Wongeela Maarqoos 10 - WAADAA LAMMATAAYesuus Abbaan Manaatii Fi Haati Manaa Akka Adda Hin Baane Barsiise ( Mat. 19:1-12 ; Luq. 16:18 ) 1 Yesuus bakka sanii ka'ee gara biyya Yihuudaatii fi laga Yordaanosi gama dhaqe. Ammallee gumiin guddaan gara isaa dachaanaan, inni akkuma amala ufii isaan barsiise. 2 Fariisonni gariin dhufanii dubbii afaan isaatii bayuun isa qabu'uuf jedhanii, namni haadha manaa ufii hiikuun seeraa? jedhanii gaafatan. 3 Yesuus ammoo deebisee, «Seerri Muuse'ee maal jedha?» isaaniin jedhe. 4 Isaanillee deebisanii, «Muuseen ‹Namni tokko Woraqaa hiikka'aa kenneefii yoo hiike hin ta'a› jedheera» jedhan. 5 Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, sababaa gar-jabeenna keessaniitiif seera kana isiniif barreesse. 6 Jalqaba Rabbi hennaa uumamni uumamu, ‹Rabbi dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume;› 7 ‹Kanaaf namni abba'aa fi haadha ufii hin dhiisa, haadha manaa ufii woliin wol ta'a. 8 Lamaanuu tokko ta'an.› Maarre achiin maayii isaan foon tokko malee lamaa miti. 9 Ka Rabbi tokko godhe namni addaan hin baasin!» isaaniin jedhe. 10 Hennaa deebi'anii manatti galan, darasoonni waan dubbii kanaa isa gaafatan. 11 Innillee deebisee, «Eennullee haadha manaa ufii dhiisee ka dubartii biraa fuudhu, seebaru'uun yakkeera. 12 Akkasuma dubartiin abbaa manaa ufii jalaa baatee, ta nama biraatitti heerumtu hin seebarti» isaaniin jedhe. Yesuus Ijoollee Didiqqoo Eebbise ( Mat. 19:13-15 ; Luq. 18:15-17 ) 13 Namoonni gariin akka Yesuus harka ufiitiin qaqqabee eebbisuuf, ijoollee didiqqoo gara isaa fidan. Darasoonni ammoo isaan teedeffatan. 14 Yesuus ammoo hennaa waan kana arge aaree, «Jeennanni Rabbii ta worra akka ijoollee tanaa ta'aniif waan taateef, ijoolleen gara kiyya haa dhuftuu hin dhoogginaa'a gad dhiisaa! 15 Ani dhugamaan isiniin jedha; eennullee jeennata Rabbii akka ijoolle'eetitti ka hin fudhanne, horomaa itti hin galu» isaaniin jedhe. 16 Achiin maayii ijoollee ammatee harka ufiitiin qaqqabee, isaan eebbise. Namicha Dureessa Tokko ( Mat. 19:16-30 ; Luq. 18:18-30 ) 17 Yesuus achii ka'ee akkuma kara'atti bayeen, namichi tokko gara isaa fiigee, afoo isaatitti jilbiinfatee, «Barsiisaa mishaa'a! gara jireenna bara baraa galu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» jedhee gaafate. 18 Yesuusillee deebisee, «Maaf barsiisaa mishaa naan jetta? Rabbii tokkicha malee mishaan eennullee hin jiru. 19 Ati seera ‹Hin ajjeesin, hin seebarin, hin hatin, dharaan namarratti ragaa hin bayin, hin sobin, Abba'aa fi haadha tee kabajji› jedhu hin beetta» jedheen. 20 Namichillee deebisee, «Barsiisaa'a! Ani seera kana maraa ijoollummaa kiyya irraa jalqabee eegeera» jedheen. 21 Yesuus isa xiinxallee laalee jaalateenii, «Waan tokkotu sirraa dhidhata. Dhaqii, waan qabdu maraa gurgurii, worra hiyyeeyyi'iif kenni, samii gubba'atti badhaadhummaa argattaa; achiin maayessa koottu na faana deemi!» jedheen. 22 Namichi hennaa dubbii kana dhagaye qabeenna guddaa waan qabuuf, fuula ufii gurraachessee, gaddee achii deeme. 23 Yesuus ufirra garagalee darasoota ufiitiin, «Worra dureeyyi'iif jeennata Rabbii galuun attam rakkisa'a!» isaaniin jedhe. 24 Darasoonni dubbii inni dubbate haga dhagayan hin maalalfatan. Yesuus ammoo ammallee, «Ijoollee tiyya jeennata Rabbii galuun attam rakko'o! 25 Namni dureessi tokko jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaalawa limmo'oo keessa hulluuqu'utu salpha'a» isaaniin jedhe. 26 Kana irratti isaan akka malee maalalanii, «Eeganaa eentu fayyuu danda'a ree?» woliin jedhan. 27 Yesuus gara isaanii laalee, «Kun Rabbiif malee namaaf hin danda'amu; Rabbiif wonti maruu hin danda'ama» jedhe. 28 Pheexroosillee deebi'ee, «Nu maraa dhiifnee si faana deemneerra» jedheen. 29 Yesuus ammoo deebisee, «Dhugamaan isiniin jedha; eennullee waan kiyyaa fi waan Oduu Nagayaatiif mana, obboleeyyan, intallan haadhaa, haadha, abbaa, haadha manaa, ijoolle'ee fi qonna ufii dhiise, 30 lafuma tanatti manniin, obboleeyyan, intallan haadhaa, haawwota, ijoolle'ee fi qonna dachaa dhibba hin argata, adunyaa dhuftu keessattillee gara jireenna bara baraa hin gala. 31 Haata'uu ammoo ka duraa duuba, ka duubaa afoo ta'a.» 32 Isaan gara Yeruusaaleemii dhaqu'uuf kara'atti hennaa bayan, Yesuus afoo isaanii uduu deema'aaru maalalanii, worri isa faanaa deeman sodaatan. Inni ammoo worra kudhanii lamaan ammallee hojjatti isaan baasee, waan isarra gayu'uuf ta'u isaanitti himu jalqabe. 33 Inni isaaniin, «Gara Yeruusaalemii hin baana; Ilmi Namaa harka bulchoota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti dabarfamee hin kennama. Isaan ammoo yakka du'aa itti murteessan, worra Yihuudota hin ta'initti dabarsanii isa kennan. 34 Isaan itti baldan, itti tufan, hin tumama, hin ajjeesan; haata'uu ammoo guyyaa saddaffa'aa hin ka'a» isaaniin jedhe. Gaafii Ilmaan Zabdewoosii ( Mat. 20:20-28 ) 35 Ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis gara Yesuusii dhufanii, «Barsiisaa'a! waan nu si kadhannu akka nuuf gootu barbaanna» jedhaniin. 36 Yesuus ammoo, «Maal akka isinii godhu barbaaddan?» isaaniin jedhe. 37 Isaanillee deebisanii, «Hennaa teessoo kee ka ulfinnaa irra teette, tokko mirga keetiin, tokko bitaa keetiin akka teennu barbaanna» jedhaniin. 38 Yesuus ammoo, «Isin woma kadhattanuu hin beettan! mijuu ani dhugu dhuguu, cuuphaa ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettanii?» isaaniin jedhe. 39 Isaan, «Hin dandeenna» jedhaniin. Yesuus, «Isin dhugamaan mijuu ani dhugu hin dhudan, cuuphaa ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettan. 40 Mirga kiyyaa fi bitaa kiyya ka teessisu anaa miti. Huleen kun ka worra qophaayeef kennamu» isaaniin jedhe. 41 Darasoonni kurnan hafan hennaa kana dhagayan, Yaaqoobii fi Yohaannisiin loluu jalqaban. 42 Yesuus ammoo gara ufii isaan waamee akkana isaaniin jedhe, «Bulchoonni worra Yihuudota hin ta'in bulchan hunnaan akka bulchan, bulchoonni isaaniillee baallii guutu'uun akka bulchan isinuu hin beettan. 43 Isin biratti akkanaa miti; haata'uu ammoo eennullee isin keessaa nama guddaa ta'uu ka barbaadu, hojjataa nama maraa haa ta'uu. 44 Eennullee isin keessaa bulchaa ta'uu ka barbaadu, ka nama maraa hojjatu haata'uu. 45 Ilmi namaa lubbuu ufii kennee namoota maraa furu'uuf dhufe malee, akka isaa hojjataniif hin dhufne» jedhe. 46 Yesuusii fi darasoonni isaa Yaarikoo dhaqan. Isaan gumii guddaa woliin hennaa Yaarikoo keessaa bayan, Namichi ijji balla'aa ka kadhatu tokko ka Barxiimeewoos jedhamu ilmi Xeemeewoosii karaa irra taa'ee kadhata'aa ture. 47 Inni Yesuus nama biyya Naazireetii akka ta'e hennaa dhagaye, «Yesuus! Ilma Daawitii na maari!» jedha'aa iyyuu jalqabe. 48 Namoonni hedduu akka inni cadhisu teedeffataniin. Inni ammoo, «Ilma Daawitii na maari!» jedha'aa ta duraa caalaa laagaa gudda'aan iyye. 49 Yesuus dhaabatee, «Isa as waamaa'a!» jedhe. Inni akkasi jennaan isaan namicha waamanii, «Inni si waama'aara, jabaadhu! ka'i!» jedhaniin. 50 Inni uffata ufi irraa gatee, utaalee ka'ee, gara Yesuusii dhufe. 51 Yesuus, «Maal akka sii godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Namichi ballaan sunillee, «Barsiisaa'a! Ija tiyya akka naa bantu barbaada» jedheen. 52 Yesuusillee isaan, «Amantiin kee si fayyiseera deemi!» jedhe. Yoosuu ijaan argee isa faanaa deeme. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia