2 Gara Ximotewoosii 4 - WAADAA LAMMATAA1 Rabbiin afo'otti Yesuus Kiristoosiin worra jiraniif worra du'an maratti murteessu'uuf deebi'ee dhufuuf jeennata isaa yaada'aa jabeesse si gorsa. 2 Dubbii Rabbii lallabi hennaa sii tolee fi hennaa si hin tollellee, jabaadhu; obsa gudda'aan barsiisa'aa sirreessi, gorsille'e. 3 Hennaan namoonni, barumsaa sirrii ta'e dhagayuu jibban waan dhufuuf, worra gurrii isaanii dhugaa dhagayuu dhiise, dhara dhagayu'uuf isa hoossisu, akka fedha ufiititti barsiisota ufii qopheeffatan. 4 Gurrii isaanii dhugaa dhagayuu dhiisee, gara oduu faayidaa hin qabnee siiqan. 5 Ati ammoo waa maraa uf eega'aa raawwadhu, rakkinna obsi, hujii kee lallaba Oduu Nagayaa godhadhu. Hujii kee raawwadhu. 6 Lubbuun tiyya amma akka dhibaayu'uutitti jigu'uuf taati; hennaan deemullee gayeera. 7 Wondhaansoo mishaa bayeera; fiigicha kiyya fixeera. Amantaa kiyya eeggadheera, uf afo'otti badhaasaaf qajeellummaan naaf qophaayeera. 8 Kanallee Gooftaan kiyya ka murtii qajeellumma'aa murteessu akkasuma ana calla'aaf uduu hin taane worra dhufa isaa hawwan maraafuu hin kenna. Yaada Phaawuloos Kenne 9 Daddaftee akka gara kiyya dhuftu jabaadhu. Deemaas biyya lafaa tana waan jaalateef, na dhiisee, 10 Gara Tasoloonqe'ee deemeera. Qerqiisi gara Galaatiyaa, Tiitoonillee gara Dilimaxiya'aa deemaniiran. 11 Luuqaasiin calla'atu na woliin jira. Maarqosi tajaajilaaf waan na gargaaruuf qabadhuu naa koottuun. 12 Tiikiqoosiin ammoo gara Efesoonii erge. 13 Hennaa dhuftu waaro'oo fi kitaaba barreeffamaa, keessatuu ka gogaa irratti barreeffame ka Akiriphaa biratti dhiise, fudhii naa koottuun. 14 Tumtuun sibiilaa Iskinidiroos guddisee na miidhe; Gooftaan akka hujii isaatitti isaa deebisa. 15 Waan nu dubbannu guddisee waan mormuuf, atillee isa irraa uf eegi. 16 Hennaa ani waan ittiin himatame san dhiyeeffadhe, martinuu narraa dheessan malee, eennullee na hin gargaarre. Rabbi kana isaanitti hin laakkayin. 17 Haata'uu ammoo hujiin lallaba Oduu Nagayaa ka anaan raawwatamuuf, akka worri Yihuudotaa hin taane martinuu dhagayaniif Gooftaan na bira dhaabatee na jabeesse. Afaan leencaa jalaallee na hambise. 18 Gooftaan hamaa maraa jalaa na hambisa. Jeennata sami'iititti nagayaan na galcha, isaaf bara haga bara baraa ulfinni haata'u! Amiin. Nagaya Dhumaa 19 Maatii Phirsqiila'aa, Aqiila'aatii fi Henesfooruutitti nagaya naa himi. 20 Erisxos Qorontoositti hafe; Xiirofimoosi ammoo dhibamnaan Milixiinitti dhiise. 21 Uduu ganni hin seenini akka dhuftu jabaadhu. Ewugiloosi, Pheedees, Liinos, Qilawuudiyaanii fi obboleeyyan maruu nagaya sii dhaamaniiran. 22 Gooftaan Yesuus Kiristoos hafuura kee woliin haa jiraatu. Badhaani isin woliin haata'u. Amiin! |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia