1 Ergaa Yohaannis 1 - WAADAA LAMMATAADubbii Jireennaa 1 Waan dubbii jireennaa ka dura ture ka gurra keennaan dhageenne, ka ija keennaanillee arginee guuttannee laalle ka harka keennaanillee qaqqabne isinitti oddeessina. 2 Jireenni mudhate nulle argineerra hin rannalle'e, jireenna bara baraa ka Aabbaan bira ture, ka nuttillee mudhate isinitti himna. 3 Isinillee nu woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka argineef ka dhageenne isinitti himna, tokkummaan keenna Abba'aa fi Ilma isaa Yesuus Kirstoosiin woliin. 4 Gammachuun keessan akka raawwatamuuf kana isinii barreessina. Rabbi Ifa 5 Wonti isa irraa dhagenne dhaamsi isinittillee himnu, «Rabbi ifa; dukkanti sirimaa isa bira hin jirtu» ka jedhu. 6 Dukkanaa keessa jiraata'aa isa woliin tokkummaa qabna yoo jenne, soba malee dhugaan nu keessa hin jiru. 7 Haata'uu ammoo akkuma inni ifa keessa jiru, nullee ifa keessa yoo jiraanne, nu martinuu isa woliin tokkummaa qabna. Dhiinni Ilma isaa Yesuus Kiristoosii cubbuu keenna maraa irraa nu qulqullessa. 8 Cubbuu hin qabnu yoo jenne, uf sobna; dhugaanillee nu keessa hin jirtu. 9 Cubbuu keenna yoo himanne, cubbuu keenna nuu dhiisee hammena keenna maraa irraa nuu qulqulleesu'uuf, inni amanamma'aa fi qajeela'a. 10 Cubbuu hin hunye yoo jenne, Rabbiin sobaa goonna; dubbiin isaallee nu keessa hin jiru. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia