Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Luqaas 2 - WAADAA LAMMATAA


Dhaloota Yesuusii
( Mat. 1:18-25 )

1 Ji'oota san keessa biyyi lafaa maruu akka galmaayu mootii mootota Awugisxoosiin biraa ajanyi baye.

2 Galmaayuun namaa kun jalqaba hennaa Qernewos biyya sooriyaatitti bulchaa ture ta'e.

3 Namoonni martinuu galmaayu'uuf gara qacha'aa deeman.

4-5 Yooseefillee akkasuma dhalootaan fiixaa Daawitii waan ta'eef, qachaa Naazireeti ta Galiilaa keessatti argamtu bayee gara qachaa Daawitii ta biyya Yihuudaa Beetaliheemiin dhaqe; inni galmaayu'uuf Maariyaamii qaadhima isaa ta ulfaa woliin achi ol baye.

6 Uduma isaan achi jiran jiini isiin deettu gaye.

7 Achitti ilma hangafaa deette; mana keessuma'aa keessatti huleen bulan waan hin jirreef, daa'ima uffataan martee gongaa keessa raffifte.


Tisse'ee Fi Maleekkota Rabbii

8 Biyya sani tissee halkan horii eeddutu jira.

9 Maleekkaan Goofta'aa dimmaa isaanitti mudhatee, ulfinni Goofta'aallee isaanitti ifnaan bararraaqan

10 Maleekkaan Rabbiillee akkana isaaniin jedhe, oduu gammachu'uu ka banii maraaf ta'u waan isinitti himuuf, «Hin sodaatinaa'a!

11 Adha qachaa Daawitii keessatti qorsi isinii dhalateera; innillee Gooftaa Kiristoos.

12 Kunillee malkata akka isinii ta'u, Daa'imni uffataan maramee gongaa keessa ka rafeeru argitan» isaaniin jedhe.

13-14 Maleekkonni sami'ii hedduu Maleekkaa Rabbii san woliin dimmaa mudhatanii, «Samii irratti ulfinni Rabbiif lafa irratti nageenni namoota inni jaalatuuf haa ta'u» jedhanii Rabbiin galatoonfatan.

15 Hennaa Maleekkonni isaan biraa fooyamanii gara sami'ii ol bayan, tissoonni, «Ka'aa mee, gara Beeteliheemii dhandhee, waan ta'e kana, ka Gooftaan nutti hime laallaa!» woliin jedhan.

16 Isaan daddafanii hennaa dhaqan Maariyaamii fi Yooseefiin argan, Daa'imallee moonaa Loonii keessa gongaa horiin okaya keessaa nyaatu keessatti argan.

17 Tissoonni hennaa isa argan waan Maleekkaan Rabbii waan daa'ima kanaa isaanitti dubbate odeessan

18 Worri dhagayan maruu waan tisseen itti himte san maalalfatan.

19 Maariyaam ammoo waan kana maraa garaa ufiititti yaada'aa eega'aa turte.

20 Tissoonni akkuma isaaniin jedhame waan dhagayanii argan maraafuu Rabbiin galatoonfata'aa kabajja'aa deebi'an.

21 Guyyaan saddeetaffaan geennaan, hennaan daa'ima gadoomsan gaye, akkuma haati isaa uduu hin ulfaayiniin duratti Maleekkaan maqaa isaa baase san «Yesuus» jedhaniin.

22-24 Akka seera Muuse'eetitti ji'oonni qulqullinna isaanii hennaa raawwatame, seera Goofta'aatiin ilmi hangafaa maruu ka Goofta'aaf woyyoome jedhamee akkuma barreeffame, Gooftaa afoo isa dhiyeessu'uuf, seera Goofta'aatiin cuquliisa lama yookiin ilmoolee handari'ii lama akkuma jedhame ciincaa dhiyeessu'uuf gara Yeruusaaleemii fidaniin.

25 Hennaa san namichi maqaan isaa Simoon jedhamu ka Yeruusaalemiin keessa jiraatu tokkotu jira. Inni nama qajeela'a, ka jiruu ufii Rabbiif kenneeru. Inni nama fayyinna Israa'elii eeggatu; ka Ayyaanni Woyyuun irra jiru ture.

26 Nama Goofta'aan muudame uduu hin argine akka hin duune Ayyaana Woyyu'uun hubate.

27 Ayyaanaan gara mana woyyu'uu dhaqe; Maariyaamii fi Yooseef akka Seera Muuse'eetitti waan isa barbaachisu isaa godhu'uuf, daa'ima qabatanii gara mana woyyu'uu hennaa seenan,

28 Innillee ammo daa'ima isaan harkaa fuudhee ammatee, Rabbiin galatoonfata'aa akkana jedhe,

29 «Amma, Gooftaa'a, abdii kennite guutteerta, ana tajaajilaa kee nagayaan hulee dhuga'aa geessi.

30-31 Ijji tiyya banii maraa afo'otti fayinna ati qopheesite waan argiteef.

32 Ifni worra Yihuudota hin ta'initti mudhisu kun, Gumii kee Israa'eliifillee ulfinna fida» jedhee Rabbiin galateeffate.

33 Yooseefii fi Maariyaam waan Simoon waan daa'imaatiif dubbate maalalfatan.

34-35 Achiin maayessa Simoon isaan eebbise Maariyaamiin, «Daa'imni kun Israa'eliin keessatti nama hedduuf sababa badi'ii, nama hedduuf ammoo sababaa fayyinaa akka ta'uuf muudameera. Kunillee worra isaan mormuuf malkata ta'a; yaanni dhossa'aa ka garaa namoota hedduu keessa jiru ifatti baya Gaddi akka guraadee qaramellee garaa kee woraana» jedhe.

36 Raattittiin Haannaa jedhamtu, ta guddiftee jaarteertu, mucattiin Faanu'eelii, ta gosa Aseerii takka achi jirti. Isiin heerumtee woggaa torba haga jiraatteen maayessa, abbaan manaa isi'ii du'e.

37 Achiin maayessa haadha hiyyeessaa taate. Haga woggaa saddeettamii afurii abbaa manaa malee teette. Isiin mana woyyuu keessatti soomaa fi faateffanna'aan halkanii fi guyyaa Rabbiin tajaajilte.

38 Haannaan hennama san dhuftee Rabbiin galateeffattee, waan daa'imaa worra bilisa bayuu Yeruusaaleemii eeggatu marattuu dubbatte.


Gara Naazireetii Deebi'an

39 Yooseefii fi Maariyaam waan Seerri Goofta'aa ajaju mara haga godhanii fixaniin maayessa, gara qachaa ufii gara Naazireetii, ka Galiilaa keessatti argamuu deebi'an.

40 Daa'imni guddatee jabaate; nama qaroo ta'e; badhaanni Rabbiillee isa irra jira.

41 Abbaa fi haati isaallee woggama wogga'aan guyyaa ayyaana Faasika'aa gara Yeruusaalemii dhaqan.

42 Hennaa mucaan woggaa kudha lamaa guute, akkuma baratame isaan gara Yeruusaaleemii dhaqan.

43 Guyyoonni ayyaanaa sun haga lufeen maayessa, hennaa deebi'an Yesuus Yeruusaaleemitti hafe. Akka Inni achitti hafe Maariyaamii fi Yooseefillee hin beenne.

44 Imaltoota woliin waan deeme seeyanii deemsa guyyaa tokkoo deemanii firoota ufiitii fi nama beekan maraa iyyaafataniin.

45 Isaan achii hennaa isa dhaban soqa'aa gara Yeruusaaleemii deebi'an.

46 Guyyaa sadihiin maayessa mana woyyuu keessatti edduu barsiisotaa taa'ee isaan dhagaya'aa, hennaa inni gaafii isaan gaafatu argan.

47 Worri isa dhagayan martinuu beekkomsa isaatii fi deebii inni deebisu maalalan.

48 Abbaa fi haatillee hennaa isa argan hin maalalan. Haati isaa, «Ilma kiyya maaf akkana nu goote? Anii fi abbaan kee akka malee yaaddofnee si soqaa'aarra» isaan jette.

49 Yesuus deebisee, «Isin maaf na soxxan? Ani mana Abbaa kiyyaa keessa taa'uu akka na barbaachisu hin beettanii?» isaaniin jedhe.

50 Isaan waan inni dubbate hin hubanne.

51 Achiin maayessa inni worra ufii woliin gara qachaa Naazireetii deebi'ee, worraafillee ajajame. Haati isaa waan kana maraa garaa ufii keessatti eega'aa turte.

52 Yesuus ogumma'aa fi hojja'aan gaachenaanillee Rabbii fi nama afo'otti guddate.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan