Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Gara Ibirootaa 4 - WAADAA LAMMATAA

1 Eeganaa abdiin harabaafataa ta inni nuu kenne sanitti galu'uuf waadaan galu'uu ammallee waan banaa jiruuf isin keessaa eennullee carraa galu'uu akka hin dhabne uf haa eennuu.

2 Isaanittillee akkuma himame oduun gammachu'uu nuttillee himameera. Haata'uu ammoo dubbiin dhagayan worri dhagayan sun amanta'aan waan isaan keessatti hin qabamneef womaa isaanii hin goone.

3 Hujiin isaa haga adunyaan uumamtee jalqabee yoo raawwatamellee, «Isaan hulee harabaafataa ta ani isaanii kenne sanitti sirimaa hin galan jedhee, aari'iin kakadheera» Akkuma jedhe nu worri amanne hulee harabaafataatitti hin galla.

4 Waan guyyaa torbaffa'aa hulee tokko irratti Rabbi guyyaa torbaffa'aa hujii maraa irraa harabaafate waan jedheeruuf.

5 Hulee tanattillee akkasuma gara harabaafata kiyyaa hin seenan.

6 Hulee harabaafataa san worri galu gari gariin hin jira. Dubbii gammachu'uu ka himame sanii ajajamuu waan didaniif hulee harabaafata isaanii kennameetitti waan hin galleef,

7 Kunillee akkuma kanaan duraa, «Adha laagaa isaa yoo dhageettan; garaa hin jabaatinaa'a» jedhamee, Rabbi bara hedduun dura afaan Daawitiitiin hennaa dubbatu, guyyaan biraa ka, «Adha» jedhamee waamame waan murtaayeef beekkameera.

8 Uduu Iyyaasuun isaan harabaafachiiseera ta'ee, achiin maayii silaa waan guyyaa biraa hin dubbatu.

9 Eeganaa harabaafanni guyyaa Sambataa banii Rabbiitiif hafeera.

10 Namni gara harabaafataa ufii seene akkuma Rabbi hujii ufii irraa harabaafate, innillee hujii ufii irraa harabaafateera.

11 Eeganaa eennullee ajajamuu didu'uun kufee akka hin hafne gara hulee harabaafanna'aa kana seenu'uf haa jabaannuu.

12 Dubbiin Rabbii jiraata'a hunna hojjatuunillee uf keessaa qaba; guraadee gara lamaan qara qabu caalaa qarama'a, lubbuu, hafuura, ribuu, lafe'ee fi dhuka haga gargar baasuutti woraanee seenuu danda'a. Miira onne'eetii fi ka yaadaa qora.

13 Isa nu tooyatu afo'otti wonti maruu qulla'aa fi addaata'a, isa afo'otti uumamni dhokate hin jiru.


Yesuus Gadicha Hayyicha Guddaa

14 Eeganaa ka gara sami'ii ol baye gadicha hayyicha guddaa Ilma Rabbii Yesuusiin waan qabnuuf jabaannee amantaa keenna haa eennuu.

15 Cubbu'uun achitti waa maraanuu akkuma keenna qorame; gadicha hayyicha dadhabbii keennatti garaa nuu hin laafne hin qabnu.

16 Eeganaa araara akka argannu waan nu barbaachisu maraa hennaa nu barbaachisutti badhaadha akka argannu gara teessoo badhaadha isaa amanta'aan haa dhiyaannuu.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan