Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

1 Ergaa Phexiros 5 - WAADAA LAMMATAA


Qajeelcha Banii Rabbii Bulchu'uuf Kenname

1 Eegasuu ani akkuma isaanii manguddoonni woldaa Kiristaanaa ragaa baatuu rakkinna Kiristoosii akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu'uuf ta'u, qoodamu, manguddoota isaan jidduu jiran maraa hin gorsa.

2 Tika Rabbii ka Rabbi akka isin tissitan isinitti kenne eegaa'a, hunnaan uduu hin taane akka fedha Rabbiititti, jaalalaan bulchaa malee, giddi'iin hin bulchinaa'a. Dhara bada'aanii miti, fedha mishaa'an malee.

3 Tooyadhaa'a; fakkeenna isaanii ta'aa'a malee, woldaa amantootaa hunnaan hin bulchinaa'a.

4 Bulchaan tissee hoolotaa hennaa dhufe badhaasa ulfinnaa ka hin banne argattani.

5 Kanaafuu ka'imman! Manguddootaa fi ajajamaa'a, marti keessanuu wol jaalachu'uun wol gargaara'aatii kasummaa akka uffataa uffadhaa'a. «Rabbi worra uf jaju hin morma;, worra kaso'oo ammoo badhaadha kenna»

6 Kanaafuu Rabbi hennaa ufiititti akka ol isin qabu harka Rabbii hunna qabeessaa jalatti gad-uf deebisaa'a. Inni waan keessan waan yaaduuf.

7 Waan isin rakkisu maraa isa irratti dhiifadhaa'a.

8 Diinni keessan daabiloos akka Leenca waan nyaatu soqa'aa asii achi naannaya'aa aaduu waan ta'eef, hagatti jiraadhaa'a, dammaqaa'a.

9 Obboleeyyan keessan ka adunyaa kana irra jiran rakkinni akkanaa kun akka isaan irra gayu beekaa'a; amanti'iin cima'aa dhaabadhaa'a daabiloosiin mormaa'a.

10 Karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara badhaadha ulfinna maraa Waandhi isin waame hennaa diqqoo haga rakkinni isin irra gayeen maayessa, inninuu guutuu isin taasisa. Isin dhaaba, isin jajjabeessa.

11 Isaaf ulfinninii fi hunni baraa haga bara baraa haa ta'u! Amiin.


Dhaamsa Dhumaa

12 Badhaani dhaabattaniin badhaadha dhuga'aa ka Rabbii akka ta'u isin gorsa'aa, isinii raga'aa ka akka obboleessa amanamaa ta'etti isa laakkaye, karaa Siliwaanosii irraan gabaabamatti kana isinii barreesseera.

13 Woldeenni Kiristaanaa ta baabilooniin keessatti filatamteertuuf ilmi kiyya Maarqoosillee nagaya isinii dhaamaniiran.

14 Dhungoo jaalalaatiin wol reebbata'aa, nagaa wol gaafadhaa'a. Nageenni worra Kiristoosiin keessa jiraniif isiniillee haa ta'u! Amiin.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan