Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Maarqoos 1 - WAADAA LAMMATAA


Lallaba Yohaannisii Cuupha'aa
( Mat. 3:1-12 ; Luq. 3:1-18 ; Yoh. 1:19-28 )

1 Jalqabni Oduu Nagayaa Ilma Rabbii ka Yesuus Kiristoosii kana.

2 Kitaaba raatticha Isaayyaasii keessatti, «Ani ergamaa kiyya ka karaa sii qopheessu si afo'otti erga.

3 Lafa udume'ee keessatti, ‹Karaa Goofta'aallee qopheessaa'a. Daandii inni irra deemullee qajeelchaa jedha'aa laagaa namicha iyyu tokkoo› » jedhamee akkuma barreeffame.

4 Yohaannisiin cuuphaan lafa udume'ee keessatti, «Aagii gala'aatii cuuphamaa'a! Rabbillee cubbuu keessan isinii dhiisa» jedha'aa lallaba'aa dhufe.

5 Baniin biyya Yihuuda'aatii fi qachaa Yeruusaaleemii maruu gara isaa dhufa'aa turan. Cubbuu ufiillee himata'aa laga Yoordaanoosiititti harka isaatiin Cuuphama'aa turan.

6 Yohaannis, uffata rifeensa gaalaa irraa hojjatame uffatee, mudhii ufii teephaan hidhatee, Awwaannisaa fi damma gammoojji'ii nyaata'aa ture.

7 Innillee akkana jedhee lallabe. Ka ana caalaa hunna qabu, ka miseensa kophee isaa gad jedhee hiikuun naan hin malle tokko na duubaan dhufa'aara.

8 Ani bisaaniin isin cuupha. Inni ammoo Ayyaana Woyyu'uun isin cuupha jedha'aa lallabe.


Cuuphamu'uu Fi Ataabamuu Yesuusii
( Mat. 3:13-17 ; Luq. 3:21-22 ; Yoh. 1:31-34 )

9 Hennaa san, Yesuus biyya Galiila'aatii gara qachaa Naazireetii dhufee harka Yohaannisiitiin laga Yordaanosiititti cuuphame.

10 Akkuma Inni bisaan keessaa bayeen samiin banamtee, Ayyaanni handarii fakkaatee yoo irratti bu'u arge.

11 Samii irraa laagaan, «Ilmi jaaladhu si'i, An sitti gammada» jedhu dhufe.

12 Yoma san Ayyaanni gara lafa udume'ee isa baase.

13 Lafa udume'eetitti guyyaa afurtamaaf seexanaan ataabama'aa ture. Achitti bineensota jidduu ture. Maleekkonnillee hin tajaajilaniin.


Waamamuu Darasoota Duraa
( Mat. 4:12-17 ; Luq. 4:14-15 )

14-15 Yohaannis dabarfamee haga kennameen maayii, Yesuus, «Barri dhume. Jeennanni Rabbii dhiyaateera; aagii galaa'a Oduu Nagayaatittillee amanaa'a.» jedha'aa Oduu Nagayaa ka jeennata Rabbii lallaba'aa gara Galiila'aa dhufe.

16 Uduu galaana Gaaliila'aa bira lufa'aaru Simo'onii fi obboleessi isaa Indiriyaas siiboo isaanii gara galaanaa hennaa darban arge. Isaan worra qurxummii qaba'aa turan.

17 Yesuusillee, ‹ «Na faanaa koottaa worra nama wolitti qabu akka taatan isin taasisa» isaaniin jedhe.

18 Yoosuu siiboo isaanii dhiisanii isa faanaa deeman.

19 Akkuma diqqoo achi siiqeen, ilmaan Zabdiwoosii Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannisiin yabala irratti uduu isaan siiboo midhaaffatan argee,

20 Yoma san isaan waame. Isaanillee abbaa isaanii Zabdiyoosiin, hojjattoota woliin yabala irratti dhiisanii isa faanaa deeman.


Yesuus Ayyaana Hamaa Baase
( Luq. 4:31-37 )

21 Gara qachaa Qifirnaahomii dhaqanii, guyyaan Sambataa hennaa gaye, Yesuus gara mana sagada Yihuudotaa seenee barsiise.

22 Inni akka barsiisota seeraa uduu hin taane akka nama baallii qabuutitti waan barsiisa'aa tureef, namoonni barumsa isaa maalalfatan.

23 Hennaa sanillee Mana sagada Yihuudotaa keessatti nama ayyaanni battiin dhayeeru tokkotu ture.

24 Innillee, «Yesuusii Naazireetii si woliin maal qabna? Nu balleessu'uuf dhuftee? Eennuun akka taate si beeka, ati Woyyicha Rabbiiti» jedhee iyye.

25 Yesuusillee, «Cadhisi! Isa keessaa bayi» jedhee teedeffate.

26 Ayyaanni battiin dhidhiitachiisee laagaa gudda'aan iyyee isa keessaa baye.

27 Martinuu, «Kun maali'ii? Baalli'iin ayyaanota battii ajaja; isaanillee hin ajajamaniif. Barumsi haarofni kun maali'i?» jedha'aa baaseffatanii wol gaggaafatan.

28 Gurri isaallee yoosuu biyya Galiila'aa maraa keessatti dhagayame.


Yesuus Dhukkubsattoota Hedduu Fayyise
( Mat. 8:14 ; Luq. 4:38-41 )

29 Yomasan Mana sagada Yihuudotaatii bayee, Yaaqoobii fi Yohaannisiin woliin gara mana Simoonii fi Indiriyaasii seene.

30 Soddaatiin Simooniillee dhibee haxaxxe'eetiin dhibamtee ciiftee turte. Yoosuu waan isi'ii itti himan.

31 Itti dhiyaatee harka isi'ii qabee ol kaaseen, haxaxxeenillee bakkumatti dhiiseen. Ol kaateellee isaan keessummeessite.

32 Hennaa aduun dhiite worra dhibamanii fi worra jinniin keessa jiru maraa gara isaa fidan.

33 Namoonni qachaa sanii maruu balbala afo'otti wol gayan.

34 Worra dhibee adda addaatiin qabaman heddu fayyisee; jinnii hedduullee baase. Jinnoonnillee Kiristoosiin akka ta'e beekanii waan turaniif akka dubbatan isaan hin hoffolchine.


Yesuus Faateffatee Galiilaa Keessatti Lallabe
( Luq. 4:42-44 )

35 Yesuus ganama barii dimimmisaan ka'ee, bayee gara lafa udume'ee dhaqee, achitti faateffate.

36 Simoonii fi worri isa woliin jiran isa soqa'aa isa faanaa deeman.

37 Hennaa isa argan, «Maruu si soqa'aaran» jedhaniin.

38 Inni ammoo, «Ka'aa gara ganda dhiyoo jiranii haa deemnu, An achittillee hin lallaba; wonti ani dhufeef kana» isaaniin jedhe.

39 Mana sagada Yihuudotaatitti lallaba'aa, jinniillee baasa'aa biyya Galiila'aa keessa deeddeme.


Yesuus Namicha Tokko Fayyise
( Mat. 8:1-4 ; Luq. 5:12-16 )

40 Namichi dhibee gogaa kukkutuun qabame tokko gara isaa dhufee jilbiinfatee, «Yoo fedha kee ta'e na fayyisuu dandeetta» jedhee kadhateen.

41 Yesuusillee gaddeefiit, «Harka ufii hiixatee qaqqabeeniiti hin fedhaa fayyi» jedheen.

42 Akkuma inni dubbateen, dhibeen sun isa dhiise, namichillee hin fayye.

43-44 Achiin maayii Yesuus namichaan «Eennuttillee waa tokko akka hin dubbanne uf eegi. Haata'uu ammoo deemii gadichatti uf mudhisi isaaniifillee ragaa akka ta'u fayyuu keetiif waan Muuseen ajaje dhiyeessi» jedhee jabeessee isa seeree geegesseen.

45 Inni ammoo akkuma arge dubbata'aa, oduu biyya maraan gaye. Kanaaf Yesuus achiin maayessa hulee udumee namni hin jirre ture malee, gara qacha'aa seenuu hin dandeenne. Namoonni bakka adda addaatii gara isaa dhufa'aa turan.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan