Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

1 Gara Ximotewoosii 3 - WAADAA LAMMATAA


Seera Worra Woldaa Kiristaanaa

1 «Ennullee tooyata'aa fi bulchaa ta'uu yoo barbaade hujii mishaa hawwa» jechi jedhu amanama'a.

2 Eegasuu tooyataan, ka mudaa hin qabne, nama haadha manaa tokkotii qabu, ka uf qabuu fi ka hagatti jiraatu, ka akka barbaadamutti hojjatu, ka keessummaa simatu, ka barsiisuu danda'u,

3 ka hin machoofne, ka nama hin ujulle gara-laafeessa nama hin mormine, ka birrii hin jaalanne,

4 nama maatii ufii sirri'itti bulfatu, nama ijoollee ulfinnaan isaa ajajamtu qabu ta'uu barbaachisa.

5 Namni mana ufii attamitti akka horatu hin beenne, Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii attamiin eega?

6 Uf jaju'uun bokokee, murtii daabiloosiin irratti murteeffametti akka hin kufne, Kiristaana haarawa hin ta'in.

7 Mudaa daabiloosiitii fi siiboo isa irratti akka hin kufne, namoota ala jiran biratti ragaa mishaa haa qabaatanii.


Seera Gargaartota woldaa Kiristaanaa

8 Akkasuma gargaartonni woldaa kiristaanaa [diyaaqonoonni] worra bilchaate, ka arraba lama hin dubbane, worra dhuddoo hin hawwine,

9 Worra waan shingaa ta'e irraa fagaatanii, sammuu mishaan dhossaa amantaa eegan haa ta'anii.

10 Kunniinillee akkasuma duraa haa qoratamanii, achiin maayessa worra mudaa hin qabne yoo ta'an, gargaartoota ta'anii haa tajaajilanii.

11 Akkasuma dubartoonnii worra bilchaatan, worra nama hin hamanne, worra hagatti jiraatanii fi waan maraanuu worra amanaman haa ta'anii.

12 Gargaartoonni ijoollee ufiitii fi maatii ufii akka misha'aan worra bulchan, martii isaaniituu worra haadha manaa tokkittii qaban haa ta'anii.

13 Hujii gargaaru'uutiin worra akka misha'aan tajaajilan ufiif baallii gudda'aa fi amantaa Yesuus Kiristoosiitiin ugga guddaa argatan.


Dhossaa Guddaa

14 Daddafee gara kee akka dhufu abdata'aa, kana sii barreessa.

15 Yoo ture ammoo, mana worra Rabbii keessatti namni amala attamiitiin akka jiraatu akka sirri'itti beettu sii barreessa, mannillee bu'uura utubaa dhuga'aa ta woldaa Kiristaanaa Rabbii jiraata'aati.

16 Dhossaan Rabbiin fakkachu'uu mamii malee gudda'a; «Ka Fooniin mudhate, Ka Ayyaanaan qajeelaa ta'e, Ka Ergamtootatti mudhate, ka banii Yihuudii hin taanee lallabame, Ka biyya lafaa keessatti amaname, Ka ulfinnaan ol baye.»

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan