Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Luqaas 10 - WAADAA LAMMATAA


Yesuus Namoota Torbaatamii Lama Erge

1 Achiin maayessa Gooftaan namoota biraa torbaatamii lama muudee gara qacha'aa fi hulee ufii dhaqu'uuf ta'u maraa lama lama godhee isaan erge.

2 Akkana isaaniin jedhe, midhaan haamamu gudda'a worri haamu ammoo diqqa'a. Kanaafuu abbaan midhaanii worra midhaan haamu gara maasa'aa akka ergu isa kadhadhaa'a.

3 Deemaa, ani akka Hoolotaa Yayyii edduu isin erga.

4 Korojoo, qaraciitii, kopheellee hin qabatinaa'a; eennuunillee kara'atti nagaya hin gaafatinaa'a.

5 Hennaa mana tokko seentan duraan dursa'aatii, ‹Nageenni mana kanaaf haata'u› jedhaa'a.

6 Namni nagaya keessan fudhatu yoo achi jiraate, nageenni keessan nama saaniif ta'a. Yoo fudhachuu baatan ammoo nageenni keessan isinii deebi'a.

7 Hojjataa tokkoo mindaan waan barbaachisuuf waan isaan isinii kennan maraa nyaata'aa dhuga'aa manuma san keessa taa'aa'a malee, mana tokkoo gara mana biraa hin deeminaa'a.

8 Qachaa dhaxxan marattuu yoo isin simatan, waan isaan isinii dhiyeessan nyaadhaa'a.

9 Dhukkubsattoota achi jiran fayyisaa'a, ‹Jeennanni Rabbii gara keessan dhiyaatteerti› jedha'aanii.

10 Haata'uu ammoo qachaa dhaxxan maratti yoo isin simachuu dhabaatan gara baada'aa baya'aatii,

11 ‹Daaraa qachaa keessanii, luka keenna irraa hin dhadhayanna; haata'uu ammoo jeennanni Rabbii gara keessan akka dhiyaatte beekaa'a!› jedhaa'a.

12 Ani akkana isiniin jedha, guyyaa murti'ii qachaa san irra worra Soodoomiitii hin salphata.


Qachoota Hin Amanne
( Mat. 11:20-24 )

13 Kurraazi, sii aanne'e, Beetasayidaa, sii aanne'e maalaleen isin keessatti ta'e, Xiroosii fi Siidoona'atti uduu ta'ee jiraatee uffata gufufaa uffatanii daaraa irra taa'anii silaa duruu agii galan.

14 Haata'uu ammoo hennaan murti'ii, isin irra Xiroosii fi Sidoona'aa salphata.

15 Atillee Qifirnaahoom haga sami'ii ol uf fuudhuu feetaa? gara asaabaa buuta.

16 «Ka isin dhagayu ana dhagaya; ka isin dide na dida; ka ana didellee ka na erge dida.»


Namoonni Torbaatamii Lamaan Hulee Ergamanii Deebi'an

17 Namoonni torbaatamii lamaa gammachu'uun gara isaa deebi'anii, «Gooftaa keenna!, maqaa keetiin jinniinillee nuuf ajajame» jedhaniin.

18 Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Seexanni akka bakakka'aatitti hennaa sami'ii gadi bu'u arge.

19 Bofaa fi buutii akka irra ijjattan hunna diina maraa irratti baallii isinii kenneera. Wonti isin miidhu womtuu hin jiru.

20 Haata'uu ammoo ayyaanni battiin waan isinii ajajameef hin gammadinaa'a; maqaan keessan ammoo waan sami'itti barreeffameef gammadaa'a.»


Yesuus Gammade
( Mat. 11:25-27 ; 13:16 , 17 )

21 Hennaa san Yesuus gammachuu Ayyaana Woyyu'uutiin guuttamee, Abbaa Gooftaa ardi'ii fi sami'ii kana ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee daa'immaniif waan ibsiteef si galateeffadha. Ee Abbaa fedhiin kee afoo keetitti akkana waan ta'eef.

22 «Maruu abbaa kiyya irraa naa kennameera. Ilmillee eennuun akka ta'e abbaa malee ka beeku hin jiru. Abbaan eennu akka ta'e ilmaa fi ka ilmi isaa ibsu'uuf fedhu malee ka beeku hin jiru» jedhe.

23 Achiin maayessa gara darasoota ufii garagalee hojja isaaniititti, «Ijji waan isin argitan argitu ta eebbifamte.

24 Akkana isiniin jedha, raattonninii fi mootoleen hedduu waan isin argitan argu'uuf, waan isin dhageettan dhagayu'uuf halchanii garuu argu'uu fi dhagayuu hin dandeenne» jedhee isaanitti hime.


Mammaaka Waan Namicha Samaariya'aa

25 Beekaan seera Muuse'ee tokko waan Yesuus jedhu laalu'uuf ol ka'ee, «Barsiisaa'a, jiruu bara baraa argachu'uuf maal godhuu na barbaachisaa?» jedheen.

26 Yesuus deebisee, «Wonti Seera Muuse'ee keessatti barreeffame maali'i? attamitti dubbiftee hiitta?» jedheen.

27 Innillee deebisee, «Waaqa Gooftaa kee qalbii kee guutu'uun, lubbuu kee guutu'uun, hunna kee guutu'uun, yaada kee guutu'uun jaaladhu, ‹Akkuma uf jaalattutti goshoo keellee jaaladhu› jedheen.

28 Yesuusillee dhugaa deebifte, kana godhi lubbu'uun jiraattaa» jedheen.

29 Inni ammoo qajeelaa uf godhuu fedhee, Yesuusiin, «Goshoon kiyya eennu inni» jedhee gaafateen.

30 Yesuus deebisee akkana jedhe, «Namichi tokko Yeruusaaleemiin irraa gara Yaarikoo bu'ee shiftootaan qabame. Isaan ammoo uffata irraa mulqanii, tumanii, du'aa fi jireenna jiddu'utti isa dhiisanii deeman.

31 Gadichi tokko dimmaa karaa saniin uduu deemu isa argee, irraa goree lufe.

32 Akkasuma namni gosa Leewwi'ii tokko gara hulee sanii dhufee, hennaa namicha arge, irraa goree lufe.

33 Namichi Samaariya'aa tokko ammoo, deemaa gara isaa dhufee, hennaa isa arge hin gaddeef.

34 Itti dhiyaatee, madaa isaatitti zayiti'ii fi daadhii woyini'ii dibee hidheefi; achiin maayessa harree ufii irra kaayee, gara mana keessummaan bultuu isa geessee, achitti gargaare.

35 Bariisaa san saantibii lamaa baasee namicha mana keessumma'aa eegutti kennee, ‹Ittiin gargaar; hennaa karaa kana deebi'u, kanaa olillee yoo baafte, sii kenna› jedheen.

36 Achiin maayessa Yesuus, «Jara sadiin kana keessaa, namicha shiftootaan miidhame saniif akka obboleessaatitti ka isa gargaare kamiin sitti fakkaata?» jedheen.

37 Innillee, «Namicha waan mishaa godheef san» jedhee deebise. Yesuusillee, «Atillee deemii, akkasuma godhi» jedheen.


Yesuus Mana Maarta'aatii Fi Maariyaamiititti Waamame

38 Uduu deema'aaran, Yesuus gara gandattii takkaa seenee, dubarttiin Maartaa jedhamtu takka mana ufiititti isa simatte.

39 Isiinillee obboleettii Maariyaam jedhamtu qabdi. Maariyaam ammoo dubbii isaa dhagayu'uuf luka Yesuusii jala teette.

40 Maartaan ammoo waan hujiin itti guddateef jaatanooftee, gara isaa dhiyaattee, «Gooftaa kiyya! obboleettiin tiyya na gargaaruu diddee yoo ani hojja kiyyatti hojjadhu garaa si nyaadhuu? kanaafuu akka na gargaartu itti himi» jetteen.

41 Yesuusillee deebisee, «Maartaa, Maartaa! Ati waan hedduu yaada'aa dhiphatta,

42 Ka barbaachisu ammoo waan diqqoo yookiin waan tokko. Maariyaam hiree mishaa filatteerti isii irraa hin fudhatamu» isi'iin jedhe.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan