Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

2 Ergaa Phexiros 1 - WAADAA LAMMATAA


Waamsa Rabbiitii Fi Filannoo Rabbii

1 Ana Simoon Pheexroos ka ergama'aa fi garbicha Yesuus Kiristoosii ta'e irraa, worra karaa qajeellummaa Waaqa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiititti amananiif;

2-3 Ka hunna qajeellummaa isaatiif mishummaa ulfinna isaatiin nu waame beeku'uun, waan jireennaaf Rabbiin fakkaannuun nuu keenneef beekkomsi badhaadhumma'aa fi nageennii Rabbiitiif Gooftaa keenna Yesuusii isinii haa guddatu.

4 Waan hawwii badumma'aa badii adunyaa tanaa jalaa baatanii, amala Rabbii worra qoodamu dubbii abdi'ii keessa akka taatan, abdii gudda'aa fi kabajjamaa kanniin nuu kenne.

5 Sababaa kanaaf jajjabeenna mara mudhisa'aa amantaa keessan irratti mishummaa eda'aa'a.

6 Mishummaa irratti beekkomsa, beekkomsa irratti uf qabuu, uf qabuu irratti gadi dhaabachuu, gad-dhaabachuu irratti nama Rabbii fakkaachuu.

7 Nama Rabbii fakkaachuu irratti, obboleewwanii yaaduu, obboleewwanii yaaduu irrattillee jaalala eda'aa'a.

8 Yoo wonti kunniin isinii guddisee baayi'ate, beekkomsa Gooftaa Yesuus Kiristoosiin worra hujii hin qabnee fi worra daraaraa jireennaa hin qabne akka hin taane isin taasisa.

9 Worri waan kanniin hin qabne jaamoota, worra waan dhiyoo jiru callaa argu. Cubbuu dura irraa qulqullaaye san irraanfateera.

10 Kanaafuu obboleeyyan tiyya, waamamuu keessanii fi filamuu keessan akka jabeessitan ka duraa caalaa jabaadhaa'a. Waan kanniin yoo gootan horomaa hin gufattan.

11 Akkasuma gara jireenna bara baraa, gara Gooftaa keennaa fi gara jeennata fayyisaa keennaa Yesuus Kiristoosii galu'uuf mirga guutu'utu isinii kennama.

12 Kanaafuu waan kanniin hagamillee yoo beettan, dhugaa isin bira jirtuun hagamillee yoo dhaabattan waan kanniinii hennaa maraa isin qaabsisuu hin dhiisu.

13 Ani haga jiruu keessummumma'aa kana keessa jiru yaada keessan kakkaasuun waan ta'u natti fakkaata.

14 Akka Gooftaa keenna Yesuus Kiristoos natti mudhiseetti jiruu lafa kanaa irraa dafee akka deemu hin beeka.

15 Ani deemullee waan kana maraa akka isin hennaa maraa qaabattan godhu'uuf tattaafadha.


Ulfinna Kiristoosii Ija Ufiitiin Arguu

16 Hunnaa fi dhufa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ka isinitti beessifne, gaachena isaa argineeti malee oduu ogummaa namaatiin uumameetiinii miti.

17 Hennaa laagaan ulfinnaa teessoo isaa irraa, «Ilmi ani jaaladhu, ka itti gammadu kana» jechi jedhu dhufe, Rabbii Abbaa irraa ulfinnaa fi galata argateera.

18 Nullee hennaa gaara qulqulluu irratti isa woliin turre, laagaan kun hennaa sami'ii dhufu dhageenneerra.

19 Kanaafuu dubbii raattotaan dubbatame caalaa nuu mirkanaayeera. Isinillee haga lafti bariite bakkalchi bariisa'aa garaa keessan keessatti haga bayutti akka namni ibsaa hulee dukkanaatitti ibsu uf eegutti dubbii kanaa uf eegaa'a.

20 Waan mishaa gootan, dura kana beekaa'a. Dubbii raagaa ka kitaaba keessatti barreeffame maraa eennullee akka ufii fedhetti hiikuun isaa hin kennamne. Raanni sirima fedha namaatiin waan hin dhufneef.

21 Sababaanillee waan namoonni Rabbii Woyyuun Ayyaana Rabbii Woyyu'uun gargaaramanii dubbataniif.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan