Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Gara Ibirootaa 6 - WAADAA LAMMATAA

1-2 Kanaaf waan Kiristoosii ka dura namoonni barsiisan dhiifnee, gara bilchinnaa haa deemnuu; bu'uura deebifnee hin bu'uursinu. Sunillee hujii gara du'aa nama geessu irraa aagii galuu, Rabbitti amanu'uun, waan cuuphamu'uu, waan harka nama irra kaayu'uu, waan worra du'oota keessaa ka'aniitii fi waan barumsa murtii bara baraa ti.

3 Yoo Rabbi jedhe kana goona.

4 Worra hennaa tokko ifti ifeefii kennaa sami'iillee worri mi'eeffatan Ayyaana Woyyuu irraa worri qoodaman.

5 Dubbii Rabbii misha'aa fi hunna adunya'aa ka dhufu'uuf ta'u worri mi'eeffatanii fi worri maayii deebi'anii waakkatan, lamuu deebisanii aagi'iin isaan deebisuun waan hin danda'amne.

6 Ufumaa Ilma Rabbii fannisanii waan salphisaniif.

7 Hennaa hedduu rooba isii irratti roobu, lafti dhuddu, worra isii irratti qotataniifillee akkasuma ta fayyaddu, biqiltuullee ta margisiiftu Rabbiin irraa eebba argatti.

8 Qore'eef qummuudduu ammoo yoo margisiifte ta gatamte, ta abaaramtee fi dhumti isi'iillee gubata.

9 Goshoota tiyya, waan keessan ammoo yooma akkanumaanillee dubbanne, isin eebba caalu ka fayyinna keessaniin argame, fiduu irra jiraachuu keessan hubanneerra.

10 Waan woyyoota tajaajiltaniif haga ammaallee waan tajaajila'aa jirtaniif hujii hojjattan, jaalala maqaa isaatiif mudhiftan akka hin irraanfanne Rabbi hamaa miti.

11-12 Amanta'aa fi obsaanillee worra dubbii abdi'ii dhaalan akka fakkaattaniif malee ammshaaggota rincicoota akka isin hin taaneef haga abdiin guutuuf isin maruu ciminna san haga dhumaa akka mudhiftan hin hawwina.


Waadaan Rabbii Amanama'a

13-14 Rabbi hennaa Abrahaamii abdii kenne, «Dhugamaan, si eebbisa guddisee si baayi'isa» jedhe. Ka isa caalu waan hin jirreef maqaa ufiitiin isaa kakate.

15 Akkasuma innillee haga obseen maayii abdii argate.

16 Namoonni waan ka isaan caaluun kakataniif dubbii ufiillee kaku'uun jabeessan kakuun dhuma mormii waa maraa ta'a.

17 Kanaafuu Rabbi dubbii abdi'ii worra dhaalaniif, yaada isaa akka hin jijjiiranne caalchiisee isaanitti mudhisuu waan barbaadeef,

18 Rabbi akka kanaan waan lamaan hin jijjiiramneef ka soba hin qabneen abdi'ii fi kakuu nuu galeera. Kana lamaaniin abdii nu afoo jiru jabeessinee qabatuu akka dandeennu, nu worri gara isaa dheessine jajjabeenna guddaa arganna.

19 Nullee abdatama'aa fi jabaa lubbuu teenna qabatee dhaabatu ka akka sibiila gaaditu'u markaba qabee dhaabu qabna. Abdiin kunillee golga duubaan lufee hulee woyyicha galma Rabbii ka sami'ii seene.

20 Achii Yesuus akka muudamaa malkasaadiqii baraa haga bara baraa ka hayyicha gadootaa ta'e, waan keennaaf firrisee seene.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan