1 Ergaa Phexiros 4 - WAADAA LAMMATAA1-2 Eegasuu ammaa achi bara jireenna keessanii ka lafarraa akka hawwii foonii uduu hin ta'in akka fedhii Rabbiititti jiraadhaa'a. Isinillee akkasuma akka nama mi'a woraanaa hidhateetitti yaada kanaan jabaadhaa'a. Namni rakkate, nafa ufiitiin cubbuu hojjachuu dhiiseera. 3 Barri fedhii worra Yihuudota hin taanee gootan wol qirqissu'uuf, hawwiin foonii machaayyuu, sirbuu, akka malee dhuguu, hulee shinga'aatitti argamu'uu fi waaqolee tolfamaa kaddaamuun barri akkasii sun isin gaya. 4 Isaanillee waan isin isaan woliin hujii hamaa san hin hujjanneef isin maalalanii isin arrabsan. 5 Isaan ammoo waan godhan kanaaf Rabbii worra jiraniif worra du'etti murteessu'uuf qophaaye afo'otti deebii kennan. 6 Sababaan worra du'etti Oduun Nagayaa himameef, kanuma. Kunillee fooniin akka namaatitti isaanitti murama. Ayyaanaan ammoo akka Rabbi jaalatutti jiraatan. 7 Haata'uu ammoo dhumti waa maraatuu dhiyaateera. Kanaafuu akka nama sammuu qabuutitti yaadaa'a. Akka Rabbiin kadhatuu dandeettan hagatti jiraadhaa'a, uf qabaa'a. 8 Jaalalti cubbuu hedduu waan dhossituuf, waa maraa dura jabeessa'aa wol jaaladhaa'a. 9 Guugummii tokko malee wol-keessummeessaa'a. 10 Akka tooyataa amanama'aa kennaa Rabbii ka adda addaa hujii irra oolchuu tokkootitti isin maruu kennaa Rabbiin irraa argattan kanaan wol-tajaajilaa'a. 11 Namni kamuu yoo dubbatu akka dubbii Rabbiititti haa dubbatuu. Ka tajaajilu, hunna Rabbi naa kenneen jedhee haa tajaajiluu. Ulfinnaa fi baalliin baraa haga bara baraatitti karaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiif haa ta'u! Amiin. Rakkoo Obsuu 12 Goshoota tiyya! Rakkinni isin jiddu'utti akka ibiddaa isin qoru'uuf ta'aaru, akka waan rakkinniniif ajaa'ibni woyii isinitti dhufeetitti hin maalalfatinaa'a. 13 Haata'uu ammoo hennaa Kiristoos ulfinna ufiitiin mudhatu gammachuun keessan guddaa akka ta'u worra rakkoo isaa qoodamtan waan taataniif gammadaa'a. 14 Maqaa Kiristoosiitiin yoo tuffatamtan, Ayyaanni ulfinnaa, Ayyaanni Rabbii waan isin irratti harabaafatuuf isin worra eebbifame. 15 Isin keessaa nama ajjeesu'uun, hatu'uun, nama irratti waan hamaa hojjachu'uun, waan isa hin galchine keessa galee hin rakkatin. 16 Haata'uu ammoo Kiristaana ta'uu isaatiin yoo rakkoon isarra gaye, Rabbiin haa galateeffatuu malee hin saalfatin. 17 Hennaan murtiin mana Rabbii keessaa jalqabu gayeera. Murtiin kun yoo ka nurraa jalqabu ta'e, worri Oduu Nagayaa ka Rabbiitii hin ajajamne dhumtii isaanii attam ta'inna? 18 Kitaabni woyyuun, «Namni qajeelaan yoo ka rakkinna keessatti fayyu ta'e, dhartichinii fi cubbamtichi attam ta'ee jiraata ree?» 19 Kanaafuu akka fedhii Rabbiititti worri rakkinni irra gayu, waan mishaa hojjata'aa lubbuu isaanii Rabbii amanama'atti yaboo haa kennatanii. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia