana irraa gadi bu'ee; manaa waan tokko fudhachu'uuf hin seenini. 16 Ka qonna keessa jiru uffata ufii fudhatu'uuf gara duubaa hin deebi'iin. 17 Guyyoota san dubartoota ulfa ta'aniif worra harma hoosisaniif aanne'e. 18 Haata'uu ammoo dheessuun keessan ganna akka hin taane faateffadhaa'a! 19 Guyyoonni sun guyyoota rakkinni hamaan itti ta'u. Rakkinni akkasii hennaa Rabbi biyya lafaa uume irraa jalqabee haga ammaatitti hin taane, deebi'eellee hin ta'u. 20 Uduu Gooftaan guyyoota san gabaabsuu dhabaatee, namni tokkollee hin hafu. Haata'uu ammoo Banii ufii filateef jedhee, inni guyyaa san gabaabse. 21 Hennaa san eennullee isiniin, ‹Ila laalaa'a! Kiristoos asi jira!› yookiin, ‹Ila laalaa'a! achi jira!› yoo isiniin jedhe hin amaninaa'a. 22 Sababaanillee Kiristoosonni dharaatii fi raattonni dharaa dhufanii, yoo isaanii danda'ame worra filatamanillee dogoggorsu'uuf malkataa fi baasa hujan. 23 Isin ammoo uf eeggadhaa'a! Ani waan maraa dursee isinitti himeera. Yesuus Waan Dhufuu Ilma Namaa Dubbate ( Mat. 24:29-31 ; Luq. 21:25-28 ) 24 «Guyyootuma san keessa, rakkina saniin maayessa, aduun hin dukkanoofti, jiinillee hin ifu. 25 Urjiinillee samii irraa hin harcaati hunniti Sami'iillee hin raafaman. 26 Achiin maayessa Ilmi Namaa, hunna gudda'aa fi ulfinnaan duumessa keessaan hennaa dhufu hin argan. 27 Innillee hennaa san maleekkota ufii hin erga, kallattii arfanii fi qaccee lafarraatii haga qaccee sami'ii worra filataman wolitti qaba.» Muka Hurbuu Irraa Barachuu ( Mat. 24:32-35 ; Luq. 21:29-33 ) 28 Yesuus amma ammoo, «Muka hurbu'uu fakkeenna godhadha'aatii irraa baradhaa'a! Dameen isaa quqquuqee baala hennaa biqilchu, bonni akka dhiyaate hin beettan. 29 Akkasuma isinillee ammoo, kun martinuu hennaa ta'u yoo argitan, akka inni dhiyaatee balbala irra jiru beekaa'a. 30 Ani dhuga'aan isiniin jedha; wonti kun maruu haga ta'uuf, dhaloonni amma jiru kun hin lufu. 31 Ardii fi samiin hin lufti. Dubbiin kiyya ammoo hin lufu. Guyya'aaf Hennaa San Ka Beeku Hin Jiru ( Mat. 24:36-44 ) 32 «Guyyaa san yookiin hennaa san eennullee hin beeku. Abbaa malee, Maleekkonni sami'iillee hin beekan; Ilmillee hin beeku. 33 Hennaan yoom akka ta'e isin waan hin beenneef uf eeggadhaa'a! Dammaqaa'a! 34 Kunillee akka nama mana ufii hojjattoota ufiititti dhiisee, isaan maraafuu hujii kennee, ka balbala eegu jabaatee akka eegu seeree deeme fakkaata. 35 Maarre, abbaan manaa yoom akka dhufu, galgala dhufaa fi halkan wodhakkaa dhufaa, iyya lukku'uu dhufaa fi ganama dhufaa hin beettan. 36 Hennaa isin hin qabaannetti yoo dhufe, uduu isin rafa'aartan akka isin hin argine, 37 Woma isiniin jedhu, nama maraanuu jedhaa; dammaqaa'a!» |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia