Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Luqaas 14 - WAADAA LAMMATAA


Yesuus Namicha Dhibameeru Tokko Fayyise

1 Guyyaa Sambataatiin, Yesuus hurbaataa nyaachu'uuf, gara mana bulchaa Fariisotaa keessaa gara mana nama tokkoo dhaqe; worri gaadu isa eega'aa turan.

2 Hennaa san namichi garaan bokoke tokko isa afoo ture.

3 Yesuus deebisee, «Guyyaa Sambata diqqa'aatiin nama fayyisuun eeyyamameera moo? hin eeyyamamne?» jedhee barsiisota Seeraatii fi Fariisota gaafate.

4 Isaan ammoo hin cadhisan. Innillee namicha qabee fayyiseeti geegesse.

5 «Isin keessaa namni harreen yookiin qotiyyoon isaa guyyaa Sambataatiin boollatti yoo jalaa bade ka hin baafne eennunni?» isaaniin jedhe.

6 Isaan ammoo isaa deebii kennuu hin dandeenne.


Keessummaa Simachu'uu fi Kasoo Ta'uu

7 Inni worri waamaman hulee kabajja'aa akka filatan argee, mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime.

8 «Eennullee cidha yoo si waame hulee ulfinnaa hin taa'in. Maal laataa ka si caalaa kabajjamaa ta'e waan waamame jiruuf.

9 Ka si'ii fi isallee waame dhufee, ‹Nama kanaa bakka gadi dhiis› yoo siin jedhe, hennaa san ati saalfata'aa hulee san gadi dhiiftee bakka gadi aanaa teetta.

10 Haata'uu ammoo hennaa waamamte ka si waame dhufee, ‹Jaalatamaa kiyya, olbayi› akka siin jedhu ati ammoo hulee gadi'aantu taa'i. Hennaa san worra si woliin taa'an san maraa afo'otti ulfinna sii ta'a.

11 Ka ol uf qabu maruu hin salphata. Ka gadi uf qabu ammoo hin kabajjama.»

12 Yesuus namicha isa waame saniin akkana jedheen, Laaqana yookaan hurbaataa yoo qopheessite maal laataa harka naa deebisan jettee jaalalloota, Ilmaan haadhaa tee, aantota dureeyyii ollaa keetii hin waamin.

13 Haata'uu ammoo hennaa affeerraa goote hiyyeeyyii, naafa, worra hokkoluu fi balloota waami.

14 Isaan waan jasaa deebisan hin qabneef hin eebbifamta; hennaa qajeellonni du'aa ka'anitti sii deebi'a.


Mammaaka Waan Sirnya Gudda'aa
( Mat. 22:1-10 )

15 Worra taa'an keessaa tokko kana dhagayee, «Jeennata Rabbiititti ka hurbaataa nyaatu'uuf taa'u ka eebbifame!» jedheen.

16 Inni ammoo akkana jedhe, «Namichi tokko hurbaata guddaa godhee namoota hedduu waame.

17 Worra sa'aatii hurbaata'aatitti waamamaniin, ‹Amuma qophaayeera koottaa'a› jedhee akka waamuuf garbicha ufii erge.

18 Isaan martinuu sababaa adda addaa himachuu jalqaban. Ka duraa, ‹Lafa bitadheera, deemee laalladhaa, dhiifama akka naa gootu si kadha› jedheen.

19 Ka biraa, ‹Qotiloota morma shanii bitadheera; isaan leenjisu'uuf deemaa; dhiifama akka naa gootu si kadha› jedheen.

20 Ka biraallee, ‹Ani Waan dhiyoo fuudheef idaayya'a, kanaaf dhufee hin danda'u› jedheen.

21 Hojjataan isaa sunillee achii deebi'ee waan kana maraa Gooftaa ufiititti hime. Hennaa san abbaan cidhaa aaree hojjataa isaa saniin, ‹Dafii ariifadhuu gara karaa badha'aa fi xurre'ee bayi, hiyyeeyyii, naafa, worra hokoluu fi balloota waami!› jedheen.

22 Hojjataan sunillee, ‹Akka ati na ajajje godheera, ammallee huleen hin jirti!› jedheen.

23 Gooftaanillee garbicha ufiitiin manni kiyya akka guutu, ‹Gara karaa badha'aa fi xurree baadiya'atti baasuu bayiitii akka seenan godhi!

24 Ani akkana isiniin jedha, worra waamaman sanniin keessaa, namni tokkollee hurbaataa kiyya afaaniinillee hin qabu!› jedhe» jedheen.

25 Gumiin hedduu uduu isa woliin deemaaru, Yesuus gara isaanii garagalee akkana isaaniin jedhe,

26 Eennullee ka gara kiyya dhufuu fedhu yoo jiraate, abbaa fi haadha ufii, haadha manaa, ijoollee, Ilmaan haadhaa, Intallan haadhaatii fi jiruu ufiillee uduu hin hafne yoo hin jibbine, darasaa kiyya ta'uu hin danda'u.

27 Eennullee fannoo ufii baadhatee na faanaa yoo hin deemne, darasaa kiyya ta'uu hin danda'u.

28 «Isin keessaa namni mana dhaga'aan ijaaruu barbaadu, duraan dursee waan hujii san ittiin raawwatu ka taa'ee gatii hin herrenne eennuu?

29 Yoo taanii ammoo jalqabee fixuu yoo dadhabe namoonni argan maruu,

30 ‹Ila, namichi kun ijaarsa jalqabee fixuu dadhabe› jedhanii itti baldan.

31 Yookiin mee mootiin tokko mootii biraatiin loluuf dhaqa haa jennuu, mootii loltoota kumaatama qabu tokko mootii loltoota kumaatamaan caalu qabu woliin lolu'uuf duulu tokko duraan dursee gad taa'ee ka hin mari'anne eennu?

32 Yoo hin dandeenne ta'e ammoo mooticha isaan lolu'uuf ta'u saniin fagoo uduu jiru namoota ufii itti ergee araara kadhata.

33 Akkasuma, eennullee isin keessaa qabeenna ufii maraa ka hin dhiifne darasaa kiyya ta'uu hin danda'u» jedhe.


Sooqqidda Kuraa Uf Keessaa Hin Qabne
( Mat. 5:13 ; Mar. 9:50 )

34 «Sooqqiddi waan misha'a, inni garuu mi'aa uf keessaa yoo hin qabaanne maali'iin mi'aaya ree?

35 Faayidaa biraa hin qabu, lafaafillee kosii hin ta'u; gara raasa'aa gatama. Kanaafuu namni gurra dhagayu qabu haa dhagayuu!» jedhe.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan