Ergaa Yaaqoob 2 - WAADAA LAMMATAANama Wol Caalchisuu Irraa Uf Eegi 1 Obboleeyyan tiyya! Waan amantaa kabajjamaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii qabattaniif, fuula namaa laala'aa wol hin caalchisinaa'a. 2 Namni uffata bareedaa uffatee, qubee worqi'ii godhatee, walgayii keessan yoo seeneef, hiyyeessi uffata xurii uffate ammoo yoo seene, 3 Ka uffata bareedaa uffate laaltanii, «Ati hulee mishaa kana taa'i» yoo jettaniin, hiyyeessa uffata xuri'ii saniin ammoo, «Ati achi dhaabadhu yookiin luka kiyya jala taa'i» yoo jettaniin, 4 Ufii wol qooda'aartanii mii? Abboota seeraa ka yaada hamaa qaban ta'uu keessanii mii? 5 Obboleeyyan jaalatamtoota dhagayaa'a, Rabbi akka amanta'aan dureeyyii ta'aniif, akka isaan jeennata inni worra isa jaalataniif waadaa gale san galaniif hiyyeessota adunyaa tanaa filateeraa mii? 6 Isin ammoo hiyyeeyyii salphiiftan; Dureeyyiin worra isin dhiphisuu mii? Gara mana murtee worri isin harkisan isaanii mii? 7 Maqaa mishaa ittiin waamamtan worri arabsan isaanii mii? 8 Akkuma kitaabnni woyyuun, «Hiriyaa kee akka uf jaalattutti jaaladhu» jedhu seera mooti'iillee yoo raawwattan waan mishaa gootan. 9 Afoo namaatitti ammoo yoo ka nama wol caalchiftanii, cubbuu hojjataartan. Seeriillee akka nama yakkamaa tokkootitti isinitti murteessa. 10 Namni seera maraa eegee, tokko yoo cabse eennullee yoo jiraate maraanuu yakkamaa ta'a. 11 Ka hin seebarin jedhe akkasuma hin ajjeessin jedheera. Uduu hin seebarrellee deebiftee yoo nama ajjeefte seera irra darbiteerta. 12 Akka worra seera wolabummaa kennu afo'otti dhiyaattanii murtii argattanitti dubadha'a, hojjadhalle'e. 13 Ka namaan hin araaramne, murtee araara hin qabnetu isa eeggata. Araarri murtii injifata. Amanta'aa Fi Hujii 14 Obboleeyyan tiyya! «Amantaa qaba» jedhee, garuu namni huji'iin hin mudhifne yoo jiraate bu'aa maal isaa qabaa? Amantaan isa fayyisuu danda'aa? 15 Obboleessa yookiin obboleetiin waan uffatan yookiin waan nyaatani yoo dhaban, 16 Isin keessaa tokko worra waan nyaatu dhabeen nagayaan deemaa quufaa ibidda oo'ifadha'a quufaa uduu isaaniin jettanii waan nafa isaaniitiif barbaachisu yoo hin kennineef bu'aa maal isaanii qaba? 17 Akkasuma amantaan hujii hin qabne yoo jiraatte amantaan sun ta duute. Ka Dhageette Hujii Irra Oolchi 18 Haata'uu ammoo namni tokko, «Ati amantaa qabda; anillee hujii qaba» yoo jedhe, «Amantaa kee huji'iin adda baasii na mudhisi; ani amantaa kiyya huji'iin si mudhisa» jedha. 19 Rabbi akka tokko ta'e ati hin amanta. Mishaa goote jinniinillee akkasuma hin amana; hin sodaata. 20 Ati nama gowwaa amantaa huji'iin addaan baye ka du'e akka ta'e beekuu feetaa? 21 Abbaan keenna Abrahaam Yisihaaqiin ilma ufii ciinca'aaf hennaa dhiyeesse huji'iin hin qajeelaa hin taanee? 22 Amantaan hujii woliin akka wol gargaara'aa ture, amanta'aan hujiin akka raawwatame argitaa? 23 Kitaabni, «Abrahaamillee Rabbitti amanee qajeellummaa ta'ee laakkawameef» ka jedhe raawwatameeti; jaalallo Rabbii jedhame. 24 Namni amantaa calla'aan uduu hin taane huji'iin akka qajeelaa ta'e argitaniirtan. 25 Akkasuma seebartuun Ra'aab ammoo ergamoota simattee karaa biraatiin hennaa ergite, huji'iin qajeeltuu hin taanee? 26 Akkuma foon lubbuu irraa baye ka du'e ta'e, akkasuma ammoo amantaan huji'iin adda fooyame ka du'e. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia