Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mudhata Yohaannisii 3 - WAADAA LAMMATAA


Ergaa Woldaa Sardeesiitii Ergame

1 «Maleekkaa woldaa Kirstaanaa ta Sardeesiin keessa jirtuuf akkana jedhii barreessi. Ayyaanota Rabbii torbanii fi ka urjoota torbaa harkaa qabu akkana jedha. «Hujii kee hin beeka; ati maqamaaf jirta malee duuteerta.

2 Kanaafuu dammaqii ka'i waan ani fuula Rabbii kiyyaa afo'otti hujiin kee guutuu ta'uu isaa hin argineef. Waan du'uu gaye sanniin jabeessi.

3 Eeganaa attamitti akka fudhatteef akka dhageette yaadi. Aagii gali; ajajamiifille'e. Yoo ati dammaquu dhabaatte, akka hattu'uutitti dimmaa sitti dhufa. Sa'aatii attami'ititti akka ani sitti dhufu sirimaa hin beettu.

4 Haata'uu ammoo worri uffata ufii hin batteessine Sardeesitti namoota hago'otu si woliin jira. Waan isaanii male waan ta'eef isaan uffata adii uffataniiti na woliin deeman.

5 Ka mooyatellee akkasuma uffata adii uffata. Maqaa isaallee galmee jireennaa keessaa hin haqu. Anillee abbaa kiyyaa fi Maleekkota afo'otti maqaa isaatii raga.

6 «Waan Ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu, ka gurra dhagayu qabu maruu haa dhagayu.


Ergaa Woldaa Filaadelfiya'aatti Ergame

7 «Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Filaadelifiyaa keessa jirtuu akkana jedhii barreessi. Ka furtuu Daawitii harkaa qabu, ka waan inni cufe eennullee banuu hin dandeenneef waan inni bane eennullee cufuu hin dandeenne woyyichi dhuga'aa akkana jedha.

8 Hujii kee hin beeka afoo keetitti balbala baname sii kenneera. Eennullee cufuu hin danda'u, hunni kee hagamillee diqqoo yoo ta'e, dubbii kiyya eeddee maqaa kiyyallee hin waakkanne.

9 Worri Yihuudota uduu hin taane nu Yihuudota jedha'aa soban, worri woldaa seexanaa ta'an gara kee dhufanii luka kee jalatti akka sagadaniif akka isaan akka ani si jaaladhu beekan taasisa.

10 Ciniinnattee obsitee ajaja an sii kenne waan eeddeef anillee hennaa ataabee worra adunyaa tana irra jiraatan ataabu'uuf dhufu maraa jalaa si baasa.

11 Ani dafee dhufa. Eennullee badhaasa kee ka muudamaa akka si jalaa hin fudhanne waan qabdu jabeessii qabadhu.

12 Nama injifate galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa isa taasisa. Inni horoma duranaallee achi keessaa hin bayu. Ani maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ta Yeruusaalemii haarawa sami'ii dhuftuuf maqaa kiyya haarawa isa irratti barreessa.

13 Waan Ayyaanni woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagawuu qabu haa dhagayuu.


Ergaa Woldaa Lodoqiya'aatii Ergame

14 Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Lodoqiyaa jirtuutiif akkana jedhii barreessi: inni Amiin jedhamu ka amanameef ragaan dhuga'aa ka Rabbiin biratti madda uumama maraa ta'e akkana jedha.

15 Akka ati qabbanaayaa yookiin oo'aa hin taane hujii kee hin beeka. Qabbanaayaa yookiin oo'aa uduu taatee misha'a.

16 Akkanumaan buukanaayaa waan taateef qabbanaayaa yookiin oo'aa waan hin taaneef, Afaan kiyya keessaa si tufu'uuf ta'a.

17 ‹Ani qabaata'a, dureessallee ta'eera, womaa na hin barbaachisu waan jettuuf hiyyeessa deegaa, hiyyessa balla'aa fi ka qullaa hafte ta'uu kee waan hin beenneef.›

18 Dureessa akka taatuuf worqii ibiddaan baffame uffattee qullaan saala keetii akka hin mudhanneef uffata adii waan ija kee ittiin bareechifattu na irraa akka bitattu si gorsa.

19 Ani nama jaaladhu maraa hin loladhaan hin adaba. Kanaafuu qajeelii aagii gali.

20 Kunoo ani balbala dhaabadhee dhadhaya; eennullee laagaa kiyya dhagayee balbala ufii yoo naa bane seenee isa woliin hurbaata nyaadha. Innillee na woliin nyaata.

21 Akkuma ani mooyadhee teessoo abbaa kiyya irra taa'e, akkasuma ka mooyate na woliin teessoo jeennata kiyyaa irra akka taa'u hin kennaaf.

22 Waan Ayyaanni Woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu haa dhagayuu.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan