Gara Ibirootaa 1 - WAADAA LAMMATAARabbi Karaa Ilma Ufiitiin Dubbate 1 Rabbi duri irraa jalqabee akkaataa hedduuf karaa hedduun abboota teennaa fi Raattotaan dubbate. 2 Amma ammoo bara maayi'ii kanatti Ilma ufiitiin nutti dubbateera, Ilmi isaa kun ka inni akka waa maraa dhaalu godhee muudee fi ka inni ittiin adunyaa uume. 3 Inni ka ulfinna isaa calanqisiisuu fi fakkeenna amala isaa ta'ee maraa baallii dubbii ufiitiin irkisa'aa, cubbuu keenna haga qulqulleesseen maayessa sami'itti mirgaa Rabbii ulfinna qabeessaa taa'e. Ilmi Rabbii Maleekkotaa Oli 4 Maqaan Rabbi isaa kenne maqaa ergamtoota Rabbii caalu akkuma ta'e, Ilmi Rabbii ergamtoota Rabbii caala. 5 Maleekkota keessaa, «Ati ilma kiyya, ani adha si uumadhe» akkasuma eennuun, «Ani Abbaa isaa ta'a, innillee Ilma naa ta'a» jedhee beeka? 6 Akkasuma hennaa hangafa gara adunya'aa erge, «Maleekkoonni Rabbii maruu isaa haa sagadanii» jedha. 7 Hennaa waan Maleekkota Ufii dubbatu, «Inni Maleekkota ufii qilleensa, tajaajiltoota ufii ammoo arraba ibiddaa godha» jedhe. 8 Waan ilma ufii ammoo, «Waaqa kiyya, teessoon kee haga bara baraa jiraata; uleen jeennata keetii ulee nagayaa ti. 9 Qajeellummaa jaalattee dhara jibbite; kanaaf Waandhi Rabbiin kee, hiriyyaa kee caalaa muudama gammachu'uutiin si muude» jedha. 10 Akkasuma, «Gooftaa kiyya, ati dura lafa uumte; samiinillee hujii harka keetiitti. 11 Isaan hin badan; ati ammoo hin jiraatta; maruu akka uffataatitti moofan, 12 Ati akka woya'aatitti isaan mammarta; isaanillee akka uffataa hin jijjiiraman. Ati ammoo sanuma; woggoon kee sirimaa hin dhumatu» jedha. 13 Maleekkota keessaa eennuun, «Haga diina kee ejjannaa luka keetii sii godhuuf mirga kiyya taa'i» jedhe? 14 Maleekkonni Rabbii maruu, ayyaana worra fayyinna dhaalan kana tajaajilu'uuf ergamanii mii? |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia