1 Ergaa Yohaannis 2 - WAADAA LAMMATAAKiristoos Wobii Keenna 1 Ijoollee tiyya, wonti kana isinii barreessuuf akka cubbuu hin hojjanneef, eennullee yoo cubbuu huje, Aabbaan biraa wobii qabna. Innillee Yesuus Kiristoosii qajeela'a. 2 Inni woreega gumaa cubbuu keennaati. Kunillee nuu calla'aaf uduu hin ta'in cubbuu biyya lafaa maraaf. 3 Nu yoo ajaja isaa eenne, akka isa beenne beenna. 4 «Isa hin beeka» jedha'aa, ajaja isaa ka hin eenne, soba'a; dhugaanillee isaa keessa hin jirtu. 5 Ka dubbii isaa eegu maruu jaalalli Rabbii isa keessatti dhugamaan raawwatameera. Isa keessa jiraachuu keenna kanaan beenna. 6 Ka, «Isa keessa jiraadha» jedhu, akka inni jiraatutti haa jiraatuu. Ajaja Haarawa 7 Obboleeyyan tiyya, ka isiniif barreessu ajajuma duraan jiru malee, ajaja haarawwa miti. Ajanyi moofaan dubbii dhageettan san. 8 Ammallee ajaja haarawa isinii barreessa. Wonti kunillee isaan isin keessatti dhuga'a. 9 Dukkanti waan lufuuf ifti dhuga'aa amma ifa. «Ka ifa keessa jira» jedhu, ka ammoo obboleessa ufii jibbu, inni haga ammaa dukkana keessa jira. 10 Obboleessa isaa ka jaalatu, ifa keessa jira, waan isa gufachiisullee hin qabu. 11 Ka obboleessa ufii jibbu ammoo dukkana keessa jira, dukkana keessa jiraatalle'e, gara deemullee hin beeku. Waan dukkanti ija isaa jaamsiteertuuf. 12 Ijoollee, waan cubbuun maqaa isaatiin isiniif dhiifame isinii barreessa. 13 Abbootii tiyya, waan ka dura jiru beettaniif isinii barreessa. Ka'imman, waan hamaa waan mooyattaniif isinii barreessa. Ijoollee, waan Aabbaan beettaniirtaniif isinii barreessa. 14 Abboota, waan ka duraan jiru waan beettaniif isinii barreessa. Ka'imman, jajjaboota waan taataniif dubbiin Rabbii waan isin keessa jiruuf waan hamaa waan mooyattaniif isinii barreessa. Adunyaa Hin Jaalatinaa'a 15 Adunyaa yookiin waan adunyaa keessa jiru hin jaalatinaa'a. 16 Wonti adunyaa keessa jiru maruu: dharraa foonii, waan ija namaatitti bareedu, hori'iin boonuun waan adunya'aati malee, ka Aabba'aatii miti. Eennullee adunyaa tana yoo jaalate, jaalalti Rabbii isa keessa hin jiru. 17 Adunyaaniif dharraan isi'ii hin lufti. Namni fedhii Rabbii raawwatu ammoo bara baraan jiraata. Ka Kiristoosiin Mormu Irraa Uf Eegadhaa'a 18 Ijoollee, sa'aatiin tun ta dhumaati, Ka waan Kiristoosii mormu akka dhufu dhageettaniirtan. Ammumaa worri waan Kiristoosii mormu hedduu dhufeera. Kanaaf akka sa'aatii dhumaa ta'e hin beenna. 19 Isaan nu biraa bayan malee worra keennaa miti. Uduu worra keenna ta'anii silaa nu woliin jiraatan. Haata'uu ammoo maruu akka worra keenna hin taane beessisu'uuf bayan. 20 Isin ammoo Ayyaana Woyyuu waan argattaniirtaniif waa maraa beettan. 21 Isin waan dhugaa beettaniif sobni maruu dhugaa akka hin taane waan beettaniif akka waan dhugaa hin beenneetitti isinii hin barreessu. 22 Kiristoosii miti jedhee ka Yesuusiin ganu malee sobaan eennu ka Aabbaa fi Ilma isaa ganu, inni mormaa Kiristoosiiti. 23 Ka ilma Rabbii ganu maruu Aabbaan hin qabu. Ka ilma Rabbii heddatu Aabbaallee hin qaba. 24 Isinillee wonti duraan dhageettan ijaaramee isin keessa haa jiraatuu. Ka duraa dhageettan sun yoo isin keessa jiraate, isinillee akkasuma, Aabba'aa fi ilma keessa jiraattani. 25 Abdiin inni nuu kenne kunillee jireenna bara baraati. 26 Waan worra isin dogoggorsaniitiif kana isinii barreesseera. 27 Dibanni isin Kiristoosiin irraa argattan isin irra jira. Eennullee isin barsiisuu hin barbaachisu. Haata'uu ammoo dibanni Ayyaanaa waa maraa akka isin barsiisu, dhugaa akka ta'eef soba akka hin taane akkuma isin barsiisan sanitti isaan jiraadhaa'a! 28 Ammallee ijoolle, akka hennaa inni dhufe amantaa nuu ta'u akka hennaa dhufa isaa isa afo'otti hin saalfanne isa keessa jiraadhaa'a. 29 Akka inni qajeelaa ta'e yoo beettan, namni qajeellummaa hojjatu maruu akka isarraa dhalate beekaa'a. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia