Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mudhata Yohaannisii 22 - WAADAA LAMMATAA


Laga Jireennaa

1 Baadaa isi'ii jidduu teessoo Rabbiitiif teessoo Hoola'aa waan akka bilille'ee callanqisu laga bisaan jireennaa natti mudhise.

2 Laga gamaa fi gamana ji'a ji'aan muka jireennaa daraaraa kudha lamaa kennutu jira. Baallii mukaa ka banniin itti fayye.

3 Ammaa achi abaarsi sirrima hin ta'u, teessoon Rabbiitii fi Hoolaan Rabbii isii keessa ta'a. Garboonni isaa isa kaddaaman fuula isaa keessa laalan.

4 Maqaan isaa kallacha isaanii irraa jira.

5 Amma achi hin halkanaawu. Waandhi Gooftaan waan isaanii ibsuuf ifaa fi ifti adu'uullee isaan hin barbaachisu; baraa haga bara baraa hin mooyan.


Deebi'ee Dhufuu Yesuusii

6 Innillee, «Jechoonni kunniin amanama'aa fi ka dhuga'aati. Ayyaanni raattotaa, Waandhi Gooftaan keenna waan dafee ta'u'uuf ta'u garbootatti akka mudhisu, Maleekkaa erge.»

7 «Ani, dafee dhufa, ka raaga dubbii kitaaba kanaa eegu, eebbifama'a» naan jedhe.

8 Kanallee ka arge ana Yohaannis, hennaa dhagayee fi arge; hennaa kana natti mudhise, luka maleekka'aa afo'otti sagadu'uuf gad kufe.

9 Innillee, «Akkas akka hin goone uf eegi! Anillee siif obboloota kee, raattota woliin namoota dubbii kitaabaa kana eegan woliin anillee garbichaa Rabbii sagadi» naan jedhe.

10 Anaanillee, «Barri dhiyaateera, dubbii raagaa ka kitaabaa kana chaappa'aan hin cufin.

11 Hamaanillee hammeennuma ufii haa godhuu, battaayaanillee battummama ufii haa godhuu, qajeelaanillee qajeellummama ufii haa hojjatuu, woyyuunillee woyyummaa ufiitiin haa jabaatuu» jedhe.

12 «Ani dafee dhufa; isaan maraafuu akkuma hujii isaaniititti isaanii kennu'uuf gatiin isaanii na bira jirti.

13 Aalfa'aa fi oomeegaa, ka duraatii fi ka maayessaa, ka jalqabaatii fi ka dhumaa ana.»

14 Worri gara muka jireennaa gayu'uuf baallii qabaatu'uuf gara balbala qachati'ii seenu'uuf worri uffata isaanii miicatan eebbifamtoota.

15 Worri asmaa godhan, sariinii fi seebartoonni worri lubbuu namaa ajjeese, worri waaqa tolffamaa kaddaaman, worri kijiba jaalatanii fi raawwatan maruu diida jiran.

16 «Ani Yesuus tokkummaa woldaa Kiristaanaatitti kana akka isinii ragu Maleekkaa kiyya erge. Ani hidda fiixaa Daawitii, urjii ganamaa ka ifu.»

17 Ayyaanninii fi idaayyittiinillee «koottu!» jedhan. Ka dhagayullee «Koottu!» haa jedhuu ka dheebotellee haa dhufuu ka fedhe bisaan jireennaa akkanumaan haa fudhatuu.

18 Raaga Kitaaba kana irratti barreffame kana ka dhagayu maraafuu ani hin raga. Eennullee kana irratti waan tokko yoo eda'e, Rabbi balaa kitaaba kana keessatti barreeffame maraa isarratti raawwata.

19 Eennullee dubbii kitaaba raagaa kana keessaa yoo hanqise, hiree isaa muka jireennaa ka kitaaba kanatti barreeffamee, qachattii woyyittii Rabbii keessaa jalaa hanqisa.

20 Ka kana ragu, «Ee, dafee dhufa» jedha. Amiin! Gooftaa Yesuus, dafii koottu.

21 Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haata'u; amiin!

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan