Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Luqaas 23 - WAADAA LAMMATAA


Yesuus Philaaxoosiin Afo'otti Dhiyeeffame
( Mat. 27:1-2 , 11-14 ; Mar. 15:1-5 ; Yoh. 18:28-38 )

1 Isaan maruu woliigalanii ka'anii gara Philaaxoosii isa fidanii,

2 «Kun gumii keenna dogoggorsa'aa, Qeesaarii fi mootii worra Rooma'aatii gibira akka hin kaffallee yoo dhooggu, ammo Ani Kiristoosii mooti'i uduu jedhu argine» jedhanii himachuu jalqaban.

3 Philaaxoosillee, «Ati mootii Yihuudiitii?» jedhee isa gaafate. Innillee deebisee, «Maarre atuu jette» isaan jedhe.

4 Philaaxoos, bulchoota gadootaatii fi gumi'iin ani nama kana irratti yakka tokkollee hin argine jedhe.

5 Isaan ammoo jabeessanii, «Galiila'aa jalqabee haga Yihuudaa maraa keessatti barsiisa'aa gumii booressa» jedhan.


Yesuusiin Heroodiisiin Afo'otti Dhiyeessan

6 Philaaxoos ammoo Galiilaa hennaa jedhan dhagayee, inni nama Galiila'aatii jedhee gaafate.

7 Bulchaa Heroodisii keessaa akka ta'e haga beeke, gara Heroodisii erge. Innillee ammoo hennaa san Yerusaalemiin waan tureef.

8 Heroodisillee Yesuusiin hennaa arge, guddisee gammade. Sababaa waan isaa dhagayeef hennaa dheeraa isa argu'uuf hawwaa waan tureef. Malkata guddaa inni hojjatu argu'uuf abdii godha'aa ture.

9 Kanaaf gaafii heddu isa gaafate. Inni ammoo waa tokkollee isaa hin deebifne.

10 Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee jabeessanii isa himachu'uuf achi dhaabatanii turan.

11 Heroodisillee loltoota ufii woliin tuffatee itti balde. Uffata qandhafaa itti uwwisee, deebisee gara Philaaxoosii erge.

12 Heroodisii fi Philaaxoos gaafas jaalalloo ta'an. Duraan edduu isaanii lolatu ture.


Yesuusitti Du'a Itti Murteessan
( Mat. 27:15-26 ; Mar. 15:6-15 ; Yoh. 18:39—19:16 )

13 Philaaxoosillee bulchoota gadootaa aango qabeeyyi'ii fi banii wolitti waamee akkana isaaniin jedhe.

14 Isin, «Namichi kun gumii dogoggorsa jettanii nama kana gara kiyya fiddan, kunoo afoo keessanitti qoradhee waan isin isa himattaniif yakka tokkollee nama kana irratti hin argine.

15 Heroodisillee ammoo womaa irratti waan hin argineef gara keenna deebiseera, waan isa ajjeesisu womaa hin goone.

16 Eegasuu adabee isa hiika.»

17 Hennaa ayyaanaa nama hidhame tokko hiikuun aadaa isaanii waan ta'eef.

18 Marti isaaniituu wolta'anii, «Namicha kana balleessi Baarbaaniin nuu hiiki!» jedha'aa wocan.

19 Inni waan qachaa booressee namallee ajjeeseef mana hidha'atitti hidhamee ture.

20 Philaaxoosillee, Yesuusiin hiikuu barbaadee deebi'ee isaanitti dubbate.

21 Haata'uu ammoo isaan fannis! Fannis jedhaa wocan.

22 Hennaa saddaffaaf, «Badiin inni godhe maali'i? yakka du'aaf isa geessu isa irratti hin argine. Kanaafuu adabee hiika» isaaniin jedhe.

23 Isaan ammoo, «Fannisi» jedha'aa laagaa gudda'aan wocan; laagaan woca bani'iitii fi bulchoota gadootaa ka maraatuu caale.

24 Waan isaaniitiif dubbiin bulchoota gadootaallee jabaatee jennaan, Philaaxoos akka kadhaan isaanii ta'uuf isatti murteesse.

25 Namicha qachaa booreesee nama ajjeesee mana hidha'atitti hidhamee ture san waan kadhataniif gad isaanii dhiise. Yesuusiin ammoo akka fedhii isaaniitiif dabarsee kenne.


Yesuus Fannifame
( Mat. 27:32-44 ; Mar. 15:21-32 ; Yoh. 19:16-27 )

26 Hennaa Yesuusiin geessan, namichi biyya Qareena'aa Simoon ka jedhamu tokko baadiyya'aa hennaa dhufu Yesuusiin faana fannoo baatee akka deemu itti baachisan.

27 Banii san keessaa dubartoonni hedduu booyaa boochisaa isa faanaa deeman.

28 Yesuus ammoo gara isaanii midhatee akkana jedhe, isin dubartoonni Yeruusaaleemii ufiif ijoollee keessanii booyaa malee naa hin booyinaa'a.

29 Haata'uu ammoo, ‹Dhabduun, gadaamessi sirimaa hin deennee fi harmi hin hoosifne ka eebbifame› hennaan jedhamu kunoo hin dhufa.

30 Hennaa san gaarotaan nurratti jigaa tullootaan ammoo nu dhossaa jechuu jalqaban.

31 Isaan eega muka jiidhaa irratti akkana godhan ta'e, muka gogaa ammoo attam godhinnu laata?

32 Worra yakka hojjatan lamaan akkasuma isa woliin ajjeesu'uuf achi geessan.

33 Hennaa hulee Qaraaniyoo jedhamu gayan, achitti isaaf worra yakka hojjatan lamaan tokko mirgaan ka lammaffa'aa bitaa isaatiin fannisan.

34 Yesuusillee, «Abbaa'a, isaan waan godha'aaranuu waan hin beenneef, isaanii dhiisi!» jedhe.

35 Uffata isaallee qoodamu'uuf hixaa itti buufatan. Gumiinillee dhaabatee laala'aa ture. Ajajjoonnillee akkasuma, «Kaawwan fayyiseera; Inni Kiristoosii Rabbiin filatame yoo ta'e uf haa fayyisuu!» jedhaa itti balda'aa turan.

36 Loltoonni ammoo gara isaa dhiyaatanii waan dhangagga'aa kennaniif.

37 «Ati mootii Yihuudii yoo taate uf oolchi!» jedha'aa itti balda'aa turan.

38 «Kun Mootii Yihuudotaati» jechi jedhu tokko afaan Giriikii, Roomaayisxii fi ibiraayisxiin barreeffamni barreeffame mataa isaa gubbaa jira.

39 Hammeeyyii yakkaaf fannifaman keessaa tokko, «Ati Kiristoosii mii? Ufillee nullee oolchi!» jedhee isa arrabse.

40 Ka Lammaffa'aa ammoo, «Ati murtee akkanaa irra uduu jirtu, Rabbimallee hin sodaattuu?»

41 Nu waan gooneef murtii keenna hin arganna, murtiin nurratti murtaaye murtii dhuga'aati. Inni ammoo dhara woyiituu hin hojjanne jedhee isa teedeefate.

42 Yesuusiin, «Gooftaa kiyya, mootummaa keetiin hennaa dhuftu na qaabadhu!» jedhe.

43 Yesuus deebisee, «Dhugamaan siin jedha, adha na woliin jeennata galta» jedheen.


Du'uu Yesuusii
( Mat. 27:45-56 ; Mar. 15:33-41 ; Yoh. 19:28-30 )

44 Sa'aatii jaharraa jalqabee dukkanti haga sa'aatii sagalii biyya lafaa maratuu ta'e.

45 Aduunillee hin dukkanoofte. Golgaan mana woyyuu gubba'aa haga gadii tarsa'e.

46 Yesuusillee laagaa gudda'aan iyyee, Abbaa lubbuu kiyya harka keetitti yaboo dabarsee kenna jedhe. Kana jedhee lubbuu ufii dabarsee kenne.

47 Ajajaan loltuu dhibbaa waan ta'e san hennaa arge, «Namni kun dhugamaan qajeela'a» jedhee Rabbiin kabajje.

48 Worri kana argu'uuf walgaye maruu waan ta'e san hennaa argan laphee ufii tumaa deebi'an.

49 Worri isa beekan maruu, Dubartoonni Galiila'aa isa faanaa dhufan maruu fagoo dhaabatanii waan kana laala'aa turan.


Yesuus Awwaalame
( Mat. 27:57-61 ; Mar. 15:42-47 ; Yoh. 19:38-42 )

50 Namichi miseensa gumii Yihuudotaa ka Yooseef jedhamu tokkotu ture. Innillee nama misha'aa fi qajeela'a.

51 Inni mari'ii fi hujii isaanii keessa hin jiru. Yooseef qachaa Yihuuda'aa ta Armaatiyaas jedhamtuu dhufe, Innillee akkasuma jeennata Rabbii eeggata'aa ture.

52 Namichi kun gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii kadhate.

53 Fannoo irraa buusee qoolaan kafanee awwaala dhagaa irraa bocame ka namni biraa haga ammaa itti hin awwaalamne keessa kaaye.

54 Guyyaan sun guyyaa qophi'ii ture. Sambannillee seenuu gayeera.

55 Dubartoonni Yesuusiin woliin Galiila'aa dhufanillee isa faana deemanii awwaalaaf reeffallee attamitti akka kaayan argan.

56 Achii deebi'anii anshaa fi urgo'oof waan diban qopheessanii akka seeraatitti guyyaa Sambataa harabaafatan.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan