Gara Ibirootaa 10 - WAADAA LAMMATAA1 Seerri waan mishaa dhufu saniif gaaddiddu'u malee, bifa dhugaa isaatii miti. Kanaafuu wogga wogga'aan hennaa maraa ciincaa dhiyaatu sirimaa guutuu taasisuu hin danda'u. 2 Akkana uduu ta'u dhabaatee worri kaddaaman hennaa tokko qulqullaayanii achiin maayii sammuu isaaniitiin cubbuu waan hin beenneef silaa ciincaa dhiyyeessuu hin dhiisanii? 3 Haata'uu ammoo ciincaan kun maruu, ka isaan wogga wogga'aan cubbuu ittiin yaadan. 4 Dhiinni kormaatii fi dhiinni re'iinii cubbuu balleessuu hin dandeenne. 5 Kanaafuu hennaa gara adunya'aa dhufe, «Ati kenna'aa fi ciincaa hin jaalanne, nafa naa qopheessite. 6 Ati kennaa ciinca'aatii fi, kennaa sababa cubbu'uutiif ciincawu marattuu hin gammanne. 7 Hennaa san kunoo anillee, akkuma wonti kiyya Kitaaba maramu keessatti barreeffame, Waaqa kiyya, ani fedha kee raawwatu'uuf dhufeera› jedheen» jedha. 8 Kana irratti kenna'aa fi ciincaa gubatu maraa ciincaa sababaa cubbu'uutiif dhiyaatullee hin jaalanne. Isattillee hin gammanne jedhe. Kunniin waan akka seeraatitti dhiyaatan. 9 Itti aansee Waaqa kiyya! «Ani fedhii kee guutu'uuf dhufeera» jedhe. Ka lammaffa'aa ijaaru'uuf jedhee, ka duraa diiga. 10 Akka fedha Rabbiitiin nu foon Yesuus Kiristoosii ka hennaa tokko ciincaa ta'ee kennameen woyyuu taaneerra. 11 Hayyoonni gadootaa maruu guyya guyya'aan tajaajila ciincaa sirima cubbuu balleessuu hin dandeenne saniin hennaa maraa dhaabatee dhiyeessa. 12 Kiristoos ammoo hennaa tokko ciincaa bara baraaf ta'u haga dhiyeesseen maayessa mirga Rabbii taa'e. 13 Hennaa san irraa jalqabee haga diintoonni luka isaa jala ta'aniif hin eeggata. 14 Inni hennaa tokko uf kennee worra woyyooman baraa haga bara baraa guutuu isaan taasiseera. 15-16 Ayyaanni Woyyuun akkasuma waan kana nu raga; «Hennaa jiini sun gaye, waadaan isaan woliin galu kana jedha Gooftaan. Seera kiyya isaan keessa kaaya; laphee isaanii keessattillee hin barreessa» jedhee haga dubbateen maayii, 17 Itti eda'ee, «Cubbuu isaaniitii fi hammeenna isaanii deebi'ee hin qaabadhu» jedha. 18 Eega araarri maraaf kenname ammaa achi ciincaan cubbu'uuf dhiyeeffamu hin jiru. Koottaa Gara Rabbii Dhiyaannaa 19-20 Eeganaa obboleeyyan tiyya, dhiiga Yesuusiitiin hulee woyyittii woyyootaatitti galu'uuf ugga waan qabnuuf, nu karaa golga jechuun karaa haarawaa fi jiraataa inni foon ufiitiin nuu baneen seenna. 21 Hayyicha gadicha guddaa mana Rabbii irratti baallii qabu waan qabnuuf, 22 sodaa sammu'uu ka dharaa irraa qulqullaayu'uun garaa keenna qulqulleeffannee, nafa keenna bisaan qulqullu'uun dhiqannee, amantaa hubanneen garaa qajeelaa'an Rabbitti haa dhiyaannuu. 23 Ka dubbii abdi'ii kenne amanamaa waan ta'eef, akka hin sochoone, ragaa abdii keennaa haa eennuu. 24 Jaalalaa fi hujii misha'aaf haa dadammandhuu; wol haa tooyannuu. 25 Akkuma kaawwan biratti baratame, wolgeettii keennallee akka hin dhiifne, woliin haa mari'annuu malee, guyyaa dhufa Goofta'aa qaabata'aa ta qaraa caalaa kana godhaa'a. 26 Beekkomsa dhuga'aa haga arganneen maayii, beeka'aa cubbuu yoo hojjanne, ammaa achi, ciincaan waan cubbu'uutiif dhiyaatu hin jiru. 27 Ammaa achi murti'ii fi ibidda sodaachisaa diintoota Rabbii balleessu callaa eeggatu'utu hafe. 28 Namni seera Muuse'ee tuffate, Namni lamaa yookiin sadihii yoo itti rage, gara laafinna malee ajjeefama. 29 Namni Ilma Rabbii tuffate, waadaa dhiiga ittiin qulqullaaye san ka akka batti'iititti laakkaye, ka Ayyaana badhaadhaa arrabse adabbiin maraa caalu isa irratti waan hin taane seetanii? 30 «Haluun tiyya, ani haluu sii baasa» ka jedhe waan beennuuf, akkasuma «Gooftaan banii ufiititti hin murteessa» 31 Harka Rabbii jiraata'aatitti kufuun nama sodaachisa. 32-33 Haga ifni isinii ifeen maayessa hennaa duri rakkinna isin irra gaye san qaabadhaa'a. Isin hennaa tokko tokko nama afo'otti arrabamtaniirtan, dhiphattanii hennaa biraallee worra akkana rakkatan woliin rakkattaniirtan. 34 Qabeenna caalu sami'itti isinuu akka qabdan beettaniirtan. Hidhama kiyyaaf garaa naa laaftan, qabeenni keessan hennaa fudhatamu obsitanii gammachu'uun laaltan. 35 Eeganaa abdii uggiitii keessanii ka gatii guddaa qabu hin gatatinaa'a! 36 Fedhii Rabbii raawwattanii, dubbii abdi'ii ka isinii kenname akka argitan obsuu isin barbaachisa. 37 «Hennaa diqqo'oon maayii, ka dhufu'uuf ta'u, uduu hin turre dhufa. 38 qajeelaan, amanta'aan jiraata; yoo inni gara duubaa deebi'e, lubbuun tiyya isatti hin gammaddu» 39 Nu ammoo worra lubbuu ufii hanbisu'uuf amane malee, worra gara duubaatitti deebi'ee baduu miti. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia