Wongeela Luqaas 5 - WAADAA LAMMATAAYesuus Darasoota Waame ( Mat. 4:18-22 ; Mar. 1:16-20 ) 1 Baniinillee dubbii Rabbii dhagayu'uuf wol dhiibaa uduu jiran inni qaccee galaana Geensaareexii dhaabatee ture. 2 Yabaloota lamaan qaccee galaanaa dhaabatan argee; worri qurxummii qaban ammoo yabala ufii keessaa bayanii siiboo isaanii miica'aa turan. 3 Yabala Simoonii keessa seenee, Lafa irraa diqqoo gara galaanaa keessa akka siissu isa kadhate. Achiin maayii Yabalattii irra taa'ee Banii barsiisa'aa ture. 4 Haga dubbii ufii fixateen maayessa Simooniin, «Gara bisaan xiilla'aa sissiitii, qurxummii qabu'uuf siibota keessan gadi darbaa'a» jedheen. 5 Simoonillee, «Barsiisaa'a, eda halkan guutuu dadhabaa bullee womaa hin qabne, haata'uu ammoo, yoo ati jette ani siiboo hin buusa» jedheen. 6 Hennaa kana godhan qurxummii heddu qaban. Siiboon isaaniillee hin biinxame. 7 Hiriyyoonni isaanii worri yabala biraa keessa turan dhufanii akka isaan gargaaran harkaan haatatan. Isaanillee dhufanii yaballan lamaanuu haga liqimffamuu gayutti guutan. 8 Simoon Pheexroos ammoo kana hennaa arge jilba Yesuusii jalatti kufee, «Gooftaa'a, ani cubbama'a natti hin dhiyaatin!» jedheen. 9 Waan qurxummii qabanii isaaf worri isa woliin ture maruu hin maalalfatan. 10 Akkasuma ammoo hiriyyoota Simoon worri turan, ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannisillee hin maalalan. Yesuusillee Simooniin, «Hin sodaatin! ammaa achi nama nama qabu taataa» jedheen. 11 Isaan yaballan harkisanii qarqaratti baasanii, waan mara dhiisanii Yesuusiin faana deeman. Yesuus Namicha Tokko Fayyise ( Mat. 8:1-4 ; Mar. 1:40-45 ) 12 Gaafa tokko Yesuus qachaa tokko keessa uduu jiru, namichi dhukkuba gogaa kukkutuun qabameeru ka achi jiru tokko, hennaa isa arge, Yesuusiin afo'otti kufee, «Gooftaa'a, yoo fedha kee ta'e na fayyisi» jedhee kadhate. 13 Innillee harka ufii hiixatee isa qaqqabeeniiti, «Hin fedhaa fayyi» jedheen. Yoma san dhibeen gogaa kukkutu sun irraa bade. 14 Yesuus namichaan, «Waan kana nama tokkottillee hin himin; haata'uu ammoo deemiitii gadootatti uf mudhisi; akka ati fayyite, namni maruu akka beekuuf, fayyuu keetiif, ciincaa Muuseen ajaje dhiyeessi!» jedhee isa ajaje. 15 Oduun ammoo guddisee dhagayame, baniin heddu isa dhagayu'uuf dhibee isaanii irraallee fayyu'uuf isa biratti wolgaya'aa turan. 16 Haata'uu ammoo inni gara lafa udume'ee siiqee faateffata'aa ture. 17 Innillee guyyaa tokko barsiisa'aa oole. Gandoota Galiilaatii fi Yihuudaa keessatti argaman maraa keessaa maruu Yeruusaalemii dhufanii, Yerusaalemiillee worri dhufanii turan Fariisotaa fi barsiisonni seera Muuse'ee achi taa'aniiran. Innillee akka Fayyisuuf hunni Goofta'aa isa woliin jira. 18 Jarri tokko, nama laamshayaa wosaasa'aan baadhatanii fidanii seensisanii afoo isaa kaayu'uuf barbaadanii, 19 Sababaa baayi'ina bani'iitiif akkam godhanii akka seensisan dhabnaan mana irra bayanii ginnoo manaa saaqanii wodhakka'aan afoo Yesuusiititti wosaasaa woliin gadi buusan. 20 Yesuusillee amantaa isaanii argee, namichaan, «Namana, cubbuun kee sii dhiifameera» jedheen. 21 Barsiisonni Seera Muuse'ee tii fi Fariisonni, «Ka Rabbiin arabsu kun eennu inni? Rabbii tokkicha malee eennutu cubbuu namaaf dhiisuu danda'a?» jedha'aa yaada'aa turan. 22 Yesuusillee yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana garaa keessan keessatti yaaddanii? 23 ‹Cubbuun kee siif dhiifameera› jechuu moo yookiin, ‹Ol ka'ii deemi› jechu'utu salpha'a? 24 Haata'uu ammoo biyya lafaatitti dhiifama cubbuu godhuuf, Ilmi Namaa baallii akka qabu akka beettan» jedhee, namicha laamshayaa saniin, «Ol ka'i! Itillee kee qabadhuu gara mana keetii deemi!» jedheen. 25 Hennaa san afoo isaniitti ol ka'ee, itillee irra ciisaa ture fudhatee, Rabbiin galatoonfata'aa gara mana ufii deeme. 26 Isaan maruu akka malee maalalfatanii, guddisanii sodaatanii, «Adha waan maalalee argine!» jedha'aa Rabbiin galatoonfatan. Yesuus Leewwii Waame ( Mat. 9:9-13 ; Mar. 2:13-17 ) 27 Achiin maayessa, Yesuus achii deemee, namicha qaraxa guuru ka Leewwii jedhamu tokko, bakka qaraxa itti guuru uduu inni taa'eeru argee, «Na faana koottu» jedheen. 28 Innillee waan maraa dhiisee, ka'ee, isa faana deeme. 29 Leewwiinillee mana ufiititti waan nyaataa qopheessee isa waame, worri isaan woliin hurbaata'aaf taa'anii jiran ka qaraxa guuruuf namoonni biraallee heddutu ture. 30 Faariisotaa fi barsiisonni seera Muuse'ee gariin, «Isin maaf qaraxxootaa fi cubbamtoota woliin nyaattan? maaf dhuddan?» jedhanii darasoota Yesuusiititti guunguman. 31 Yesuusillee deebisee, «Dhukkubsattootaaf malee, worra fayyaa qabuuf ogeessi fayya'aa hin barbaachisu. 32 Ani ka dhufeef cubbamoota gara dhiifamaa waamuuf malee, qajeellota waamu'uuf hin dhufne» isaaniin jedhe. Gaafii Waan Soomaa ( Mat. 9:14-17 ; Mar. 2:18-22 ) 33 Namoonni gariin Yesuusiin, «Darasoonni Yohaannisii hennaa hedduu sooma'aa faateffatan. Darasoonni fariisotaallee akkasuma godhan, darasoonni tee ammoo hin nyaatan, hin dhuganille'e» jedhaniin. 34 Yesuusillee Idaayyaan isaan woliin uduu jiru; «Worra jaalaa soomsisuu dandeettuu? 35 Haata'uu ammoo hennaan Idaayyaan isaan biraa fudhatamu hin dhufa. Isaan ammoo yoo san hin sooman» isaaniin jedhe. 36 Innillee akkana jedhee mammaakaan isaanitti hime. «Namni xaaqaa haarawa uffata moofaa irratti dhaabee hodhu hin jiru. Yoo itti dhaabee hodhe ammoo haarawa tarsaasa; xaaqaan haarofni ammoo moofa'aaf hin tolu. 37 Qalqala moofa'atti daadhii woyinii haarawa ka kaayu hin jiru; yoo kaaye ammoo daadhiin woyinii haarofni qalqala dhoosa innillee hin jiga qalqallillee hin bada. 38 Daadhiin woyini'ii haarawa ammoo qalqala haarawa keessa kaayama; lachuu wal qabatan. 39 Namni daadhii woyni'ii ka baye haga dhugeen maayii ka hin baayiin dhuguu ka barbaadu hin jiru. Inni, ‹Ka baye woyya› jedha» jedhe. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia