Wongeela Luqaas 15 - WAADAA LAMMATAAMammaaka Hoolaa Baddee ( Mat. 18:12-14 ) 1 Gaaf tokko qaraxxoonninii fi cubbamoonni maruu Yesuusiin dhagayu'uuf gara isaa dhufan. 2 Fariisonninii fi Barsiisonni Seera Muuse'ee, Kun cubbamoota simata, isaan woliin nyaata jedhanii itti guunguman. 3 Yesuusillee mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime. 4 «Isin keessaa namni hoolota dhibbaa qabu tokko, sanniin keessaa hoolaan tokko yoo jalaa bade, sagaltamii sagal raasa'atti dhiisee ka isa jalaa bade san haga arguuf barbaadu'uuf ka hin deemne eennu? 5 Hennaa arge ammoo gammadee gurmu'uti baadhata. 6 Hennaa gara mana ufii gale jaalalloo ufiitiif, olloota ufii waamee, ‹Hoolaa tiyya ta badde waan argeef na woliin gammadaa'a!› hin jedha. 7 Ani akkana isiniin jedha, akkasuma Woyyoota araarri isaan hin barbaachifne sagaltamii sagal irra cubbamaa aagii galu tokkoof sami'itti hin gammadan.» Mammaaka Waan Birrii Badee 8 Yesuus itti aansee, «Dubartiin birrii kudhanii qabdu takka kudhan san keessaa saantibiin tokko yoo jalaa badde, ifaa ibsitee, mana ufii hartee haga argitutti midhaassitee hin sondhe eennu? 9 Hennaa argite ammoo jaalalloo ufiitiif ollaa isi'ii waamtee, ‹Ani saantibii tiyya ta na jalaa badde waan argadheef na woliin gammadaa'a!› isaaniin jetti. 10 Akkasuma cubbamaa aagii galu tokkoof sami'itti maleekkonni Rabbii hin gammadan.» Mammaaka Ilma Badee 11 Yesuus akkana jedhe, Namichi tokko ijoollee lama qaba. 12 Isaan keessaa maandhichi abba'aan ‹Abbaa kiyya, birrii kee keessaa qooda kiyya naa kenni› jedheen, innillee birrii ufii isaanii qoode. 13 Guyyaa hago'oon maayessa ilmi maandha'aa sun birrii wolitti qabatee gara biyya fago'oo deeme. Achiin maayessa birrii san hin fixe. 14 Haga inni maraa fixeen maayessa, biyya sanitti beelli jabaan gale. Innillee rakkatuu jalqabe. 15 Kanaafuu deemee namoota biyya sanii keessaa tokkotti irkate. Namichi sunillee akka inni booyyee isaa tissuuf tikaaf erge. 16 Achitti hansaraa booyyonni nyaatan nyaatu'uuf kajeela'aa ture. Garuu isuma sanuu ka kennuuf hin jiru. 17 Innillee haga qalbifatee yaanni galeef, mana abbaa kiyyaa garbooni buddeena nyaatanii isaan irraa hafu meeqa? Ani ammoo asitti beelaan du'a. 18 Ka'ee gara mana abbaa kiyyaa deemee, «Abbaa kiyyaan, ani Rabbii fi si afo'ottillee yakka hojjadheera. 19 Ani ammaa achi akka ilma keetitti laakkayamuu; hojjattoota kee keessaa akka hojjataa tokkootitti na laali jedhaani» jedhe. 20 Innillee ka'ee gara abbaa ufii deeme. Abbaanillee uduu inni fagoo jiru argeenii gaddeefii, fiigee itti maramee ammatee dhungate. 21 Ilmillee abbaa kiyya, ‹Ani Rabbii fi si afo'ottillee cubbuu hojjadheera. Ammaa achi ani ilma kee jedhamuun naaf hin malu› jedheen. 22 Abbaan isaa garuu garboota ufiitiin akkana jedhe, ‹Ariifadha'aatii, uffata, uffata maraa caalu fida'aatii itti uwwisaa'a; quba isaatiif qubee, luka isaatiif kophee fida'aatii itti godhaa'a! 23 Mirgoo coomaa fida'aa qalaa; haa nyaannuu haa gammannuu. 24 Ilmi kiyya kun du'ee ture, Amma ammoo hin jira, badee ture amma ammoo argameera› jedhe. Isaanillee hin gammadan. 25 Hennaa san ilmi hangafaa qonna keessaa dhufee, hennaa gara manaa dhiyaatu laagaa dibbe'eetiif sirbaa dhagaye. 26 Hennaa san hojjattoota keessaa nama tokko ufitti waamee, «Kun maali'i?» jedhee gaafate. 27 Innillee, ‹Obboleessa keetituu deebi'ee galeera; Abbaan kee, waan inni nagayaa fi fayya'aan galeef, mirgoo coomaa qale› jedheen. 28 Innillee aaree manatti galuu dide. Kanaaf abbaan isaa gadi bayee kadhateen. 29 Inni ammoo deebisee abba'aan, Ani woggaa haganaa akka garbichaatitti sii hojjadheera, waan ati naan jette keessaa womaa didee hin beeku; anaaf jaalalloota kiyya woliin akka gammadu ilmoo re'eellee naa hin kennine. 30 Haata'uu ammoo ilmi kee ka birrii ufii beera seebartuu woliin nyaatee fixee hennaa dhufe mirgoo coomaa qalteef jedheen. 31 Inni ammoo, ‹Ilma kiyya, ati hennaa maraa na woliin jirta wonti kiyya maruu keeti. 32 Haata'uu ammo obboleessi kee kun du'ee ture; amma ammoo jiraataa ta'eera; badee waan argameef, guddifnee gammanna› jedheen.» |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia