Wongeela Luqaas 3 - WAADAA LAMMATAALallaba Yohaannisii Cuupha'aa ( Mat. 3:1-12 ; Mar. 1:1-8 ; Yoh. 1:19-28 ) 1 Hennaa Qeesaari Xabaariyos mooye woggaa kudha shanaffa'aatitti Pheenxeenichi Philaaxoos bulchaa biyya Yihuuda'aa ture, Heroodisi biyya Galiila'aatitti, obboleessi isaa Filiphoos biyya Xuriya'aatii fi Xuraakondoositti, Lisaaniyaasillee biyya Saabilamiisiititti bulchitoota turan. 2 Haannaanii fi Qayaafaan hennaa bulchaa gadootaa ta'aniiranitti dubbiin Rabbii gammoojjii keessatti gara ilma Zakkaariyaasii gara Yohaannisii dhufe. 3-6 Yohaannis biyya naannoo Yoordaanosii keessa deemee, «Cubbuu keessan irraa deebi'aatii cuuphamaa'a; Rabbillee cubbuu keessan isinii araarama» jedhee lallabe. Kitaaba Raatticha Isaayyaasii keessatti, ‹Karaa Goofta'aa qopheessaa'a; karaallee qajeelchaa'a! jedha'aa laagaan nama biyya gammoojjii keessatti iyyuu, Qileen maruu haa guuttamuu, gaarrinii fi gooddi maruu gadi haa jedhuu, karaan daddabaanillee qajeelaa haa ta'uu, namni foon uffate maruu fayyisuu Rabbii haa arguu;› » jedhamee akkuma barreeffame cuuphaa dhiifamsa cubbu'uu lallaba'aa gara biyya naannaya Sooriya'aa maraa dhaqe. 7 Kanaafuu Yohaannis gumii harka isaatitti cuuphamu'uuf dhufaniin akkana jedhe, «Isin ijoollee bofaa! lola dhufa'aaru jalaa akka baqattan eentu isinitti hime? 8 Kanaafuu cubbuu irraa deebi'aa'a, waan mishaa hojjadhaa'a, Eegasuu abbaan keenna Abirahaam hin jedhinaa'a, Rabbii dhagaa kanniin keessaa Abirahaamiif ijoollee taasisuu waan danda'uuf. 9 Amma dhagaraan muka jala jira. Kanaafuu munni daraaraa mishaa hin daraarre maruu muramee ibiddatti gatama» jedhe. 10 Hennaa san gumi'iin, «Maal haa goonuree?» jedhanii gaafataniin. 11 Innillee deebisee, «Ka uffata lama qabu ka biraatiif haa kennuu. Ka waan nyaatu qabullee akkasuma haa godhuu» jedhe. 12 Qaraxxoonnillee akkasuma cuuphamu'uuf dhufanii, «Barsiisaa'a, maal haa goonuu?» jedhanii isa gaafatan. 13 «Waan seeraan murtaaye caalchiftanii hin guurinaa'a» isaaniin jedhe. 14 Loltoonni gariin, «Nu hoo ree? maal goona?» jedhanii isa gaafatan. Innillee isaaniin, «Eennuun irrattillee waan hamaa hin hojjatinaa'a, eennuunillee dharaan hin himatinaa'a, mindaan keessanuu isin haa gayuu» isaaniin jedhe. 15 Uduu gumiin isa eega'aaru, isaan martinuu garaa ufii keessatti, «Yohaannisiin kun Kiristoosiin ta'innaa?» jedha'aa yaada'aa turan. 16 Yohaannis deebisee, «Ani bisaaniin isin cuupha. Haata'uu ammoo ka ani miseensa kophee isaa hiikuun naaf hin malle ka na caalu hin dhufa. Inni ayyaana woyyu'uuf ibiddaan isin cuupha. 17 Manshiinillee harka isaa keessa jira. Oyidiillee sirima hin qulqulleessa. Qamadii gaaguratti galcha. Buraa ammoo ibidda hin dhaamnetti gata» isaaniin jedhe. 18 Kanaafuu banii karaa adda addaatiin gorsa hedduu gorsa'aa Oduu Nagayaallee isaanitti lallaba'aa ture. 19 Heroodisiin bulchaan kutaa arfaffa'aa ammoo waan haadha manaa obboleessa ufii ta Filiphoosii Heroodiyaadaa waan hamaa inni godhe saniif Yohaannis waan isa gorseef, 20 Wonti kun waa maraa caalee wolitti eda'ameeti, Yohaannisiin akka hidhamu taasise. Cuuphamuu Yesuusii 21 Baniin maruu haga cuuphameen maayessa, Yesuusillee cuuphame. Inni hennaa kadhatu samiin baname. 22 Ayyaanni Woyyuunillee akka haala nafaatiin handarii fakkaatee isa irratti bu'e. Ilmi kiyya ka ani jaaladhu si'i, ani si'iin gammada laagaan jedhu samii irraa dhufe. 23 Yesuus hennaa tajaajila jalqabu umuriin isaa woggaa soddoma ture. Baniin Yesuusiin ilma Yooseefii seya; Yooseefiin kun ilma Eeli'ii ti. 24 Eeliin ilma Maati'iiti, Maati ilma Leewi'iiti, Leewiini ilma Miilkiiti, Miilki ilma Yoonaati, 25 Yoonaan ilma Yooseefiiti, Yooseef ilma Matatiyuuti, Matatiyuun ilma Amosiit, Amosii ilma Nahomiiti, Nahomiin ilma Eslimiti, Esliimiin ilma Nageeti, 26 Naageen ilma Ma'atiiti, Ma'atiin ilma Matatiyuuti, Matatiyuun ilma Seemeyiti, Seemeyi ilma Yooseefiiti, Yooseef ilma Yoodaati, 27 Yoodaan ilma Yoonaaniiti, Yoonaan ilma Resiiti, Resiin ilma Zarubaabeliiti, Zarubaabeli ilma Salatiyaaliit, Salatiyaali ilma Neriit, 28 Neriin ilma Miilkiit, Miilki ilma Haadiit, Haadiin ilma Yoosasiit, Yoosasi ilma Qosaamiit, Qosaamiin ilma Elimodameet, Elimodameen ilma Eeriit, 29 Eeri ilma Yosee'iit, Yoosee'i ilma Eli'azariit, Eeli'azari ilma Yooramiit, Yoorami ilma Maaxaatiit, Maaxaati ilma Leewiit, Leewiin ilma Simo'oniti. 30 Simo'on ilma Yihuudaati, Yihuudaan ilma Yooseefiiti, Yooseef ilma Yoonaaniiti, 31 Yoonaan ilma Eliyaqemiit, Eliyaqemi ilma Meliyaati, Meliyaan ilma Maayinaaniiti, Maayinaan ilma Maaxaatiit, Maaxaati ilma Naataaniiti, 32 Naataan ilma Daawitiiti, Daawiti ilma Iseyiit, Iseyi ilma Iyobediit, Iyobedi ilma Bo'eeziit, Bo'eezii ilma Salmooniit, 33 Salmooni ilma Na'asooniit, Na'asoon ilma Amiinaadabiit, Amiinaadabi ilma Aramiit, Arami ilma Arooniit, Arooni ilma Esiroomiiti, 34 Esiroomi ilma Faresiit, Faresi ilma Yihuuda'aati, Yihuudaan ilma Yaaqoobiiti, Yaaqoobi ilma Yisihaaqiit, Yisihaaqi ilma Abirahaamiit, Abirahaam ilma Taaraat, 35 Taaraan ilma Naakooriit, Naakoori ilma Seerohiti, Seerohi ilma Ragawut, Ragawu ilma Faleqiit, Faleqi ilma Abeeriit, Abeeri ilma Saalaatiiti, 36 Saalaan ilma Qaayinaamiiti, Qaayinaam ilma Arifakisidiit, Arifakisidiin ilma Seemiit, Seemii ilma Nohiit, Nohi ilma Laamehiit, Laamehii ilma Maatusaalaat, 37 Maatusaalaan ilma Heenokiit, Heenooki ilma Yaareediit, 38 Yaareedi ilma Malali'eeliit, Malali'eeli ilma Qayinaaniit, Qaayinaan ilma Heenoosiit, Heenoosi ilma Seetiiti, Seeti ilma Aadaamiit, Aadaam ilma Rabbii ti. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia