Mudhata Yohaannisii 12 - WAADAA LAMMATAAIntalatti'ii Fi Jawwee 1 Malkanni guddaan sami'itti mudhate. Dubartiin aduu uffate ta addeessa luka isi'ii jalaa qabdu urjii kudha lamaa mataa ufii irratti gonfatte fakkaattu takkatu jira. 2 Isiinillee ulfa dayu'uuf ciniinsu'uun qabamtee dhiphatteetitti iyyite. 3 Malkanni biraallee sami'itti mudhate. Jawween guddaan diimaan, mataa torbaa fi gaafa kudhan qaba. Mataa isa irraa qoobii torbatu jira. 4 Eegeen isaa urjii sami'ii sadi keessaa harka tokko gara lafaa gad-jisse. Jawweenillee hennaa dubbartittiin deette daa'ima isi'ii nyaachu'uuf dubartittii dayu'uuf taatu san afoo dhaabate. 5 Ilma dhiiraa ka worra Yihuudota hin taane maraa ulee sibiilaatiin bulchu'uuf ta'u deette. Mucaan isi'ii gara Rabbiitiif gara teessoo isaa ol fudhatame. 6 Dubartittiin guyyaa kuma tokkoo fi jahatamaa achitti akka isii sooran gara hulee, Rabbi qopheesseefii gara gammoojji'ii dheessite. 7 Samii irratti lolli ka'e. Mikaa'elii fi Jawween wol lolan, Jawweenillee Maleekkota woliin wol lole, garuu isaan hin dandenne. 8 Achiin maayessa sami'itti hulee dhaban. 9 Ka adunyaa maraa dogoggorsu, daabiloos yookiin ka seexana jedhamu, Jawween guddaan innillee bofni duraa sun gad-gara lafaa darbame. Maleekkonnillee isaan wol lolan. 10 Laagaan guddaan sami'itti hennaa akkana jedhu dhagaye. «Amma baalliin fayyinni, hunni, jeennanni ka Waaqa keenna Yesuus Kiristoosiiti. Himattoonni halkanii fi guyyaa Waaqa keenna afo'otti, obboleewwan teenna himatan waan gadi darbamaniif. 11 Isaan, dhiiga hoola'aatii fi sababaa dubbii ragaa isaaniitiin mooyataniin; isaan lubbuu isaanii haga du'aa ufirraa bayan. 12 Kanaafuu isin worri sami'ii fi samii keessa jirtan gammadaa'a, lafaa fi galaana isaan hobbaasi, daabiloos akka barri hagoon hafe beekee, aarii gudda'aan gara keessan waan bu'eeruuf.» 13 Jawweenillee haga akka gara lafaa darbame arge, dubartii ilma dhiiraa deette san ari'e. 14 Isiinillee afoo bofaatii bara, barootaa fi wodhakkaa barootaa gara lafa gammoojji'ii waa itti nyaattuu barartee akka fagaattu koolli bajjaa lamaan gugurdaan kennameef. 15 Bofnillee dubartittiin akka lagaan liqimfamtu godhu'uuf, bisaan haga lagaa gayu afaan ufii keessaa isii duubatti jisse. 16 Laftillee afaan banteeti bisaan jawween afaan ufii keessaa jisse dhugu'uun dubartii san gargaarte. 17-18 Jawweenillee dubartitti'iin lolee, worra ajaja Rabbii eegan, ka ragaa Yesuusii qaban worra fiixaa isi'ii keessaa hafe woraanu'uuf deemee xidhacha qarqara galaanaa irra dhaabate. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia