Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Ergaa Yihudaa 1 - WAADAA LAMMATAA

1 Garbichi Yesuus Kiristoosii obboleessi Yaaqoobii Yihuudaan, worra Rabbii Aabba'aan jaalatamanii Yesuus Kiristoosiif waamamanii eegaman maraaf,

2 Araarri, nageenninii fi jaalalti isinii haa guddatu.


Barsiisota Sobaa

3 Obboleeyyan tiyya! Waan fayyinna keennaa uduu isiniif barreessu waan amantaa woyyootaa hennaa tokko kennamee, jabaattanii akka falmattan isin gorsa'aa isinii barreessuun barbaachisaa akka ta'e arge.

4 Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif, isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne, badhadha Waaqaa seebaruma'ati worra jijjiiran, ka ufummatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e, Yesuus Kiristoosiin hin ganan.

5 Yoma dursitanii waan kana mara beettan ta'ellee, Gooftaan banii biyya Misiriitii attamitti akka baase, maayii worra amanuu dhaban attamitti akka balleesse isin qaabsiisuu fedha.

6 Akkasuma Maleekkota Rabbii ka baalliin itti kenname irraa darbamanii hulee ufii gadi dhiisan qaabadhaa'a. Rabbi wodaroo yookiin haada sibiilaatiin isaan hidhee baraa haga bara baraa dukkana keessatti haga guyyaa murtii guddaa sanii isaan eega'aa tursiiseera.

7 Akkasuma Soodomii fi Gomooraan qachoota naannoo isaanii aadaa uumamaan ala ta'e, gara hujii seebaruma'aa nafa ufii dabarsanii kennaniiran. Isaanillee ibidda bara baraatiin adabama'aa worra rakkataniif fakeenna ta'aniiran.

8 Haala kanaan namoonni kunniin eebjuu eebjatan nafa ufii batteessa'aa baallii Rabbii hin tuffatan. Worra ulfinna qabullee hin arrabsan.

9 Mikaa'el bulchaan Maleekkotaa ammoo hennaa waan reeffa Muuse'eetiif daabiloosiin wol morme, «Gooftaan si haa teeddeeffatu» jedheen malee, dubbii arrabaa dubbatuu hin uggine.

10 Kunniin ammoo worra hin beenne maraa hin arrabsan. Akka bineensota sammuu hin qabnee juu jedhanii woma beekanniin badan.

11 Waan karaa Qaayiniitiin deemanii waanuma inni godhe waan godhaniif, waan minda'aatiif jedhanii dogoggora Bala'aamii keessa seenanii akka finqila qore'eetiin waan badaniif isaan Aanne'e!

12 Kunniin waamsa jaalalaa keessanitti yoo isin woliin waamaman, waamsa jaalalaa san xureessan. Isaan tissema ufii uf sooran. Isaan akka duumessa rooba hin qabnee, ka qilleensaan oofamuu, akka midhaan hennaa daraaree gawutti ija hin godhanne, akka muka gogee hiddaan buqqa'ee,

13 Akka hoomacha dambalii bisaaniitiin hoomachaawuuti; isaan akka urjii tuuttota huleen dukkana bara baraa isaanii qophaayeeti.

14-15 Heenokiin yoo Aadamiin irraa jalqabnee laakkofne torbaffa'aa; waan cubbuu isaan godhan maraaf, «Gooftaan akka maraa irratti murteessu, waan worri hammeeyyiiniif cubbamoonni isa irratti dubbatan waan gar-jabeenna maraatiif cubbamootatti murteessu'uuf woyyoota shikitaa woliin dhufeera» jedhee isaanitti raaga dubbateera.

16 Kunniin worra akka fedha dharraa ufiitiin jiraata'aa gugumanii fi worra waan hiree ufiitiif gururi'an. Isaan akka isaanii toluuf nama wol caalchisa'aa hagaa ol dubbii guddaa dubbatan.


Uf Eegganno'oo Fi Gorsa

17 Isin ammoo jaalatamtoota tiyya dubbii Gooftaa Yesuus Kiristoosii ka ergamtoonni dursanii dubbattan qaabadhaa'a.

18 Isaan bara dhumaa cubbuu isaaniitiif halcha badaa ufiitiin deema'aa worra Asheessu waan isaaniin jedheef.

19 Worri kun worra gargar isin qooduuf worra Ayyaana woyyuu hin qabne.

20 Isin ammoo jaalaloota tiyya, amantaa keessan ka waa maraa caalaa qulqulluu ta'een uf ijaaru'uuf jabaata'aa Ayyaana woyyu'uun faateffadhaa'a!

21 Araara Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosii ka gara jireenna bara baraa geessu eeggata'aa jaalala Rabbiitiin uf eegaa'a!

22 Worra morman garii gorsaa'a.

23 Garii ibidda keessaa buta'aa hambisaa'a, garii worra uffanni isaanii hawwii fooniitiin xuraaye jibbaa'a, araara sodaa uf keessaa qabuun isaanii dhiisaa'a.


Faatee Galataa

24 Akka uduu hin gufanne gammachu'uun worra mudaa hin qabne godhee isin dhaabsisuu danda'uuf,

25 ka ufummatti Waaqaa fi qorichaa, barootaan dura, ammaa haga bara baraa, maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin ulfinni, gaachenni, hunninii fi baalliin haa dhufu! Amiin.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan