Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Luqaas 16 - WAADAA LAMMATAA


Mammaaka Tooyataa Qaro'oo

1 Yesuus deebi'ee darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Namicha dureessa nama hujii ufii hojjachiisuu malu tokkotu ture. Namichi kun qabeenna kee bittinneesa'aara jedhanii dureessa sanitti himan.

2 Dureessi sunillee isa waamee, ‹Wonti si irratti dhagayu kun maali? Duranaaf hojjataa kiyya ta'uu waan hin dandeenneef herrega hujii keetii naa dhiyeessi› jedheen.

3 Hojjataan sunillee garaa ufii keessatti, ‹Gooftaan kiyya hujii keessaa waan na baasuuf maal naa woyya? Lafa qotu'uuf hunna hin qabu kadhachuullee hin saalfadha.

4 Hennaa hujii tooyatu keessaa baye akka namoonni na simatan anuu waan godhu hin beeka› jedhe.

5 Innillee worra liqaan goofta'aa irra jiru tokko tokkoon ufitti waamee, ka duraatiin, ‹Liqaan gooftaa kiyyaa hagamtu sirra jira?› jedhee isa gaafate.

6 Innillee zayitii ottee dhibbaatitu narra jira jedheen. Galmee hoo'uu dafii taa'ii shantama jedhii mallatteessi jedheen.

7 Maayessa ka biraatiinillee, ‹Ati liqaa meeqatu sirra jira?› jedheen. Innillee, ‹Qamadii qalqala dhibba› jedheen. ‹Galmee kana hoo'uu qamadii qalqala saddeettama jedhii mallatteessi› jedheen.

8 Gooftaan tooyataa hin amanamnee sun mala inni dhayate saniif hin jajeen. Namoonni adunyaa tanaa worra akka isaanii woliin hajaa isaanii guuttachuu irratti namoota Rabbii caalaa qaro'o.

9 Yesuus akkana isaaniin jedhe, kanaafuu qabeenna dharaa ka akkanaa ka adunyaa kanaatiin fira baafadhaa'a. Kana yoo gootan hennaa horiin sun isin jalaa dhumee harka duwwaa haftan, firri keessan jiruu bara baraa keessatti isin simatan.

10 «Namni waan diqqo'oon amanamaa ta'e akkasuma waan gudda'attillee amanamaa ta'a. Namni waan diqqoo irratti hin amanamne, waan gudda'attillee hin amanamu.

11 Eegasuu isin birrii biyya lafaa ka sobaa irratti yoo hin amanamne, birrii dhuga'aa eentu yaboo isinitti kenna ree?

12 Birrii nama biraatiin yoo hin amanamne, birrii isiniif ta'u eentu isinii kenna ree?

13 «Garbichi tokkochi gooftaa lamaa ta'uu hin danda'u, tokko jibbee, kaan jaalata; yookiin gara tokkoo siiqee. Ka lammaffa'aa irraa fagaata. Rabbii fi birri'ii qixa jiraachuu hin dandeettan.»


Seera Muuse'eetii Fi Jeennata Rabbii
( Mat. 11:12-13 )

14 Fariisonni worri birrii jaalatan waan kana maraa dhagayanii itti baldan.

15 Innillee akkana isaaniin jedhe, «Isin namoota afo'otti qajeelaa uf gootan. Haata'uu ammoo Rabbi waan garaa keessan keessa jiru hin beeka. Ka nama biratti kabajjame, Rabbiin biratti battii waan ta'eef.

16 Seerrinii fi raattonni haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti hojjata'aa turan. Hennaa san irraa jalqabee Oduun Nagayaa ka jeennata Rabbii lallabameera; namni maruu gara jeennataa galu'uuf jabaatanii tattaafatan.

17 Haata'uu ammoo seera irraa qabxiin tokkittiin gatamuu irra, sami'ii fi ardiin badu'utu salpha'a.

18 Haadha manaa hiikee ka ta biraa fuudhu maruu hin seebara. Namni dubartii abbaa manaa jalaa baate fuudhullee hin seebara.


Namicha Dureessaa Fi Alaazaar

19 Namicha dureessa uffata diima'aa fi uffata haphii fuuttaa irraa hojjatame uffate tokkotu ture. Hennaa maraa qananii keessa jiraata.

20 Karaa balbala mana isaa afoo hiyyeessa Ali'aazaar jedhamu ka nafti isaa marti mammadaayee ciccite tokkotu ture.

21 Innillee hambaa nyaata dureessa sanii nyaatu'uuf kajeela. Sariinillee dhaxxee madaa isaa arraabdi.

22 Namichi hiyyeessi sun hin du'e. Maleekkonni Rabbii Abrahaamiin bira fidan. Dureessi sunillee du'ee awwaalame.

23 Uduu inni asaaba keessatti rakkata'aaru ol midhatee Abrahaamiin fago'ootti argee, Al'aazaariinillee Abrahaamiin biratti arge.

24 Innillee laagaa isaa ol qabatee iyyee, ‹Abbaa kiyya Abirahaam naa araarami! Ani amma ibidda kana keessatti gubadhee waan rakkata'aaruuf, akka Ali'aazaar qubaan bisaan tuqee arraba kiyya naa qabbaneessuuf yaboo naa ergi› jedheen.

25 Abrahaam ammoo akkana jedhee deebise, ‹Ilma kiyya, ati bara jireenna keetii waan mishaa akka argatte qaabadhu; Ali'aazaar ammoo akka rakkata'aa ture yaadi. Amma ammoo asitti isaa toleera, ati ammoo rakkata'aarta.

26 Waan kana maraa keessatti asii achi gara keessan lufuuf worri barbaadan akka hin dandeenne ka achi jiranillee gara keenna akka hin ceene nuuf isin jiddu'utti qilee gudda'atu jira› jedhe.

27 Dureessichillee akkana jedhee deebiseef, eegasuu ‹Abbaa, gara mana abbaa kiyyaa Al'aazariin akka naa ergitu si kadhadha.

28 Ani obboleeyyan shan waan qabuuf, isaan ammoo gara hulee ani itti rakkata'aaruu kana akka hin dhufne inni dhaqee isaanii haa raguu› jedhe.

29 Abrahaam ammoo, ‹Isaan Muuse'ee fi raattota waan qabaniif, isaanuma haa dhagayanii› jedheen.

30 Achiin maayessa namichi dureessi, ‹Waa, abbaa kiyya Abrahaam, namni tokko du'aa ka'ee uduu dhaqee isaanitti himee ammoo cubbuu ufii irraa hin deebi'an› jedhe.

31 Abrahaam ammoo, ‹Isaan Muuse'ee fi raattota yoo hin dhageenne, yoo namni tokko worra du'an keessaa ka'ellee hin amanan› » jedhe.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan