Mudhata Yohaannisii 13 - WAADAA LAMMATAABineensa Lamaa 1 Bineensi tokkollee uduu galaana keessaa bayu arge. Gaafa kudhanii fi mataa torba qaba. Gaafa isaa irra qoobii kudhanii fi mataa isaa torban irraa maqaa arrabaatitu jira. 2 Bineensi ani arge sun, Qeerransa fakkaata; lutti isaa akka luka Awaaldiigessaa, afaan isaa akka afaan leencaa ti, Jawweenillee hunna ufii, teessoo ufiitii fi baallii ufii guddaa kenneef. 3 Mataa isaa torban keessaa tokko ka akka waan goorra'amee du'ee ta'e arge; madaa isa ajjeesu'uuf ta'u irraa hin fayye. Baniin lafarraa maruu bineensa duukaa deema'aa maalalfatan. 4 Jawwe'eellee hin sagadan, waan inni bineensaa baallii kenneruuf, «Binneensa eentu fakkaata? isaanillee eentu wol loluu danda'a?» jedha'aa sagadaniif. 5 Waan guddaa fi afaan ittiin arrabsutu kennameef, ji'a afurtamii lamaa akka hojjatu baalliin kennameef. 6 Rabbiinillee arrabsu'uuf maqaa isaatiif hulee bultii isaa ta sami'ii worra bulullee arrabsu'uuf afaan banate. 7 Woyyoota worrane mooyachuu gosaa fi firoota banii afaan gara garaa dubbatan maraa irratti baalliin kennameef. 8 Uumama adunya'aatii jalqabee worri maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka hoolaa qalamee keessatti hin barreeffamne, worri lafarra jiraatan maruu hin sagadaniif. 9 Ka gurra dhagayu qabu yoo jiraate haa dhagayuu. 10 Eennullee ka booji'amuu barbaadu yoo jiraate gara booju'uu deema. Eennullee ka guraade'een nama ajjeesu yoo jiraate, inni guraade'een haa ajjeefamuu. Obsinii fi amantaan woyyootaa kanaan. 11 Bineensi biraallee uduu lafaa bawu arge. Gaafa lamaa ka gaafa hoola'aa fakkaatu qaba. Akka Jawwe'eetitti qaaqa. 12 Inni maqaa bineensa duraatiin baallii guutu'uun hojjata'aara. Laftinii fi worri lafarra jiran maruu, bineensa duraa ka madaa ajeeftu irraa fayyee, akka sagadaniif godha. 13 Ibidda afoo namaatitti samii irraa buusu'uun malkata gugurdaa godha. 14 Malkata gugurdaa afoo bineensaatitti ta'u saniin worra lafa irra jiraatan hin dogoggorsa. Ka madaa guraade'ee qabuuf, worra lubbu'uun jiraatan fakii bineensa sanii akka godhatan worra lafa jiraatanitti dubbata. 15 Hennaa fakiin bineensaa qaaqu, fakii bineensaatii worra hin saganne maraa ajjeesisu'uun fakii bineensaatii hafuurri akka kennamuuf taasifame. 16 Didiqqa'aa fi gugurdaan, dureeyyi'ii fi hiyyeeyyiin, gooftotaa fi garboonni maruu harka isaanii ka mirgaatitti yookiin kallacha isaanititti malkata godhatan. 17 Maqaa bineensaa yookiin Malkata laakkofsa maqaa isaa ka hin qabne eennullee bituu yookiin gurguruu akka hin dandeenne godha. 18 Wonti kun ogummaa barbaada ka sammuu qabu laakkofsa bineensaa haa laakkayuu. Laakkofsi laakkofsa namaa waan ta'eef, laakkofsillee dhibba jahaa fi jahaatamii jaha. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia