Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mudhata Yohaannisii 20 - WAADAA LAMMATAA


Mootummaa Woggaa Kumaa

1 Maleekkaan furtuu ashuuteetii fi sansalaata sibiilaa harkaa qabu hennaa sami'ii bu'u arge.

2 Bofa duraa, Jawwee, inni ka daabiloosii fi seexana jedhame qabee,

3 Woggaa kumaa hidhee qilee ashuuteetitti gate, worra Yihuudii hin taane duranaa akka hin dogoggorsine haga woggaan kumaa raawwatamuuf isa irratti cufee chaappaa itti godhe. Achiin maayii hennaa gabaaba'aaf hin hiikkama.

4 Teessoollee hin arge. Worra isarra taa'anii baalliin kennameef waan ragaa Yesuusiitiif waan dubbii Rabbiitiif namoota mataan isaanii irraa murame, worra bineensaaf fakii isaatii hin saganne worra malkata kallacha isaaniitiif harka isaanii irratti hin godhanne arge. Kiristoosiin woliinillee woggaa kumaa mooyanii jiraatan.

5 Worri du'an ammoo haga woggaan kumni sun raawwatamutti lubbu'uun hin jiraanne; kun du'aa ka'uu duraati.

6 Worri hiree du'aa ka'uu duraa qabu eebbifamtootaa fi woyyoota. Duuti lammaffa'aa isaan irratti baallii hin qabdu, gadoota Rabbiitiif ka Kiristoosii ta'anii isa woliin woggoota kumaa kana mooyan.


Mooyatamuu Seexanaa

7 Woggaan kumaa yoo raawwatame seexanni hidha'aa hiikkama.

8 Worri Yihuudii hin taane gosa Gogii fi Magoogiin dogoggorsu'uuf kallattii lafaa arfanii bayan. Laakkofsi isaanii akka xindhacha qarqara galaanaati.

9 Gara badhinna biyya lafaa bayanii, ganda woyyootaatiif qachaa jaalatamtuu marsan, ibiddi sami'ii Rabbiin biraa bu'ee isaan nyaate.

10 Daabiloosiin isaan dogoggorse sun hulee, gara busaaya'aa fi raanni sobaa jiran gara galaana ibiddaatii fi dhagaa bobayuutitti gatame. Baraa haga bara baraa halkanii fi guyyaa rakkatan.


Murtii Dhumaa

11 Teessoo gudda'aa fi adii ka isa irra taa'eerullee hin arge; Ardi'ii fi samiinillee isa afo'oo dheessan. Huleen isaanii hin argamne.

12 Worra du'an, didiqqa'aa fi gugurdaa teessoo isaa afoo ka dhaabatan arge; kitaabbileen banaman, kitaabni biraallee baname; innillee kitaaba jireennaati, du'oonnillee akkuma kitaabota irratti barreeffame akkuma hujii isaaniitiin qoodaman.

13 Galaannillee worra du'an ka isa keessa jiranii kenne; duutinii fi ibiddi asaabaallee worra du'an ka isaan keessa jiru kennan. Martinuu akkaatama hujii isaaniitiin qoodaman.

14 Duutiinii fi asaabnillee galaana ibiddaatitti gataman. Galaanni ibiddaa kunillee du'a lammaffa'aati.

15 Eennullee ka galmee jireennaatitti hin barreeffamne galaana ibiddaatitti gatame.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan