Wongeela Luqaas 11 - WAADAA LAMMATAAYesuus Waan Faateffanna'aa Barsiise ( Mat. 6:9-13 ; 7:7-11 ) 1 Yesuus hulee takkatti faateffata'aa tureeti, Hennaa faatee fixe, darasoota keessaa tokko, «Gooftaa keenna! Yohaannis darasoota ufii akka barsiise akka faateffannu nu barsiisi» jedheen. 2 Innillee hennaa faateffattan akkana jedhaa'a, Abbaa keenna ka samii jirtu maqaan kee haa woyyoomu, jeennanni tee haa dhuftu, fedhiin kee akkuma samii irratti taate akkasuma lafa irrattillee haa taatu. 3 Nyaata nu barbaachisu guyyama guyya'aan nuu kenni. 4 Akkuma nu worra nu yakkaniif dhiifne, yakka keennallee nuu dhiisi. Hamaa jalaa nu baasi; ataabe'etti nu hin galchin. 5 Inni akkana isaaniin jedhe, «Isin keessaa namni hiriyyaa qabu tokko, halkan wodhakkaa gara hiriyyaa ufii san dhaqee, ‹Jaalalloo kiyya mee buddeena sadihii naa liqeessi, 6 Hiriyyaan kiyya tokko imala deema'aa natti gore, ani waan isaa kennu dhabe› yoo jedhe, 7 Hiriyyaan isaa sun deebisee, ‹Amma balbala cufadheera na hin rakkisin ijjoolleen tiyyallee na woliin rafteerti ka'ee sii kennuu hin danda'u› jedhaanii? 8 Ani akkana isiniin jedha, jaalalloo waan ta'eef hennaa san ka'ee kennuufii yoo baatellee waan kadhatee dhiisuu dideef ka'ee waan inni barbaadu maraa kennaaf» jedhe. 9 Anillee akkana isiniin jedha, Kadhadhaa'a isinii kennamaa, barbaada'a hin argattanii; balbala dhadhaya'a isin jalaa banamaa. 10 Namni kadhatu maruu hin argata. Ka barbaadullee hin argata, ka balbala dhadhayuufillee jalaa banama. 11 Isin keessaa ka abbaa ta'e, ilmi isaa yoo xoroshoo isa kadhate ka dhakaa kennu eennu? yoo inni Qurxummii kadhate ka bofa kennuuf eennu? 12 Yookiin yoo inni kallee kadhate buutii kennaafii? 13 Eegasuu isin hammeeyyii taatanii ijoollee teessaniif kennaa mishaa kennuu yoo ka beettan ta'e, abbaan keessan ka sami'ii worra faateffataniif attamitti Ayyaana Woyyuu caalchisee isaanii hin kennineef ree? Yesuusii Fi Bi'el Zebul ( Mat. 12:22-30 ; Mar. 3:20-27 ) 14 Gaaf tokko Yesuus nama jinniin dhayee dubbachuu dhoogge keessaa jinnii baasa'aa ture. Jinniinillee haga keessaa bayeen maayessa namichi duudaan sun dubbannaan baniin hin maalalfate. 15 Haata'uu ammoo isaan keessaa namoonni gari gariin, «Inni hunna Bi'elzeebulii bulchaa jinni'iitiin jinnii baasa» jedhan. 16 Kuuwwanillee isa ataabu'uuf samii irraa malkata akka isaanitti mudhisuu soqa'a turan. 17 Innillee yaada isaanii beekee «Mootummaan wol qoqqooddu maruu hin baddi; maatiin tokko yoo wol qoqqoode akkasuma hin diiggama. 18 Maarre Seexanni wol mormee yoo gargar ufi foyye, mootummaan isaa attamiin dhaabatuu dandeetti? waan isin anaan, «Inni hunna Bi'el Zebuliitiin jinnii baasa jettaniif» jedhe. 19 Ani Bi'eelzeebuuliin jinnii ka baasu yoo ta'e ijoolleen teessan maqaa eennuutiin jinnii baasan? Kanaafuu isaan isin irratti hin murteessan. 20 Ani ammoo hunna Rabbiitiin yoo ka jinnii baasu ta'e, eegasuu jeennanni Rabbii gara keessan dhufteerti. 21 Namni jabaan sibiilaa fi wontee qabatee, dallawwa ufii yoo eege qabeenni isaa hin tuqamu. 22 Ka isa caalu dhufee yoo isa injifate ammoo waan inni itti amanatee ture wonte'ee fi woraana irraa fudhata, qabeenna isaallee irraa fudhata. 23 Namni gara kiyya hin taane na morma. Namni na biratti wolitti hin qabanne hin bintinneessa. Ayyaanni Hamaan Nama Keessaa Bayetti Deebi'e ( Mat. 12:43-45 ) 24 Ayyaanni hamaan nama keessaa hennaa baye, hulee hara itti baafatu soqa'aa gara lafa bisaan hin jirree dhaqa; yoo dhabe ammoo, ‹Gara mana kiyya ka keessaa bayetti deebi'a› jedha. 25 Hennaa deebi'u mana duwwaa ta'ee haxaawamee bareedee qophaaye argata. 26 Achiin maayessa ayyaanni hamaan sun deemeeti worra isa irra hamaa ta'an ayyaanota hamoota biraa torba ka isa caalaa hamaa ta'an qabatee deebi'ee itti gala. Haalli nama saniillee ka duraa caalaa badooma. Eebba Dhuga'aa 27 Yesuus kana uduu dubbata'aaru, banii keessaa intalti takka laagaa isi'ii ol kaaftee, «Gadaamessi si baateef harmi ati hoote ka eebbifame» jetteen. 28 Inni deebisee, «Worra dubbii Rabbii dhagayee ajajamu caalaa ka eebbifame!» jedhe. Namoonni Malkata Gaafatan ( Mat. 12:38-42 ; Mar. 8:12 ) 29 Hennaa gumiin hedduu wolitti qabame Yesuus akkana isaaniin jechuu jalqabe, Dhaloonni kun dhaloota hama'a, isaan malkata gaafatan, malkata raatticha Yoonaasii malee, malkanni biraa hin kennamuuf. 30 Akkuma Yoonaas banii Nanawe'eetii malkata ta'e; akkasuma ammoo Ilmi namaa dhaloota kanaaf malkata ta'a. 31 Mootittiin Azeeb dhaloota kana woliin kaatee isaanitti murteessiti. Isiin ogummaa Salamoonii dhagayu'uuf daangaa biyya lafaatii waan dhufteertuuf. Ka Salamooniin caalu kunoo as jira. 32 Namoonni Nanawe'ee dhaloota kana woliin ka'anii isatti murteessan. Lallaba Yoonaasiitiin aagii waan galaniiraniif kunoo ka Yoonaasiin caalu as jira. Ifa Nafaa ( Mat. 5:15 ; 6:22-23 ) 33 Ifaa ibsanii gombisaa jala hin kaayan. Hulee nama mana keessa jiru maraaf ifu baattuu ibsa'aa irra kaayan malee. 34 Ifti nafa keetii ija; yoo ijji tee fayyaa taate, nafti kee maruu ifaa ta'a; ijji tee dhibamtuu yoo taate ammoo, nafti kee maruu dukkana ta'a. 35 Kanaaf ifni si keessa jiru dukkana akka hin taane uf eeggadhu. 36 Eegasuu nafti kee maruu ifaan guuttamee huleen takkallee yoo hin dukkanoofne akka waan ifaan tokko ifa ufii sii ibsa'aaruutitti nafti kee maruu ifaa ta'a. Yesuus, Fariisotaa Fi Barsiisota Seera Muuse'ee Komate 37 Yesuus waan kana uduu dubbataa jiru, Fariisichi tokko akka inni isa woliin hurbaata nyaatu'uuf gara mana ufii isa waame; innillee mana isaa dhaqee taa'e. 38 Fariisichi sun akka inni nyaataan dura harka ufii hin dhiqanne argee maalaleen. 39 Gooftaanillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Isin Fariisonni sabaree itti dhuddanii fi qorii itti nyaattan duuba isaa hin qulqulleessitan; keessi keessan ammoo saamaa fi hammeennaan guuttameera. 40 Isin worra gurraan hin dhagenne! Rabbiin gubbaa uume keessa hin uumnee? 41 Isin garuu waan sabaree fi qorii keessa jiru hiyyeeyyi'iif kennaa'a. Yoo san wonti maruu isinii qulqullaayaa. 42 Haata'uu ammoo isin Fariisonni urgoo caarotaa fi ashaakiltii maraa irraa kurnaffaa waan kafaltaniif murtii qajeela'aa fi jaalala Rabbii waan tuffattaniif isin anne'e! Haata'uu ammoo, waan kaawwanillee uduu hin dhiifne kana godhu'utu isin barbaachisa. 43 Isin Fariisota mana sagadaatitti barcumma kabajja'aa, gabaya'attillee akka nagaya isin gaafatan waan jaalattaniif isin hobbaasi. 44 Isin fakkeessitoota barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisonni, awwaala soodduu hin qabne ka namoonni uduu hin beekin irra deeman waan fakkaattaniif isinii aanne'e!» 45 Beekaa seeraa keessaa tokko, «Barsiisaa'a, ati hennaa kana dubbattu bee nullee arrabsa'aarta» jedheen. 46 Yesuus deebisee, «Barsiisota Seera Muuse'ee isin aanne'e! Isin ba'aa ulfaataa rakkisaa dudda namootaatitti baachiftan, ufii ammoo qubaanillee hin tuxxan. 47 Awwaala raattotaa ka abboonni keessan ajjeesan waan hojjattaniif isinii aanne'e. 48 Kanaafuu isin waanuma abbootiin keessan hojjatan san gargaara'aa dhugaa taasiftan. Isaan raattota ajjeesan, isin ammoo awwaala isaanii midhaassitan. 49 Sababaa kanaaf Rabbi ogummaa isaatiin, «Ani raattootaa fi ergamoota isaanitti erga. Namoonni sunillee isaan keessaa gari garii hin ajjeesan, kaawwan ammoo hin ari'an» jedhe. 50 Maarre dhaloonni kun dhiiga raattota maraa urga adunyaan uumamte irraa jalqabee dhangala'e maraafuu hin gaafatama. 51 Kana jechuun, dhiiga Abeelii irraa jalqabee haga dhiiga Zakkaariyaasii ka hulee ciinca'aatii fi mana woyyuu wodhakka'atti ajjeefame saniifillee hin gaafataman. Ee Ani isiniin jedha, dhaloonni kun maruu hin gaafatama. 52 Isin beettonni seeraa, furtuu balbala beekkumsaa waan fudhattaniif isin aanne'e! Ufii hin seenne, worra seenu'uuf ta'ullee hin dhooggitan. 53-54 Hennaa inni waan kana isaanitti dubbate, barsiisonni seera Muuse'eetiif Fariisonni waan inni dubbateen isa qabu'uuf yaadanii guddisanii morma'aa waan hedduu akka inni dubbatu tuttuqu'uunii jalqaban. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia