Gara Ibirootaa 11 - WAADAA LAMMATAAAmantaa 1 Amantiin waan abdatan dhuga'aan hin ta'a jedhanii fudhachu'uu fi waan ijaan hin argine akka waan arganiititti hin jira jedhanii laakkayu'u. 2 Manguddootaaf ka ragameef waan kanaan. 3 Akkuma adunyaan dubbii Rabbiitiin uumame, wonti mudhatu, waan mudhatu irraa akka hin taane amanta'aan hubanna. 4 Abeel ciincaa ciincaa Qaa'elii caalu amanta'aan Rabbii dhiyeesse, akka kanaan Rabbi ciincaa Abeelii gammachu'uun hennaa fudhate, Abeel amanta'aan qajeelaa akka ta'e ragameef. Haga du'eellee ciincaan isaa haga ammaa dubbata. 5 Heenook akka hin duune amaneeti amanta'aan gara sami'ii ol baye. Waan Rabbi ol isa fudhateef hin argamne. Uduu hin fudhatamne, Rabbiin akka gammachiise ragameeraaf. 6 Amantaa malee Rabbiin gammachiisuun hin danda'amu. Namni gara Rabbii dhiyaatu akka Rabbi jiru worra isa soqaniif ka gatii kennu akka ta'e, amanuu barbaachisa. 7 Nohi waan haga ammaa hin mudhanne amanta'aan hubatee, Rabbiin sodaata'aa maatii ufii hambisu'uuf markaba amanta'aan hojjate. Sababa amantaa isaatiif biyya lafaatitti yakki murame. Inni qajeellummaa amanta'aan argamu dhaale. 8 Abrahaam gara ristii hin argatta jedhamee san biyya ufiitii bayee hulee dhaalaan argatu akka dhaqu hennaa waamame, gara dhaqu uduu hin beekin amanta'aan ajajame. 9 Inni akka keessummaa biyya ormaa jiruutitti lafa isaaf waadaa galame san keessa amanta'aan jiraate. Akkuma worra isa woliin waadaa dhaalanii, akkuma Yaaqoobii fi Yisihaaqii dukkaanaa keessa akka galtu'uutitti jiraate. 10 Qachaa hundee qabdu ta Rabbi hojjate eeggata'aa waan tureef. 11 Ka abdii kenne amanamaa akka ta'etti waan laakkayeef, «Saaraan haga umuriin isi'iituu lufeen maayii fiixaa argatu'uuf amanta'aan hunna argate» 12 Kanaafuu baniin baayi'inni isaanii akka urjii sami'ii ka hin laakkayamne akka xidhacha qarqara galaanaa nama tokkicha nafti isaa akka nama du'ee fakkaate keessaa dhalatan. 13 Kunniin maruu amananii du'an, garuu dubbii abdi'ii ka isaanii kenname hin arganne. Haata'uu ammoo fago'oo arganii reebbatan. Biyya itti galan sanitti keessummootaa fi galtuu ta'uu ufii beekan. 14 Akkas ta'uun isaanii biyya biraa qabatuu isaanii mudhisa. 15 Uduu biyya keessaa bayan san yaadan ta'ee silaa deebi'uu danda'an. 16 Amma ammoo biyya sami'ii ta maraa caaltu hawwan. Kanaafuu, «Rabbi, Waaqa isaaniiti» jedhamee waamamu'uuf isaaniin hin saalfatu. Waan qachaa isaanii qopheesseeruuf. 17-18 Ka fiixaan kee isaan waamama jedhamee jechi abdi'ii kennameef, mucaa ufii tokkicha amanta'aan dhiyeesse. 19 Rabbi worra du'an keessayyuu kaasuu akka danda'u waan yaadeef, akkuma waan du'aa ka'eetitti Abrahaam Yisihaaqiin deebisee argate. 20 Yisihaaqi waan durana dhufu'uuf ta'u qaabatee amanta'aan Yaaqoobii fi Eesawuun eebbise. 21 Yaaqoob hennaa du'uu gaye, qaccee bordoo ufiititti irkifatee Rabbii sagada'aa, amanta'aan ijoollee Yooseefii maraa eebbise. 22 Yooseef hennaa du'uu gaye, waan biyya Misirii keessaa bayuu ijoollee Isiraa'elii amanta'aan qaabatee, waan lafee ufiillee dhaamate. 23 Muuseen haga dhalateen maayii haati isaatii fi abbaan isaa daa'ima bareedaa ta'uu isaa arganii, amanta'aan ji'a sadihii dhossaniin; labsii mooti'iillee hin sodaanne. 24 Muuseen haga guddateen maayii ilma intala Fari'oonii akka hin jedhamne amanta'aan dide. 25-26 Gatii ufii xiinxallee waan laaleef, qabeenna biyya Misirii hedduu irra, waan Kiristoosiitiif tuffatamuun, durummaa maraa caalu akka ta'e waan yaadeef, gammachuu cubbu'uun henna'aaf argamu caalaa, banii Rabbii woliin rakkachuu filate. 27 Waan hin mudhanne akka waan arga'aaruu godhee jabaate; dheekkamsa mootichaa uduu hin sodaanne amanti'iin biyya misiriitii baye. 28 Maleekkaan akka ijoollee hangafaa hin tundhe Faasika'aa fi dhiiga facaasuu amanta'aan godhe. 29 Akka waan lafa gogaa irra deemaniititti galaana Ertira'aa amanta'aan ceyan. Namoonni Misirii ammoo hennaa ceeyuu yaalan hin liqinfaman. 30 Dalloofni dhaga'aa ka Iyyaariko'oo guyyaa torbaaf haga irra naannayaniin maayii amanta'aan jige. 31 Seebartittiin Ra'aab worra gaadu nagayaan waan simatteef, worra hin ajajamne woliin amanta'aan hin banne. 32 Eeganaa ani maal jedha? Waan Gedewoonii, waan Baaraaqii, waan Saamsoonii, waan Yooftaahe'ee, waan Daawitii, waan Saamu'eeliitii fi waan raattotaa akka hin mammaanne hennaan na jalaa gabaabbata. 33 Isaan amanta'aan mootummaa injifatan; qajeellummaa hojjatan, dubbii abdi'ii ka isaanii kenname argatan, 34 Afaan Leencotaa cufan; hunna ibiddaa dhaamsan; qara sibiilaa jalaa bayan. Dadhabbii ufii irraa jajjabaatan; Lolatti janna ta'an; loltoota nyaaphaa ari'an. 35 Dubartoonni worra du'e ka isaanii du'aa ka'iinsa isaanii simatan. Kuuwwanillee uduu fayyinna hin arganne, du'aa ka'iinsa caalu akka argataniif haga du'aa tumaman. 36 Kuuwwanillee itti shaqqaadamee tumamanii hidhamanii mana hidha'aatitti gataman. 37 Dhagaan tumamanii du'an. Ataabamanii, magaazi'iin baqaffamanii guraadeen du'an. Waa maraa dhaba'aa, rakkata'aa, dhiphata'aa, gogaa hoola'aatii fi gogaa re'e'ee uffatanii asii fi achi naannayan. 38 Waan adunyaan isaanii hin taaneef, lafa gammojji'iitiif gaaratti kosha'aa fi boolla lafaatitti asii fi achi rarra'an. 39-40 Wonti kunniin maruu amantaa isaaniitiin isaanii ragameefii uduu jiru dubbii abdi'ii ka isaanii kenname hin arganne. Rabbi waan caalu waan nuun qopheesseeruuf, isaan nu woliin malee, hojja ufii guutuu ta'uu hin danda'an. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia