Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Gara Ibirootaa 9 - WAADAA LAMMATAA


Dukkaanaa Sami'ii

1 Waadaan duraa ammoo seera kaddaamu'uu mana woyyuu adunyaa tanaa qabdi.

2 Duukkaanaan duraa ta qophoofte, «Isii woyyittii» jedhamtu keessa waan ibsaa irra kaayan, xarapheessa'aa fi xoroshoo ciinca'aatitu irra jira.

3 Golga lammaffa'aa duubaan dukkaanaa, «Woyyittii woyyootaa» jedhamtutu jira.

4 Achi keessa girgiraan worqi'ii, Saanduqa waada'aa ka worqi'iin dibame, Saanduqa waada'aa kana keessa masoobii worqi'ii ta nyaanni sami'ii keessa jiru, ulee Aaroonii ta margitee fi dhagaa baxxicha waadaa Rabbii ka seerri kudhanii irratti barreeffametu jira.

5 Saanduqa kaku'uu irra waan cubbuu balleessu golga ulfinna kiruubeeliititu ture. Waan kana maraa tokko tokko isaaniitiif amma dubbachuu hin dandeennu.

6 Kunillee akkanatti qophaayee uduu jiru, gadoonni tajaajila isaanii raawwachu'uuf hennaa maraa dukkaanaa duraatitti seenan.

7 Gara gola lammaffa'aa ammoo hayyichi gadootaa hojja ufii woggaa keessa hennaa tokko callaa seena. Innillee dhiiga waan ufiitiif waan balleessaa bani'iitiif dhiyeessu uduu hin qabanne hin seenu.

8 Dukkaanaan duraa uduma asi dhaabatteertu, karaa gara woyyitti'ii geessu duranaa akka hin mudhanne Ayyaanni Woyyuun hin mudhisa.

9-10 Kunillee fakkeenna waan ammaati. Akkanuma kenna'aa fi ciinca'aan hin dhiyaatan. Kunniinillee ka haga seerri haarawaa dhufutti ta'an, waan nyaataatii fi waan dhuddo'oollee waan dhiqachuu adda addaatiif ta'an, seera foonii callaa waan ta'aniif, ka kaddaamullee sammuu isaa sirima qulqulleessuu hin danda'an.

11 Haata'uu ammoo Kiristoos waan mishaa dhufu'uuf ta'u saniif hayyicha gadootaa ta'ee, ta caaltuuf michuu harkaanillee hin hojjatamne jechuun dukkaanaa uumama kanaaf hin taane,

12 Furama bara baraa argatee hennaa tokko raawwatee, gara woyyittii woyyootaa dhiiga ufiitiin seene malee dhiiga re'iiniitii fi jabbile'eetiinii miti.

13 Dhiinni korommi'iitii fi re'iinii, ka worra battaayan irratti faca'e, daaraan goromsa ciincayee foon qulqulleessu'uuf ka woyyoomsan yoo ta'an,

14 Dhiinni Kiristoosii ka mudaa hin qabne ta'ee, Ayyaana bara baraatiin, ka Rabbiif uf dhiyeesse, attamitti waan kana caalaa Rabbii jiraataa akka kaddaaman, hujii du'aa irraa sammuu keessan hin qulqulleessine ree?

15 Kanaafuu worri waamaman abdii dhaala bara baraa kennameef san akka argataniif Kiristoos jiddu-galeessa waadaa haarawaa ta'e.

16 Yoo dhaamsi dhaalaa jiraate, du'a namicha dhaamatee san mirkaneessuun barbaachisaa waan ta'eef.

17 Dhaamsi dhaalaa yoo namichi dhaala dhaame sun du'e callaa hojii irra oola malee, uduu inni lubbu'uun jiru hin ta'u.

18 Kanaafuu waadaan duraatuu dhiiga malee hujii irra hin oolle.

19-20 Muuseen ajaja maraa akkuma seeraatitti banii maraafuu haga himeen maayii, dhiiga jabbi'iitii fi re'iinii, bisaanii fi rifeensa hoolaa arrawaatii fi baala muka hisoophii woliin qabatee, «Waadaan dhiigaa ka Rabbi isinii ajaje kana» jedhee, kitaaba seeraatii fi banii maraa irratti facaase.

21 Akkasuma dukkaana'aaf mi'a tajaajilaa marattuu dhiiga facaase.

22 Akka seeraatitti waan hago'oon ala wonti maruu dhiigaan qulqullaaya, uduu dhinni hin jinnee dhiifamsi cubbu'uu hin jiru.


Woreegamuun Kiristoosii Cubbuu Balleessa

23 Eeganaa kunniin ka fakkeenna waan sami'ii ta'an martinuu waan kana mara caaluun qulqullaayuu isaan barbaachisa. Wonti samii jiru ammoo, ufiifuu ciincaa kana caaluun qulqulleeffamuun giddi'i.

24 Kiristoos gara mana woyyuu ta harka namaatiin hojjatamte woyyittii fakkeenna dhuga'aa ta taatetti waan hin seenneef; haata'uu ammoo inni amma Rabbiin afo'otti waan keennaaf mudhatu'uuf gara sami'ii isii keessa seene.

25 Akka hayyoonni gadootaa dhiiga ufii uduu hin taane, dhiiga biraa qabatee woggaa wogga'aan gara woyyitti woyyootaa seenu, inni hennaa hedduu uf dhiyeessu'uuf hin seenne.

26 Uduu akkana ta'ee, uumama adunya'aatii jalqabee hennaa hedduu silaa rakkinni Kiristoosiin irra gaya; amma ammoo dhuma adunya'aa irratti uf ciincaa godhu'uun cubbuu diigu'uuf hennaa tokko mudhateera.

27 Namootaaf harka tokko du'uun, achiin maayillee murtiin akka isaaniif murtaaye,

28 akkasuma Kiristoosillee ammoo cubbuu namoota hedduu baadhatu'uuf hennaa tokko haga ciincaa ta'een maayii, isaan fayyisu'uuf worra cubbuu malee isa eeggataniif lammaffaa deebi'ee isaanitti mudhata.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan