Mudhata Yohaannisii 7 - WAADAA LAMMATAABaniin Isiraa'elii Kuma Dhibba Tokkoo Fi Kuma Afurtamii Afur 1 Asiin maayii kallatii arfaniin Maleekkota afuurii ka lafarra dhaabataniiran arge; isaanillee qilleensi yoo lafa irraa jiraate yookiin galaana yookiin muka kamittillee kallattii arfaniin akka hin bubbifne dhooggan. 2 Maleekkaan biraa ka chaappaa Waaqa jiraata'aa qabu gara baya biiftu'uutii hennaa bayu arge. Maleekkota arfan lafaaf Galaana miidhu'uuf baalliin kennameefiitti laagaa gudda'aan iyya'aa, 3 «Garboota Waaqa keennaa haga kallacha isaanii chaappeessinuuf lafa, galaana yookiin mukkiin hin miidhinaa'a» isaaniin jedhe. 4 Gosa ijoollee Isiraa'elii maraa keessaa worri chaappeeffame nama kuma dhibba tokkootii fi kuma afurtamii afuriiti. 5 Gosa Yihuuda'aa keessaa kuma kudha lama, gosa Robeelii keessaa kuma kudha lama, gosa Gaadii keessaa kuma kudha lama, gosa Aseerii keessaa kuma kudha lama. 6 Gosa Niftaalemii keessaa kuma kudha lama, gosa Minaase'ee keessaa kuma kudha lama, 7 Gosa Simo'oonii keessaa kuma kudha lama, gosa Lewwi'ii keessaa kuma kudha lama, gosa Yisaakorii keessaa kuma kudha lama, 8 Gosa Zaabloonii keessaa kuma kudha lama, gosa Yooseefii keessaa kuma kudha lama, gosa Biiniyaamii keessaa kuma kudha lamaatitu chaappeeffame. Namoota Uffata Adii Uffatan 9 Asiin maayii banii eennullee laakkayuu hin dandeenne baniinii fi gosa worra afaan marraa keessaa namoota heddu guddaa arge. Uffata adii uffatanii qacee meexxi'ii harka isaaniititti qabatanii teesso'oo fi hoolaa Rabbii afoo dhaabatan. 10 Laagaa gudda'aan, «Fayyinni Waaqa keenna ka teessoo irra ta'ee fi ka hoolaa Rabbiiti» jedhan. 11 Maleekkoonni maruu naannoo teessoo manguddootaatiif, busaayota arfaanii dhaabatanii turan. Afoo teesso'ootitti kallachaan gadi kufanii Rabbii sagada'aa, 12 «Amiin! eebbii, ulfinni, ogummaan, galanni, jajamuun, hunninii fi jajjabeennillee baraa haga bara baraa Waaqa keennaaf haata'u! Amiin!» jedhan. 13 Manguddoota keessaa tokko deebisee, «Kunniin ka uffata adii uffatan eennuun fa'a? eessaa dhufan?» Naan jedhe. 14 Anillee, «Gooftaa kiyya, situ beeka» jedheen. Innillee akkana naan jedhe, «Kunniin worra rakkoo guddaa keessaa dhufan. Uffata ufiillee miicanii dhiiga hoola'aatiin qulqulleessan. 15 Kanaaf worri teessoo Rabbii afoo jiran halkanii fi guyyaa mana woyyuu keessatti isa kaddaaman. Ka teessoo irra taa'e, isaan keessa jiraata. Ammaa achi hin beelayan. 16 Ammaa achi hin dheebotan aduunii fi oo'i maruu sirima isaan hin miidhu. 17 Hoolaan teessoo wodhakkaa jiru tissee isaanii ta'a. Gara burqaa bisaan jireennaa isaan geessa; Rabbillee imimmaan maraa ija isaanii irraa haqa.» |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia