Wongeela Maatewos 9 - Kitaaba WoyyuuYesuus Namicha Laamshayaa Fayyise ( Mar. 2:1-12 ; Luq. 5:17-26 ) 1 Kanaan maayessa Yesuus yabala yaabbatee galaana ceeyee gara qachaa ufii dhufe. 2 Jarri tokko achitti namicha nafti isaa laamshayee itillee irra ciiseeru tokko gara isaa fidan. Yesuus hennaa amantii isaanii arge, namicha laamshayaa saniin, «Ilma kiyya jabaadhu! Cubbuun kee sii dhiifameeraa» jedheen. 3 Achiin maayessa barsiisonni Seera Muuse'ee gariin, «Namichi kun Rabbiin arrabsa» jedhanii garaa ufii keessatti yaadan. 4 Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan hamtuu akkasii garaa keessan keessatti yaaddan? 5 ‹Cubbuun kee sii dhiifameera› jechu'u moo yookaan, ‹Ol ka'ii deemi› jechuu irra kamtu salpha'a? 6 Ilmi namaa biyya lafaa irratti dhiifamsa cubbu'uu kennu'uuf akka baallii qabu haa beekani'iif namicha laamshayaa saniin, «Ka'ii itillee tee baadhadhuu deemi!» jedheen. 7 Namichillee ol ka'ee gara mana ufii deeme. 8 Baniin haga kana argan maalalanii Rabbii baallii akkanaa namaa kenne galatoonfatan. Yesuus Maatewoosiin Waame ( Mar. 2:13-17 ; Luq. 5:27-32 ) 9 Yesuus achii ka'ee uduu karaa san irra lufa'aaru namicha Maatewoos jedhamu ka bakka qaraxaa taa'ee qaraxu tokko argee, «Na faana koottu» jedheen. Innillee ol ka'ee isa faanaa deeme. 10 Yesuus mana Maatewoosiititti uduu hurbaata nyaachu'uuf taa'eeru worri qaraxa guuruu fi cubbamtoonni hedduu waa nyaachu'uuf Yesuusii fi darasoota isaa woliin taa'an. 11 Worri Fariisotaa kana arganii darasootaan, «Barsiisaan keessan maaf worra qaraxa guuruu fi cubbamtoota woliin nyaata?» jedhan. 12 Yesuus waan isaan jedhan dhagayee, «Dhukkubsattootaaf malee worra fayyaa qabaniif ogeessi qorichaa hin barbaachisu; 13 Haa ta'uu ammo dhaqa'aatii barreeffama araaraa barbaadaa malee, ciinca'aa miti dubbii jedhu hiikkaan maal akka ta'e baradhaa'a. Ani cubbamtoota gara araaraa waamu'uuf dhufe malee, qajeellota waamu'uufii miti» isaaniin jedhe. Gaafii Waan Soomaa ( Mar. 2:18-22 ; Luq. 5:33-39 ) 14 Gaaf tokko darasoonni Yohaannisii gara Yesuusii dhufanii, «Nu'uu fi Fariisonni hennaa hedduu hin soomna; darasoonni tee ammo maaf hin soomne?» jedhaniin. 15 Inni akkana jedhee isaanii deebise, «Worri jaalaa uduu idaayyaan isaan woliin jiru hin gaddanii? Haa ta'uu ammo ji'oonni idaayyaan isaan biraa fudhatamu hin dhufa; hennaa san sooman. 16 «Eennullee ka uffata haarawa uffata moofa'atti dhaabee hodhu hin jiru. Yoo itti dhaabamee hodhame uffanni haarofni uffata moofaa hin tarsaasa; tarsa'iinsi isaallee ka duraa caala. 17 Akkasuma daadhii woyini'ii ta hin bayin qalqala moofa'atti eennullee hin naqu; Yoo naqame ammo qalqalli sun hin dhooya; daadhiin woyini'iillee hin jiga; qalqallillee hin bada; daadhiin hin baane ammo qalqala haarawatti naqama; yoo san daadhiinii fi qalqallillee hin badu.» Intala Yaayiroosiitii Fi Dubartii Uffata Yesuusii Tuxxe ( Mar. 5:21-43 ; Luq. 8:40-56 ) 18 Yesuus uduu kana isaanitti hima'aaru bulchaan mana sagada Yihuudotaa gara isaa dhufee isa afo'otti jilbiiffatee, «Mucattiin tiyya amma na jalaa duute; ati ammo koottuutii harka kee isii irra kaayi; lubbuun isi'iillee itti deebitii» jedhe. 19 Kanaaf Yesuus ka'ee darasoota ufii woliin isa faanaa deeme. 20 Dubartiin woggaa kudha lamaaf dhiinni isi'ii dhaabatuu didee rakkata'aa turte takka isa duubaan dhuftee handaara uffata Yesuusii tuxxe. 21 Isiin garaa ufii keessatti, «Yoma uffata isaa tuqe, ani hin fayya» jettee yaadde. 22 Yesuus uf irra gara galee isii argee, «Intala tiyya jabaadhu! amantiin kee si fayyiseeraa» jedheen; dubartittiinillee yeroma san irraa jalqabdee fayyite. 23 Yesuus hennaa gara mana bulchaa mana sagada Yihuudotaa gaye worra xurumbaa gaddaa afuufanii fi banii wocu argee, 24 «Asii achi gad bayaa'a! Mucattiin hin rafteerti malee hin duune» isaaniin jedhe; isaan guddisanii itti kolfan. 25 Haga gumii mana keessaa baaseen maayessa gara hulee mucattiin jirtuu seenee harka isi'ii qabe; isiin ol kaatee dhaabatte. 26 Oduun waan inni hojjate kanaa biyya maraa keessatti dhagayame. Yesuus Namoota Ijaan Hin Argine Lama Fayyise 27 Yesuus achii ka'ee uduu deema'aaru namoonni ijaan hin argine lamaan, «Ilma Daawitii! nu fayyisi!» jedha'aa iyya'aa isa faanaa deeman. 28 Hennaa inni gara manaa seene worri ijaan hin argine gara isaa dhufan; Yesuusillee, «Akka ani kana godhuu danda'u hin amantanii?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Ee, Gooftaa!» jedhanii deebisaniif. 29 Achiin maayessa Yesuus, «Akka amantii keessanii isinii haa ta'u jedhee ija isaanii qaqqabe. 30 Ijji isaanii hin banamte. Achiin maayessa Yesuus, «Waan kana eennullee akka hin beenne uf eeggadhaa'a» jedhee jabeessee isaan seere. 31 Isaan ammo achii bayanii biyya san marattuu waan isaa odeessan. Yesuus Namicha Afaan Duuda'aa Fayyise 32 Namoonni ija jaama'aa uduu achii baya'aaran jarri takka namicha afaan duudeeru ka jinniin dhaye tokko gara Yesuusii fidan. 33 Haga Yesuus jinnii isa keessaa baaseen maayessa namichi afaan isaa duuda'aa sun hin dubbate; baniin baaseffatee, «Wonti akkanaa kun Israa'eeliin keessatti sirima ta'ee hin beeku!» jedhan. 34 Fariisonni ammo, «Inni hunna mootii jinni'iitiin jinnii baasa» jedhan. Yesuus Bani'iif Naye 35 Yesuus mana sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Dubbii Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhukkubaa fi dhibee maraa fayyisa'aa qachootaa fi gandoota maraa keessa deddeeme. 36 Inni banii akka hoolota tissee hin qabnee rakkatee fi gargaarsa hin qabne hennaa arge isaanii naye. 37 Kanaaf darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Midhaan haamamu gudda'a; worri haamu ammo hago'o. 38 Eegasuu abbaan midhaanii worra haamu gara midhaan haamamuu akka ergu Rabbii kadhadhaa'a» isaaniin jedhe. |