Gara Ibirootaa 12 - WAADAA LAMMATAARabbi Abbaan Keenna 1-2 Eeganaa raattota hagana gayan, naannaya kenna eeganuu jiraatan, nullee akkasuma ba'aa maraa, cubbuu daddafee nu marsu balleessinee, Yesuusii mataa amantaa keennaatii fi raawwataa ta'e laala'aa, fiigicha afoo keenna jiru obsaan haa fiinnuu. Inni salphinna tuffatee gammachuu afoo isaa jiruuf fannoo irratti obsee teessoo mirga Rabbii waan taa'eeruuf. 3 Lubbuu keessaniin hifattanii akka hin dadhabne, Yesuusiin mormii cubbamtoota irraa isa gaye obse san qaabadhaa'a. 4 Cubbuu woliin wondhaansa baya'aa haga dhiinni keessan jigutti hin falmanne. 5-6 Akka ijoolle'eellee isin woliin, «Ilma kiyya! adabbii Goofta'aa hin salphisin, hennaa inni si gorsu hin dadhabin; Gooftaan nama jaalatu adaba, finna akka ilma ufiititti fudhatu maraa, hin tuma» jedhee gorsa dubbatu irraanfattaniirtan; adabamu'uuf obsaa'a. 7 Rabbi akka ijoollee ufiititti waan isin laaluuf ilmi abbaan hin adabne eennu? 8 Haata'uu ammoo isaan maruu isaan woliin adabamaniiran, adabbii malee yoo jiraattan isin diqaala'a malee, ijoolle'ee miti yookiin ilmaanii miti. 9 Nu abbootii haganarra nu adaban qabna. Isaanillee hin kabajjina. Eeganaa lubbu'uun jiraachu'uuf abbaa keenna ka Ayyaanaatii attamitti kana caalaa hin ajajamne? 10 Isaan waan mishaa seeyanii hennaa diqqo'oof nu adaba'aa turan, Inni ammo woyyummaa isa irraa akka qoodamnuuf faayidaa keennaaf jedhee nu adaba. 11 Adabbiin maruu hennaa diqqo'oof waan nama gaddisiisu malee waan nama gammachiisu hin fakkaatu. Haata'uu ammoo worra mi'eeffateef sanyii qajeellumma'aa ka nagaya uf keessaa qabu daraara. 12 Kanaafuu irree keessan ka dadhabe ka laafee fi jilba keessan jabeeffadhaa'a. 13 Ka hokkole akka fayyuuf malee akka hin diiggamne, luka keessaniif karaa qajeelfadhaa'a. 14 Namoota maraa woliin nagayaan jiraadhaa'a Woyyoomuu barbaadaa'a. Isaan malee ka Gooftaa arguu danda'u waan hin jirreef. 15 Eennuun jalaallee Ayyaanni Rabbii akka hin dhidhanne, hiddi hadhaayaan namoota hedduu batteessu isin keessaa ol margee akka isin hin rakkifne, Ka adaba hin qabne akka isin keessatti hin argamne, 16 yookiin akka Eesawu nyaataaf jedhee hangafummaa ufii gurguratee nama adunyaa kanaaf tolu akka hin taane ufi eeggadhaa'a. 17 Achiin maayii eebba argachuu hennaa barbaade akka dhabe isinuu hin beettan. Hagamillee booyee Aagii soqe'eef hin arganne. 18 Isin gara gaara Siina'aa ka harkaan qaqqabamuu yookaan ka ibiddaan gubatuu, gara hurri'ii, gara dukkanaa, gara bubbe'ee, gara hulee laagaa xurumba'aa yookaan gara laagaa dubbiian himamuu hin dandeennee hin geenne. 19 Worri waan san dhagaye, akka dubbiin biraa isaanitti hin dubbatamne kadhatan. 20 Ajanyi, bineensoonnillee gaara san yoo tuqan dhaga'aan tumamanii haa ajjeefamanii jedhu, waan isaanitti ulfaateef obsuu hin dandeenne. 21 Wonti achitti dhagayame akka malee waan sodaachisuuf Muuseenillee, «Ani sodaadhee holladhe» jedhe. 22 Haata'uu ammoo gara gaara Tsiyooniitii fi gara ganda Rabbii jiraata'aa bira geettaniirtan. Gara Yeruusaalemii, gara worra sami'itti gammachu'uun wolgayaniiranii, gara Maleekkoota laakkoofsaa olii, 23 gara worra sami'itti maqaan isaanii barreeffamee, gara tokkummaa hangafa abbaa murti'ii maraatuu ka ta'u, gara Rabbii, gara lubbuu qajeellota guutu'uu, 24 gara Yesuusii jiddu galeessa waadaa haarawaa, gara dhiiga facaafamuu ka dhiiga Abeelii caalaa dubbatuu danda'uu bira geettaniirtan. 25 Ka dubbataaru san jalaa akka hin dinne uf eeggadhaa'a. Yoo worri lafatti itti himame didan jalaa hin baane ta'e, eegasuu ka sami'ii nutti dubbate irraa yoo fagaanne attamitti jalaa baana? 26 Hennaa san laagaan isaa lafa sochoose. Amma ammoo hennaa tokko deebi'ee, «Ani samii sochoosa malee, lafa calla'aa miti» jedhee waadaa galeera. 27 Haata'uu ammoo jechi, «Hennaa tokko deebi'ee» jedhu worri hin raaffamne jabaatanii akka jiraatan wonti sochoosu yookiin wonti uumame akka badu mudhisa. 28 Kanaafuu jeennata hin raaffamne waan argannuuf, Rabbiin kabajju'uuf sodaatu'uun gammachiisa'aa, badhaadha isa ittiin kaddaamuu haa qabaannuu. 29 Waandhi keenna dhugamaan ibidda balleessu waan ta'eef. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia