Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mudhata Yohaannisii 4 - WAADAA LAMMATAA

1 Achiin maayii ani ol laalee samii keessatti balbala baname arge. Laagaa akka Xurumba'aatitti natti dubbatu dhagaye. Laagaan duraan dhagaye, «As bayi ani waan duranaa ta'u'uuf ta'u sitti mudhisaa» naan jedhe.

2 Anillee yoosuu Ayyaanaan guuttame; samii keessa teessoon kaayameera; teessoo san irra namatu taa'eera.

3 Ka teessoo san irra taa'eeru, bifti isaa akka dhagaa gatii guddaa Iyyaasphiidiiniitii fi sardinoonii calanqisee mudhata. Naannawa teessoo sanii funyaan karaabaa ka bifti isaa dhagaa maraagidii fakkaatutu jira.

4 Naannaya teessoo isaa teessoo diddamii afurtu jira. Teessoo sanniin irrallee manguddoonni diddamii afurii uffata adii uffatanii badhaadha muudamaa ka worqii irraa hojjatame mata'atti godhatanii tataa'aniiran.

5 Teessoo san keessaa laagaa bakakka'aatii fi gigissa'aatitu baya. Teessoo isaa afoo ifaa ibiddaa torbatu ifa'aa ture. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban.

6 Afoo teessoo isaa waan galaana bilillee fakkaatu ka akka uf arga'aa qulqullaayeerutu jira. Wodhakkaa naannoo teessoo sanii bineensonni uumamaa afurtu jira. Isaanillee duraa duubaa ija qaban.

7 Bineensa sanniin keessaa ka duraa leenca fakkaata. Ka lammaffa'aa waatiyyoo fakkaata. Ka sadaffa'aa fuulli isaa akka fuula namaati; ka arfaffa'aa ammoo bajjaan fakkaata.

8 Busaayonni arfanuu koola jaha jaha qaban. Keessaa fi gubbaan isaanii ija heddu qaba. Isaan halkanii fi guyyaa uduu hara hin baafatin «Waaqa Gooftaa waa maraa danda'u, ka dur jiru, ka ammallee jiruu fi ka dhufu'uuf ta'u, Woyyuu, Woyyuu, Woyyuu!» jedha'aa faarfatan.

9 Busaayonnillee ka teessoo irraa ta'ee fi ka baraa haga bara baraa ka jireennaan jiraatu hennaa isaa ulfinna jaju'u fi galata kennaniif,

10-11 Manguddoonni diddamii afurii afoo ka teessoo irraa taa'eeruutitti kufanii baraa haga bara baraatitti ka jireennaan jiraatuu, sagada'aa; «Gooftaa keennaa fi Waaqa keenna, «Ati maraa waan uumteertuuf, fedhii keetiif waan jiraataniif, ulfinni, jajamuunii fi hunnillee keeti» jedha'aa afoo teessoo isaatitti sagadan.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan