Mudhata Yohaannisii 5 - WAADAA LAMMATAAKitaabaa fi Hoolaa 1 Ka teessoo irraa ta'eef harka isaa ka mirgaa keessaa fi duuba irratti barreeffame barreeffama erbe'ee ka chaappaa torbaan cufame arge. 2 Maleekkaan cimaan kitaaba cufu, chaappoota ka hiikuu malu eennu? Jedhee laagaa gudda'aan hennaa labsu arge. 3 Ardii, sami'itti, lafa jalattillee yoo ta'e kitaaba banuu yookiin laaluun eennullee hin danda'amne. 4 Kitaaballee banuu yookiin laaluun ka malu eennullee waan hin argamneef guddisee booye. 5 Mangudoota keessa tokko, «Hin booyin! Kunoo, leenci gosa Yihuuda'aa Inni hidda Daawitii kitaaba banu'uuf chaappaa torbaallee hiiku'uuf mooyateera» naan jedhe. 6 Teesso'oo fi busaayota arfan wodhakkaa, manguddoota jiddu'uttillee akka hoolaa qalmaatitti dhabatee arge. Gaafa torbaa fi ija torba qaba. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban ka gara lafa maraa ergaman. 7 Hoolaan sunillee dhufee harka mirgaa ka teessoo irra taa'ee irraa kitaaba fudhate. 8 Hennaa kitaaba fuudhe, busayoonni afurii fi manguddoonni diddamii afurii hoolaa afo'otti kufanii, isaan maruu girgiraa worqi'ii ka hixaanaatiif faatee qulqullootaa meeshaa ittiin kaddaaman qaban. 9-10 «Kitaaba fuutee chaappootallee hiikuun keeti, waan qalamteef dhiiga keetiin, Rabbiif, afaan maraa, gosa maraa, banii maraa keessaa namoota furtee; jeennata Waaqa keennaatiif gadicha akka ta'an gooteerta; adunyaa irrattillee hin mooyan» jedha'aa laagaa haarawaan faarfatan. 11 Achiin maayessa naannaya teessoo busaawotaatiif mangudootaatitti laagaa Maleekkaa hedduu dhagayee, laakkofsi isaanillee shikita hennaa shikitaatiif kuma hennaa kumaatamaati. 12 Laagaa gudda'aan, «Hoolaa qalame sanii, hunni, durummaan, ogummaan, jajjabeenni, ulfinni, galanninii fi eebbillee isaa mala» jedhan. 13 Ardii, samii'i, lafa jalattii fi uumamni galaana irra jiranii fi wonti isa keessa jiru martuu hennaa, «Eebbi, ulfinni, galanni, hunni, baraa haga bara baraa ka teessoo isaa irra taa'eef, hoolaa Rabbiitii haata'u» jedhan dhagaye. 14 Busaayaan arfanuu, «Amiin!» jedhan manguddoonni kufanii sagadan. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia