Wongeela Luqaas 19 - WAADAA LAMMATAAYesuusii Fi Zakkewoos 1-2 Hennaa Yesuus Iyyaarikoo keessa seenee lufu, namichi Zakiwoos jedhamu bulchaan qaraxxootaa dureessi tokko achi ture. 3 Innillee Yesuus nama attamii akka ta'e arguu barbaade, Haata'uu ammoo inni nama gabaabaa waan ta'eef, sababaa baayi'ina namootaatiif, Yesuusiin arguu hin dandeenne. 4 Yesuus waan karaa san irra lufa'aa jiruuf, isa argu'uuf jedhee gara afo'oo fiigee odaa tokko irra kore. 5 Yesuus haga hulee san gaye, ol jedhee laalee argee, «Zakiwoos, adha mana kee ooluu waan barbaaduuf dafii gadi bu'i» jedheen. 6 Innillee daddafee bu'ee gammachu'uun isa simate. 7 Maruu arganii keessummaa nama cubbamaa ta'u'uuf seenee jedhanii guunguman. 8 Zakiwoos ammoo dhaabatee Goofta'aan, «Gooftaa kiyya! Ani waan qabu maraa irraa wadhakkaa hiyyeeyyi'iif hin kenna, eennuun irraallee dharaan sobee waan tokko yoo fudhadhee jiraadhe dachaa afur deebisaaf» jedhe. 9 Yesuus ammoo, «Innillee ilma Abrahaamii waan ta'eef, adha mana kanaaf fayyinni ta'eera. 10 Ilmi Namaa worra bade soqee fayyisu'uuf dhufeera» jedheen. Mammaaka Waan Worra Saantimiin Worqi'ii Itti Kennamtee ( Mat. 25:14-30 ) 11 Uduu isaan kana dhagaya'aaran Yesuus Yeruusaaleemitti waan dhiyaateeruuf, sababa namoonni jeennanni Rabbii ammuma waan gaye waan isaanitti fakkaateef mammaakaan akkana jedhee isaanitti mammaake. 12 Namichi fiixaa mooti'ii tokko muudamee mootii ta'ee deebi'uuf biyya fagoo dhaqe. 13 Namichi sun hojjattoota ufii keessaa nama kudhanii waamee, ‹Haga ani deebi'ee dhufuuf ittiin daldalaa'a› jedhee saantibii worqi'ii kudhan isaanitti kenne. 14 Worri biyyaa ammoo waan isa jibbaniif, ‹Kun akka nurratti mooyu hin jaalannu› jedhanii worra dhaamsa isatti himu isa faanaa ergan. 15 «Innillee Mootii ta'ee deebi'ee haga dhufeen maayessa hojjattoota saantibii worqi'ii itti kenne sanniiniin daldalatanii bu'aa hagamii akka argatan beeku'uuf waamsise. 16 Namichi duraa dhufee, ‹Goofta'aa! saantibii worqi'ii ta ati natti kenniteen kudhan bu'aa buuse› jedheen. 17 Innillee, ‹Ati hojjataa misha'a, waan diqqoo irratti waan amanamteef, qachoota kudhanii irratti baallii siif kenneera› jedheen. 18 Ka lammaffa'aallee, ‹Gooftaa'a! saantibii worqi'ii ta ati natti kenniteen shan bu'aa buufadheera› jedheen. 19 Kanaanillee akkasuma, ‹Atillee qachaa shanii irratti baallii siif kenneera› jedheen. 20 Ka biraallee dhufee, ‹Gooftaa'a! saantibii worqi'ii tee xaaqa'aan maree si sodaadhee siin eege. 21 Waan ati nama garaa jabaatu taateef, ati waan namatti hin kennine nama irraa fudhatta. Waan hin facaafne haamattaa hoo'u› jedheen. 22 Ati bada, ‹Hojjataa badaa waanuma afaan kee dubbateen sitti murteessa. Ani akka nama badaa uduu hin kennine gaafadhu uduu hin facaasin haamadhu akka ta'e eega beette, 23 Birrii kiyya worra dhalaan liqeeffatanitti maaf naa hin kennineree? Silaa hennaa deebi'e birrii kiyya dhala woliin fudhadha› jedheen. 24 Gooftichillee worra achi dhaabataniin, ‹Saantibii san fuudha'aatii ka saantibii kudhanii qabu sanii kennaa'a!› isaaniin jedhe. 25 Isaanillee, ‹Goofta'a, inni birrii kudhan qaba!› jedhaniin. 26 Mootichi deebisee, ‹Ani isinitti hima, nama qabuuf maruu itti eda'amaaf; ka hin qabnee ammoo ka qabu sunuu irraa fudhatama. 27 Diinota kiyya ka akka ani isaan irratti mootii ta'uu hin barbaanne kanniin, as afoo kiyyatti fida'aatii gogoorra'aa'a!› » jedhe. Yesuus Ulfinna Gudda'aan Yerusaaleem Seene ( Mat. 21:1-11 ; Mar. 11:1-11 ; Yoh. 12:12-19 ) 28 Yesuus haga kana dubbateen maayessa isaan firrisee gara Yeruusaaleemii ol baye. 29 Hennaa gara hulee gaara ejersaa jedhamtutti gara Beeta faagee fi gara Biitaaniya'aatti dhiyaate, darasoota ufii keessaa lamaan ergee, 30 «Gara ganda afoo keessan jiranii san dhaqa'a; ganda san keessatti ilmoo harree ka haga ammaa eennulle hin yaabbanne ka hidhameeru achitti argitanii, hiika'aa naa fida'a. 31 Eennullee, ‹Maaf hiittan?› jedhee yoo isin gaafate, ‹Goofta'attu barbaada› jedha'aan» isaaniin jedhe. 32 Worri ergamanillee deemanii akkuma inni isaaniin jedhe argan. 33 Isaanillee hennaa ilmoo harre'ee hiikan, worri harree sanii, «Maaf hiittan?» isaaniin jedhan. 34 Isaanillee, «Goofta'atu barbaada» jedhan. 35 Ilmoo harre'ee san gara Yesuusii fidanii uffata ufii irra kaayanii Yesuusiin yaabisan. 36 Hennaa inni deemu uffata ufii karaa irratti afa'aa turan. 37 Hennaa goodda gaara ejersaa irraan gad dhiyaate, darasoonni maruu maalalee waan arganiif, gammada'aa laagaa gudda'aan, 38 «Mootiin maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame! Sami'ittillee nagaya, gammachu'uu fi ulfinna!» jedha'aa Rabbiin galateeffatan. 39 Gumii keessaa Fariisonni gari gariin, «Barsiisaa'a, darasoota kee teedefadhu» jedhaniin. 40 Innillee deebisee, «Ani isinitti hima, yoma kunniinillee cadhise, dhakaan hin iyya» isaaniin jedhe. Yesuus Yeruusaalemii Booye 41 Yesuusillee hennaa Yeruusaalemitti dhiyaate, qachaa san argee akkana jedhee booyeef. 42 Uduu atumaan waan nagaya adhaaf sii ta'u beettee misha'a! Amma ammoo kun ija kee afo'oo dhokateera. 43 Hennaan diinonni kee dallawa sitti ijaaranii si marsan waan dhufuuf, karaa maraanuu si dhiphisan. 44 Siif ijoollee tee ta si keessa jiraatan gad darban, dhakaa dhakaa irra jirullee si keessatti hin dhiisan, ati waan bara Rabbi si fayyisu'uuf dhufe hin beenneef. Yesuus Gara Mana Woyyu'uu Dhaqe ( Mat. 21:12-13 ; Mar. 11:15-19 ; Yoh. 2:13-22 ) 45 Yesuus gara mana woyyu'uu seenee, worra waa gurgurataniif waa bitatan baasuu jalqabe. 46 «‹Manni kiyya mana keessatti faateffatan ta'a› jedhamee barreeffameera, isin ammoo goda saamtotaa gootan» isaaniin jedhe. 47 Guyya guyya'aan mana woyyuu keessatti barsiisa'aa ture. Haata'uu ammoo bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee isa ajjeesu'uuf soqa'aa turan. 48 Ta'ullee, Namoonni maruu yaada tokkoon waan inni dubbatu waan caqasa'aa turaniif, isaan karaa isa ajjeesaniin hin arganne. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia