Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Gara Ibirootaa 3 - WAADAA LAMMATAA


Yesuus Muusee Caala

1 Kanaafuu obboleeyyan woyyoota, worri waamsa sami'ii irraa qoodamtoota taatan, gara ergamaa amantaa keennaatii fi gadicha hayyicha Yesuus Kiristoosii laalaa'a.

2 Akkuma Muuseen mana Rabbii keessatti amanamaa ture, innillee Rabbii isa muudeef amanama'a.

3 Namni mana ijaaru mana ufii caalaa ulfinna caalu akkuma qabu, akkasuma inni Muusee caalaa ka ulfinna guddaa qabu ta'ee argameera.

4 Manni maruu nama tokkoon ijaarame. Ka waan maraa qopheesse ammoo Rabbi.

5 Muuseen waan uf afo'otti dubbatamuuf san ragaa ta'u'uuf mana Rabbii maraa keessatti tajaajilaa amanamaa ture.

6 Kiristoos ammoo mana Rabbii keessatti akka Ilmaatitti amanama'a, nullee waan ittii abdannuuf abdii ittin boonnu haga dhumaa jabeessinee yoo eenne nullee mana isaati.


Harabaafata Banii Rabbii

7 Kanaafuu akka Ayyaanni woyyuun jedhu, «Adha, laagaa isaa yoo dhageettan,

8-9 Akka hennaa qormaata lafa gammoojji'ii keessatti Rabbiin dhibu'uun taatan san, «Mataa hin jabaatinaa'a! achitti, abbootiin teessan na qoranii; woggaa afurtamaa guutuu waan ani hojjadhe argan.

10 Kanaaf ani dhaloota sanitti aare. ‹Hennaa maraa onnee isaaniitiin hin dogoggoran; isaan karaa kiyya hin beenne jedhe.

11 Akkasuma, ‹hulee harabaafata kiyyaa sirima hin galan! jedhee aari'iin kakadhe» jedhe.

12 Obboleeyyan tiyya! Maal laataa waan Rabbii jiraataa isin waakkachiisu dhartichaa fi onneen hin amanne isin keessaa tokkollee akka hin jiraanne uf eegaa'a!

13 Haata'uu ammo isin keessaa eennullee cubbu'uun sobamu'uun morkataa akka hin taane, «Adhuma» waan guyyaa maraa uduma guyyaan sun hin lufne woliin mari'adhaa'a!

14 Amantaa keenna ka duraa haga dhumaa cimsinee uduu eennee worra Kirstoosiin woliin jeennata Rabbii keessa jiraatu taaneerra.

15 «Laagaa jedhu uduu dhageettan diddanii, onnee teessan morkataa hin godhinaa'a!»

16 Worri dhagayanii didan eennuun fa'a, worra Muuse'een masakkamanii Misirii bayan sanniinii mii?

17 Ka woggaa afurtamaa loleen eennuun fa'a turan? Ka reeffi isaa lafa gammoojji'ii keessatti kufe worri cubbuu hojjatan isaanii mii?

18 Worra hin ajajamne yoo ta'e malee gara hulee harabaafannaa kiyyaa hin galtan jedhee ka itti kakate eennuun fa'a?

19 Amanuu dhabuu isaaniitiin gara hulee harabaafanna'aa seenuun akka isaanii hin danda'amne argina.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan