Wongeela Luqaas 1 - WAADAA LAMMATAA1-4 Teefiloosii kabajjamaa'a, worri dura ija ufiitiin arganii fi tajaajiltoonni dubbii isaa akkuma nuuf dabarsan wontoonni nu biratti raawwatame namoonni hedduu seenaa qopheessuu waan yaalaniif anillee akkasuma waan dubbii ati baratte san dhugaa akka beettu, duruma irraa jalqabee mara isaaniituu suutaan xiinxallee tartiibaan si barreessuun mishaa akka ta'e arge. Maleekkaan Yohaannis Akka Dhalatuu Hime 5 Bara Heroodisi mootii biyya Yihuuda'aa ta'eeru, balbala Abiya'aa keessaa gadicha Zakkaariyaas jedhamu tokkotu jira. Haati manaa isaallee fiixaa ijoollee Aarooniiti. Maqaan isi'iillee Elsaabeex jedhama. 6 Isaan lamaanuu ajaja Goofta'aatii fi seera maraanuu mudaa malee jiraachu'uun Rabbiin afo'otti qajeellota turan. 7 Elsaabeex waan dhabduu taateef, finna hin qaban. Lamaan isaaniituu guddisanii jaaraniiran. 8 Innillee hennaa kochoo isaatitti afoo Rabbiititti hennaa tajaajilu; 9 Akka seera gadootaatitti gara mana woyyuu Goofta'aa seenee akka hixaana aarsu hireen isa gaye. 10 Hennaa inni hixaana aarsu baniin martinuu diida dhaabatanii faateffata'aa turan. 11 Maleekkaan Goofta'aa mi'a kennaa hixaanaa itti aarsaniin gara mirgaatiin dhaabatee, Zakkaariyaasitti mudhate. 12 Zakaariyaasillee hennaa isa arge rifatee sodaate. 13 Maleekkaan sunillee akkana jedheen, «Zakkaariyaas, kadhaan kee sii dhagayameera hin sodaatin! haati manaa tee Elsaabeex ilma dhiiraa sii deetti; maqaa isaallee Yohaannis jettee itti baafta. 14 Gammaddee usheexita; yoo inni dhalate, namoonni hedduu hin gammadan. 15 Innillee afoo Goofta'aatitti waan nama guddaa ta'uuf, daadhii woyini'ii yookiin dhuddoo nama macheessu sirimaa hin dhugu, uduu garaa haadha isaa keessa jiru Ayyaana Woyyu'uun guuttama. 16 Ijoollee Isiraa'elii keessaa namoota hedduu gara Waaqa Gooftaa isaaniititti hin deebisa. 17 Inni hafuura Eliyaasiitii fi hunnaan afoo isaa hin deema; Inni yaada abbooti'ii gara ijoolle'ee, worra hin ajajamnellee gara ogummaa qajeellotaa hin deebisa; banii dammassee Goofta'aaf akka qophaayan taasisa.» 18 Zakkaariyaasillee Maleekkaa saniin, «Wonti kun akka ta'u attamiin beeka? Anii fi haati manaa tiyyallee jaarreerra» jedheen. 19 Maleekkaan deebisee, «Ani Gabri'eelii afoo Rabbii dhaabadhu, oduu gammachu'uu kana sitti himu'uuf ergame. 20 Ati dubbii kiyya ka hennaa ufiititti raawwatamu waan hin amanneef haga gaafa wonti kun ta'uutitti afaaniin dubbachuu hin dandeettu» jedheen. 21 Baniinillee Zakkaariyaasiin eega'aa ture. Mana woyyuu keessa ol seenee waan tureef maalalan. 22 Haga achii bayellee womaa isaanitti himuu hin dandeenne. Isaanillee hennaa mana woyyuu keessa ture akka inni mudhata arge hubatan Inni duudaa dubbachuu hin dandeenne waan ta'eef, malkataan isaanitti hime. 23 Innillee ji'oonni tajaajila isaa dhumnaan gara mana ufii deeme. 24-25 Achiin maayessa haati manaa isaa Elsaabeex ulfoofteetti, hennaa Gooftaan mudaa kiyya narraa kaasuuf jedhee namoota jiddu'utti na yaadatee akkana naa godheera jettee, ji'a shaniitiif uf dhossite. 26 Maleekkaan Rabbii Gabri'eel ji'a jahaffa'aatitti gara qachaa Naazireetii Galiilaa keessatti argamtuu, 27 Gara durba duudaa Maariyaam jedhamtuu ta namicha fiixaa Daawitii irraa dhalate ka maqaan isaa Yooseef jedhamuu qadhimamteetitti Rabbiin biraa ergamee dhufe. 28 Maleekkaan sunillee gara isi'ii dhufee, «Ati ta ayyaanaan guuttamte gammadi; Gooftaan si woliin jira; Ati dubarttoota keessaa ta eebbifamte!» jedheen. 29 Maariyaam dubbii Maleekkaa Rabbii mamtee «Kun nagaya attamiiti?» jettee yaadde. 30 Maleekkaanillee akkana isi'iin jedhe, «Maariyaam, hin sodaatin! Rabbiin afo'otti badhaadha argatteertaa. 31 Ati hin ulfoofta; ilma dhiiraallee hin deetta; maqaa isaa Yesuus jettaan. 32 Innillee guddaa ta'a, Ilma Rabbii Ol Aana'aa hin jedhama. Waandhi Gooftaan teessoo Abbaa isaa ka Daawitii hin kennaaf. 33 Mana Yaaqoobii irratti haga bara baraa mooya, Jeennanni isaallee dhuma hin qabu.» 34 Maariyaamillee Maleekka'aan, «Ani durba duudaa waan ta'eef, kun attamitti ta'a?» jetteen. 35 Maleekkaanillee deebisee akkana jedheen, «Ayyaanni Woyyuun sitti hin dhufa, hunni Rabbii Ol Aana'aallee si golga. Kanaafuu ka sirraa dhalatu Woyyuu Ilma Rabbii jedhama. 36 Firtittiin teetuu Elsaabeex, jaarruma keessa ilma dhiiraa ulfoofteerti. Isiin dhabduu jedhamtu kunoo ji'a jahaffaa keessa jirti. 37 Wonti Rabbiif dadhabamu hin jiru» jedhe. 38 Maariyaamillee, «Ani hojjattuu Goofta'aati, akkuma ati jette naa haata'uu» jetteen. Achiin maayessa Maleekkaanillee isii biraa deeme. 39 Maariyaamillee ji'uma san kaatee, gara biyya gaaraa qachaa biyya Yihuudaa ariifattee dhaxxe. 40 Isiin gara mana Zakkaariyaasii seentee Elsaabeexiin nagaya gaafatte. 41 Elsaabeex hennaa nagaya Maariyaamii dhageette, rimeenni gadaamessa isi'ii keessatti utaale; Elsaabeexillee Ayyaana Woyyu'uun guuttamte. 42 Laagaa ufii ol fudhatteeti akkana jette. «Ati dubartoota keessaa ta eebbifamte. Fiixaan gadaamessa keetiillee ka eebbifame! 43 haadha Gooftaa kiyyaa gara kiyya dhufuun kee naa ulfinna attamiiti? 44 Hennaa laagaa nagaya keetii gurra kiyyaan dhagaye rimeenni gadaamessa kiyya keessatti gammachu'uun utaale. 45 Dubbiin Gooftaa irraa isi'itti himame waan raawwatamuuf ta amante ta eebbifamte» jette. Faatee Maariyaamii Ka Galataa 46 Maariyaam akkana jette, «Lubbuun tiyya Gooftaa kabajjiti; 47 Garaan kiyyallee Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada. 48 Salphinna garbittii ufii waan argeef, adha irraa jalqabee dhaloonni maruu ta eebbifamte naan jedhan. 49 Inni jabaan narratti waan guddaa hojjate. Maqaan isaallee woyyu'u. 50 Dhiifamsi isaallee worra isa sodaataniif dhaloota irraa haga dhalootaa jiraata. 51 Innillee dandeettii ufii mudhisee, worra boonan yaada garaa isaanii woliin bittinneesse 52 Bulchoota teessoo isaanii irraa buusee, worra gad aanaa ol kaase. 53 Worra beelayanillee waan misha'aan isaan quubsee, dureeyyiillee harka duwwaa geegesse. 54-55 Akkuma inni abbootii teenna Abrahaamii fi fiixaa isaatiif dubbate araara ufii ka bara baraa san yaadachu'uun, hojjataa ufii Israa'eliin gargaareera» jette. 56 Maariyaamillee haga ji'a sadihii isii bira teettee, achiin maayessa gara mana ufii deebite. Dhaloota Yohaannisii Cuupha'aa 57 Elsaabeex jiini isiin deettu geennaan, Ilma deette. 58 Akka Gooftaan arjummaa ufii isi'ii guddise dhagayanii ollaanii fi firoonni isi'ii isii woliin gammadan. 59 Daa'ima gadoomsu'uuf guyyaa saddeetaffa'aatitti worri dhufan, daa'ima maqaa abbaa isaa Zakkaariyaasiin itti baasuu fedhan. 60 Haati ammoo inni Yohaannis haa jedhamuu malee akkas hin ta'u jette. 61 Isaan isi'iin «Worra kee keessaa maqaa kanaan ka waamameeru tokkollee hin jiru» isi'iin jedhan. 62 Abbaan Ilma ufiitiin eennu jedhee maqaa akka itti baasu malkataan gaafataniin. 63 Innillee waan irratti barreessu gaafatee, maqaan isaa Yohaannis jedhee barreesse. Isaan Martinuu hin maalalfatan. 64 Yoma san afaan isaa banamee arrabni isaallee hiikkatee Rabbiinillee galatoonfata'aa dubbate. 65 Ollaan isaanii martinuu hin sodaatan. Wonti kun biyya Yihuuda'aa marattuu odeeffame. 66 Hunni Goofta'aa waan isa woliin jiruuf, worri dhagayan martinuu, «Daa'imni kun maal ta'inna laata?» jedha'aa garaa ufii keessatti yaadan. 67 Abbaan isaallee Zakkaariyaas Ayyaana Woyyu'uun guuttamee akkana jedha'aa raaga dubbate. 68 «Banii ufii gargaaree bilisa waan isaan baaseef, Waandhi Israa'eelii Gooftaan haa eebbifamu. 69-70 Bara durii irraa jalqabee afaan raattota woyyootaatiin akkuma dubbate, fiixaa Daawitii keessaan fayyisaa jabaa nuuf kaaseera. 71 Worra diina keenna ta'anii nu jibban maraa irraa nu fayyisa. 72 Akka kanaan abbootii teennaa dhiifama godhe. 73 Waadaa abbaa keenna Abrahaamiif gale woyyuu ufii qaabate. 74 Isuma kanaan harka diinootaa jalaa baane. 75 Bara keenna maraa sodaa malee woyyumma'aa fi qajeellumma'aan, afoo isaatitti akka isa tajaajillu nuu kenne. 76 Akkasuma ati daa'ima nana raagaa Rabbii Ol Aana'aa hin jedhamta, Karaa isaallee haxaayu'uuf Gooftaa afoo deemta. 77 Akka kanaan dhiifamsa cubbu'uu ka ta'e, beekkomsa fayyinnaa banii Rabbiitiif kennita. 78 Waandhi keenna Waaqa araaraatii fi gara-laafessa waan ta'eef, Inni aduun fayyinnaa gubba'aa akka nuu ifu taasisa. 79 Ifni isaallee worra dukkanaa fi gaaddidduu du'aa keessa jiraniif hin ifa. Luka keennallee gara karaa nagayaa qajeelcha» jedhee raage. 80 Daa'imnillee guddatee, Ayyaanaan jabaatee haga gaafa banii Isiraa'eliititti mudhatuuf lafa udume'ee keessa jiraate. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia