Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Maarqoos 12 - WAADAA LAMMATAA


Mammaaka Waan Qonnaan Bultoota Maasaa Woyini'ii
( Mat. 21:33-46 ; Luq. 20:9-19 )

1 Innillee akkana jedhee mammaakaan isaanitti himuu jalqabe, «Namichi tokko biqiltuu woyini'ii dhaabee, dhaga'aan dallawa itti dallayee, boolla woyinii itti cuunfan qotee, siree irra taa'anii eegan ijaaree, qonnaan bultootatti kireessee gara biyya fago'oo deeme.

2 Hennaan munni woyini'ii gayu geennaan, midhaan akka fiduuf hojjataa tokko gara qonnaan bultoota ufii erge.

3 Isaanillee hojjataa san qabanii tumanii duwwaa deebisanii ari'an.

4 Abbaan muka woyini'ii ammallee hojjataa biraa gara isaanii erge; isaan ammallee mataa isaa baqassanii salphisanii ari'an.

5 Ammallee ka biraa itti erge, isa ammoo hin ajjeesan, akkasuma ka biraallee heddu itti erginaan isaan keessaallee gari garii tumanii garii ammoo hin ajjeesan.

6 Abbaan muka woyini'ii ilma guddaa jaalatu tokko qaba. Dhuma irratti ‹Ilma kiyya hin kabajjan› jedhee, isa gara isaanii erge.

7 Qonnaan bultoonni sun ammoo, ‹Ka abbaa maasaa muka woyini'ii dhaalu kanaa; kootaa isa hin ajjeefnaa, dhaalli nuuf ta'aa› woliin jedhan.

8 Achiin maayessa qabanii ajjeesanii, maasaa muka woyini'ii keessaa gad baasanii gatan.

9 «Eegasuu abbaan maasaa woyini'ii maal isaan godhinna laata? dhufee qonnaan bultoota sanniin balleessa. Maasaa woyini'ii san worra biraatiif kenna.

10-11 Isin barreeffama Woyyuu keessatti ‹Dhagaan worri mana ijaaru tuffate dhagaa dhagaa maraa caalaa barbaadamu ta'e. Wonti kun waan gooftaan hojjate; ija teennaafillee baasa› kitaaba jedhu hin dubbifnee?» jedhee gaafate.

12 Bulchoonni Yihuudotaa mammaaka kana akka Yesuus isaaniif mammaake beekanii, isa qabu'uuf barbaadan; Haata'uu ammoo gumii waan sodaataniif isa dhiisanii deeman.


Gaafii Waan Mootii Gabbaru'uu
( Mat. 22:15-22 ; Luq. 20:20-26 )

13 Achiin maayessa waan inni dubbatuun isa qabu'uuf jedhanii, worra Fariisotaatii fi worra gara Heroodisii ta'an keessaa jara tokko Yesuusitti ergan.

14 Worri ergaman dhufanii, «Barsiisaa'a! akka dhugaa dubbattu nu hin beenna; nama tokkollee hin sodaattu; karaa Rabbii dhuga'aan barsiifta, nama wol hin caalchiftu. Mootii mootota worra Rooma'aatiif gibira gabbaruun seera moo seeraa miti? hin gabbarra moo hin gabbarru?» jedhaniin.

15 Inni ammoo fakkeessitoota ta'uu isaanii waan beekeef, «Isin maaf na ataabdan? Mee laalaa, saantibii tokko as fidaa'a!» isaaniin jedhe.

16 Isaan itti finnaan, «Fakkiin kun ka eennuuti? Barreeffamni kun ka eennuti?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Ka mootii mootota worra Rooma'aati» jedhaniin.

17 Yesuusillee deebisee, «Ka mooti'ii mooti'iif, ka Rabbii Rabbiif kennaa'a!» jedhe; isaan isa baaseffatan.


Gaafii Waan Fuudhaa Fi Heeruma Du'aa Ka'uun Maayessaa
( Mat. 22:23-33 ; Luq. 20:27-40 )

18 Achiin maayessa Saduuqonni worri du'aa ka'uun hin jiru jedhan gara Yesuusii dhufanii,

19 «Barsiisaa'a! Muuseen, ‹Namni tokko haadha manaa fuudhee uduu hin uumatin yoo isii irraa du'e, obboleessi isaa dubartii san dhaalee fiixaa obboleessa ufiitiif haa dabarsuu!› jedhee Seera keessatti nuu barreesseera.

20 Obboleeyyan torbatu ture; hangafni haadha manaa fuudhee ijoollee uduu hin uumatin du'e.

21 Obboleessi isatti aanullee dubartima san dhaalee, ijoollee uduu hin uumatin du'e; obboleessi sadeessoonillee akkasuma isii dhaalee irraa du'e.

22 Isaan torbanuu dubartima san fuudhanii, Haata'uu ammoo ijoollee uduu hin uumatin irraa du'an. Isaan maraan maayessa ammoo dubartiin sunillee hin duute.

23 Isaan torbanuu haadha manumma'aan isii fuudhaniiranii, guyyaa worri du'an ka'an isaan keessaa kamiif haadha manaa taati?» jedhanii isa gaafatan.

24 Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Kitaabbanii fi hunna Rabbii waan hin beenneef dogoggortaniimii?

25 Hennaa du'aa ka'an, isaan akka ergamtoota samii gubba'aa ta'an malee, hin fuudhan, hin heerumanille'e.

26 Rabbi waan worra du'aa ka'anii kitaaba Muuse'ee keessatti hulee waan saato'oo dubbatutti, ‹Ani Waaqa Abirahaamii, Waaqa Yisaaqiitii fi, Waaqa Yaaqoobii ti› jedhe.

27 Inni Waaqa worra jiraniiti malee, ka worra du'aniitii miti. Kanaaf guddaa dogoggortaniirtan» isaaniin jedhe.


Seera Seera Caalu
( Mat. 22:34-40 ; Luq. 10:25-28 )

28 Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa tokko hennaa isaan wol morman dhagayee, Yesuus deebii mishaa akka deebiseef argee, gara isaa dhufee, «Ajaja maraa keessaa guddichi kam?» jedhee Yesuusiin gaafate.

29 Yesuusillee deebisee akkana jedheen, «Ajanyi guddichi, ‹Israa'eel, dhagayi! Waandhi Gooftaan keenna Gooftaa tokkocha.

30 Atillee Waaqa Gooftaa kee garaa kee guutu'uun, lubbuu kee guutu'uun, yaada kee guutu'uun, hunna kee guutu'uun jaaladhu› ta jettu. Ajanyi duraa tana.

31 Ka lammaffa'aa ammoo, ‹Nama, akka uf jaalattutti jaaladhu› ka jedhu kana. Ajanyi guddichi lamaan kanniin caalu ajanyi biraa hin jiru» jedhe.

32 Barsiisaan Seera Muuse'ee Yesuusiin, «Barsiisaa'a! ‹Rabbii tokkocha malee, Waandhi biraa hin jiru› jettee ka dubbatte dhuga'a.

33 Rabbiin garaa guutu'uun, qalbii guutu'uun, hunna guutu'uun jaalachuun, nama akka mataa ufiititti jaalachuun, woreega ciinca'aatii fi woreega biraa Rabbiif dhiyeessuu caala» jedheen.

34 Yesuus akka inni qarumma'aan deebise argee, «Ati jeennata Rabbii irraa fagoo hin jirtu» jedheen. Achiin maayessa namni tokkollee gaafii isa gaafachu'uuf hin uggine.


Gaafii Waan Kiristoosii
( Mat. 22:24-46 ; Luq. 20:41-44 )

35 Yesuus mana woyyuu keessatti uduu barsiisa'aaru, «Attamitti barsiisonni Seera Muuse'ee, ‹Kiristoos ilma Daawitii ti› jechuu danda'an?

36 Daawiti mataan isaatuu Ayyaana Woyyu'uun masakkamee, ‹Gooftaan Gooftaa kiyyaan, diinota kee luka kee jala, haga sii kaayutti, mirga kiyya taa'i jedheera› jedhe.

37 Daawiti mataan isaatuu, ‹Gooftaa'a› jedhee yoo isa waame, attamiin ilma Daawitii ta'uu danda'a?» jedhee gaafate. Gumiin guddaan gammachu'uun isa dhagaya'aa turan.


Yesuus Barsiisota Seera Muuse'ee Irraa Uf Eeggachiise
( Mat. 23:1-36 ; Luq. 20:45-47 )

38-39 Yesuus uduu isaan barsiisu akkana isaaniin jedhe, «Barsiisota Seera Muuse'ee, ka uffata dheeraa uffatanii asii fi achi deema'aa, gabayaa keessatti namoonni isaanii sagada'aa nagaya akka isaan gaafatan jaalatan, mana sagada Yihuudotaa keessatti teessoo olaanu, lafa cidhaatittillee hulee ulfinnaa worra filatu irraa uf eeggadhaa'a!

40 Isaan faatee dheeraa faateffachu'uun, mana haadha hiyyeessaa worra xamban, worra akkasii san murtii gudda'atu isaan eeggata» jedhe.


Kennaa haadha Hiyyeessaa
( Luq. 21:1-4 )

41 Yesuus kolba miini kennaa itti guuran jiruun taa'ee, hennaa gumiin birrii mi'a kennaa itti guuran keessa buusan laale. Dureeyyiin hedduu birrii baay'ee keessa buusan.

42 Achiin maayessa haati hiyyeessaa takka dhuftee, saantima meetii diqqoo lamaan ta gatiin isii guddisee diqqo'oo mi'a kenna'aa keessa buufte.

43 Yesuus darasoota ufii waamee, «Ani dhugamaan isinitti himaa! Haati hiyyeessaa takka worra biraa caalaa mi'a kennaa itti guuran keessa buufte.

44 Worri kuuwwan qabeenna guddaa qaban irraa waan hafe mi'a kennaa itti guuran keessa buusan; Isiin hiyyeettiin waan qabdu ka ittin jiraattu maraa achi keessa buufte» isaaniin jedhe.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan