Ergaa Yaaqoob 5 - WAADAA LAMMATAAUf Eegannaa Dureeyyi'iif Kenname 1 Ammallee isin dureeyyiin rakkinna isin irraa gayuuf ani bade ani bade jedha'aa booyaa'a. 2 Qabeenni keessan badeera. Uffanni keessan xiinxana'aan nyaattameera. 3 Worqi'ii fi meetiin keessan dammeessayeera. Dammeessayuun sunillee ragaa isinitti ta'a. Foon nafa keessanii akka ibiddaatitti nyaata. Isin bara dhumaa qabeenna wolitti qabattaniirtan. 4 Mindaan isin worra midhaan keessan haaman dhooggattan sun hin iyya, iyyi worra midhaan keessan haamanii gurra Gooftaa banii maraa seeneera. 5 Isin lafa irratti qanani'ii fi gammachu'uun jiraattaniirtan; seebaruu keessa jiraattan. Guyyaa qalamtaniif uf gabbiftaniirtan. 6 Isin nama qajeelaa isin hin morminetti murteessitanii ajjeeftaniirtan. Rakkinna Keessatti Obsuu'u 7 Eegasuu obboleeyyan tiyya, haga Gooftaan dhufuuf obsaa'a. Qotee bulaan haga rooba duraatiif ka maayessaa argatuuf obsa'aa daraaraa lafaa kabajjamaa eeggata. 8 Isinillee akkasuma obsaa'a! guyyaan dhufa Goofta'aa waan dhiyaateeruuf, jabaadha'aa dhaabadhaa'a. 9 Obboleeyyan tiyya! Akka isinitti hin murtoofneef wolitti hin gururi'inaa'a! Kunoo abbaan murti'ii balbala afoo dhaabateera. 10 Obboleeyyan tiyya, raattota maqaa Goofta'aatiin dubbatanii turan san, akka fakkeenna rakkinna obsu'uutitti laalaa'a! 11 Worra obsaan dhaabatan eebbifamtoota isaaniin jenna. Iyoobillee obsee akka Gooftaan raawwateef dhageettanii argitaniirtan; sababnillee waan Gooftaan araarama'aa fi garalaafessa ta'eef. 12 Obboleeyyan tiyya, waamaraa dura ardi'ii fi sami'itti waan biraallee yoo ta'e womaanuu hin kakatinaa'a! Haata'uu ammoo murtii jalatti akka hin kufne dubbiin keessan ee yoo ta'e, «Ee» jedhaa'a; wa'a yoo ta'e, «Wa'a» jedhaa'a. Faatee Amanta'aa 13 Isin keessaa namni rakkoon irra gaye eennullee yoo jiraate inni haa kadhatuu. Ka gammade eennullee yoo jiraate inni haa faarsuu. 14 Isin keessaa ka dhukkubsate eennullee yoo jiraate, bulchitoota Woldaa Kiristaanaa gara ufii haa waamatuu; maqaa Goofta'aatiin zayiti ibsanii haa kadhataniifii. 15 Kadhaan amanta'aa dhibamaa san hin fayyisa. Gooftaanillee hin kaasaan; yoo cubbuullee hujjee jiraate hin dhiifamaaf. 16 Cubbuu keessan wolitti himadhaa'a, akka fayyitaniifillee tokko ka biraatii haa kadhatuu. Faateen nama qajeela'aa hunna waan qabduuf waan guddaa gooti. 17 Eliyaas namuma akka keennaa ture, akka Roobni hin roobne jabeessee kadhate. Biyya lafaa irratti woggaa sadiif ji'a jahaa hin roobne. 18 Ammallee deebi'ee kadhatee jennaan roobni roobe. Laftillee daraaraa baafte. 19 Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa eennullee dhugaa irraa yoo gore, namni biraa gara dhuga'aa yoo isa deebise, 20 Nama cubbamaa san cubbuu irraa waan deebiseef, lubbuun cubbamaa sanii cubbuu jalaa hin fayyiti, cubbuu hedduufillee akka inni araara argatu akka godhe haa beekuu. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia