Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Gara Ibirootaa 5 - WAADAA LAMMATAA

1 Gadichi guddichi maruu waan cubbu'uutiif ciinca'aaf kennaa dhiyeessu'uuf nama keessaa filamee waan Rabbii maraa irratti muudama.

2 Inni ammoo dadhabbii waan qabuuf, worra hin barannee fi worra dogoggoraniif garaa laafu'uufii danda'a.

3 Sababa kanaan waan cubbuu bani'iitiif dhiyaatu akkasuma ufiifillee ammoo ciincaa cubbu'uu dhiyyeessa.

4 Ka akka Aaroonii Rabbiin waamame malee eennullee ulfinna isaa ufiif ka fudhatu hin jiru.

5 Akkasuma Kiristoosillee gadicha guddaa ta'u'uuf uf hin kabajjine. Haata'uu ammoo, «Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadheera!» ka jedheen isuma.

6 Akkasuma hulee biraatitti ammallee «Ati akka muudamaa, Malkasaadiqii, ati baraa haga bara baraa gadicha» jedha.

7 Innillee hennaa lafa tana irra jiru laagaa gudda'aaf imimmaaniin faate'ee fi kaawwanii kadhachu'uun gara Waaqa isa hambisuu danda'uutitti dhiyeesse. Gadi uf qabee waan ajajameef Rabbi kadhaa isaa dhagayeef.

8 Hagamillee yoo Ilma isaa ta'e, rakkinna isa irra gayeen ajajamuu barate.

9-10 Haga kun maruu raawwatameen maayii, Rabbiin akka muudama Malkasaadiqii hayyicha gadootaa jedhamee waan waamameef, worra isaa ajajaman maraaf madda fayyinna bara baraa isaanii ta'e.


Gorsa Akka Namoonni Amantaa Hin Dhiifne

11 Waan isaa wonti dubbannu waan heddutu jira. Waan gurri keessan juu jedhee dhagayuu dideef dubbiian hiikuun rakkisa'a.

12 Isin hennaa tana silaa barsiisota ta'utu isin barbaachisa. Amma ammo akka namni tokko dubbii Rabbii ka jalqabaa irraa deebi'ee barumsa biraa isin barsiisuu barbaachisa; akka kanaan wonti isinii ta'u aannan malee nyaata jaba'aa miti.

13 Ka aannan woga'amu maruu daa'ima waan ta'eef, dubbii qajeellumma'aa hin beeku.

14 Dhiyanni jabaan ammoo worra waan misha'aa fi waan hamaa addaan baasuuf worra waa hubatanii fi worra yaada guutu'uutiif barbaachisa.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan