Wongeela Maatewos 12 - Kitaaba WoyyuuGaafii Waan Sambataa ( Mar. 2:23-28 ; Luq. 6:1-5 ) 1 Guyyaa Sambataatiin Yesuus uduu maasaa keessa lufa'aaru darasoonni isaa waan beelayaniif asheeta kukkutanii nyaachuu jalqaban. 2 Fariisonni kana arganii Yesuusiin, «Kunoo, darasoonni tee guyyaa Sambataatiin waan seerri hin kennine godha'aaran» jedhaniin. 3-4 Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Daawitii fi worri isa woliin turan hennaa beelayan waan inni godhe hin dubbifnee? Inni mana Rabbii seenee xoroshoo ciinca'aa ka seerri gadootaaf malee, isaa fi worra isa woliin jiraniif hin kennine nyaate. 5 Gadoonni guyyaa Sambataa mana woyyuu keessatti, Sambataan hojjatanii akka hin yakkine, isin Seera Muuse'ee keessatti hin dubbifnee? 6 Haa ta'uu ammo ani isinitti hima, ka mana woyyuu caalu asi jira. 7 Isin ammo, «Ani ciincaa irra araara jaaladha ka jedhame maal akka ta'e uduu beettanii worra yakka hin qabnetti hin murteessitan. 8 Maarre, Ilmi Namaa Sambataafillee Goofta'a.» Yesuus Namicha Harka Naafaa Fayyise ( Mar. 3:1-6 ; Luq. 6:6-11 ) 9 Yesuus achii ka'ee mana sagada Yihuudotaa seene. 10 Namichi harka naafate tokko achi jira. Jarri Yesuusiin himatu'uuf soqan gariin, «Guyyaa Sambataatiin isa fayyisuun seerumaa?» jedhanii isa gaafatan. 11 Yesuus deebisee, «Isin keessaa namni hoolaa tokko qabu yoo guyyaa Sambataatiin boollatti jalaa bade ka hin baafne eennu? 12 Eegasuu namni attamitti hoolaa hin caalle? Kanaafuu guyyaa Sambataatiin waan mishaa hojjatuun seeruma» jedhe. 13 Achiin maayessa Yesuus, «Namichaan harka kee diriirsi» jedheen. Namichillee hennaa harka diriirfate harki isaa fayyee akkuma harka fayyaalessa kaanii ta'e. 14 Fariisonni ammo bayanii attamitti akka isa balleessan mari'atan. Tajaajila Rabbi Filate 15 Yesuus yaada isaanii beekee achii siiqe. Namoonni hedduu isa faanaa deemanii isaan maraa hin fayyise. 16 Waan isaa eennuttillee akka hin himne isaan seere. 17 Kunillee ka raatticha Isaayyaasiin raagame akka raawwatamuuf ta'e; 18 wonti raagamellee, «Kunoo! hojjataan kiyya ka ani filadhe, jaalatamaa kiyya, ka lubbuun tiyya guddiftee itti gammadde; Ayyaana kiyya isa irra kaaya, inni worra Yihuudota hin ta'iniif murtii dhuga'aa lallaba. 19 Inni hin mormu; hin wocu; yookaan eennullee laagaa isaa raasa'atti hin dhagayu. 20 Inni murtii dhuga'aa haga irra aansutti Ooyyaa leemmanii hin cabsu, fooyaa ibsaa jirbi'iillee hin dhaamsu. 21 Worri Yihuudota hin ta'inillee abdii isaa hin argatan. 22 Achiin maayessa namicha ija jaama'aa fi ka afaan duuda'aa, ka jinniin dhayeeru tokko gara Yesuusii fidan. Inni namicha san hin fayyise; namichillee argu'uu fi dubbatuu danda'e. 23 Baniin maruu maalalfatanii, «Namni kun Ilma Daawitii ta'innaa?» jedhan. 24 Worri Fariisotaa ammo hennaa kana dhagayan, «Inni hunna mootii jinni'ii ka Bi'eelzebul jedhamu calla'aan malee jinniiwwan hin baasu» jedhan. 25 Yesuus yaada isaanii beekee akkana isaaniin jedhe, «Mootummaan wolitti ka'ee gar gar wol qoqqoodu maruu hin bada. Qachaan gar gar wol qoqqooddu martinuu hin jiddi. 26 Jinniinillee yoo jinnii baase, inni ufii uf qoqqooda. Eegasuu mootummaan isaa attamiin dhaabatti ree? 27 Eegasuu yoo ani hunna Bi'eelzebuuliitiin jinniiwwan baase, ijoolleen teessan hunna eennuutiin jinniiwwan baasan? Kanaaf ijoollema teessantu isinitti murteessa. 28 Ani ammo yoo Ayyaana Rabbiitiin jinnii baase, jeennanni Rabbii gara keessan dhufteerti. 29 «Yookaan namni tokko duraan dursee uduu namicha jabaa hin hiine gara mana namicha jabaa sanii seenee attamitti mi'a isaa saamuu danda'a? Haga namicha san hidheen maayessa mana isaa saamuu danda'a. 30 Namni gara kiyya hin taane na morma. Namni na biratti wolitti hin qabanne ammo hin bittinneessa. 31 Kanaafuu akkana isiniin jedha, Cubbuunii fi nama arrabsuun martinuu namootaa hin dhiifama. Haa ta'uu ammo ka Ayyaana Woyyuu arrabsuu hin dhiifamu. 32 Namni Ilma Namaatiin mormee waa dubbatu hin dhiifamaaf. Namni Ayyaana Woyyu'uun mormu ammo adunyaa tana irratti yookaan adunyaa dhuftu irrattillee hin dhiifamuuf. Mukaa Fi Daraaraa Isaa ( Luq. 6:43-45 ) 33 «Munni daraaraa isaatiin waan beekkamuuf daraaraa mishaa akka qabaattaniif, muka mishaa qabaadhaa'a; muka daraaraa badaa daraaru yoo qabaattan daraaraa badaa argattan. 34 Isin ijoollee bofaa! isin hammeeyyii taatanii attamitti dubbii mishaa dubbachuu dandeettan? waan garaa guute afaan dubbata. 35 Namni mishaan waan mishaa garaa ufii keessaa baasa; Namni waan hamaa garaa ufii keessatti kuufate ammo, woma hamaa san uf keessaa baasa. 36 Ani akkana isiniin jedha, namoonni waan hamaa dubbatan sanniin maraafuu guyyaa murti'ii deebii kennan. 37 Dubbima teessaniin isinitti muran; dubbima teessaniin isinii muran.» Barsiisonni Seeraatii Fi Fariisonni Malkata Gaafatan ( Mar. 8:11-12 ; Luq. 11:29-32 ) 38 Achiin maayessa barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonni gariin, «Barsiisaa'a! Nu akka ati malkata nutti mudhiftu barbaanna» jedhaniin. 39 Yesuus ammo deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhaloonni hamaanii fi worri seebaran malkata soqanmalkata raaga raatticha Yoonaasii malee malkanni biraa hin kennamuuf. 40 Akkuma Yoonaasiin raattichi halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa qurxummii guddichaa keessa ture; Ilmi Namaa halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa lafaa keessa tura. 41 Worri Nanawwe'ee guyyaa murti'ii san dhaloota kanniin woliin ka'anii isaanitti murteessan. Sababa lallaba Yoonaasiitiin waan aagii galaniif, Kunoo! ka Yoonaasiin caalu as jira! 42 Mootittiin Azeeb guyyaa murti'ii san dhaloota kanniin woliin kaatee itti murteessiti. Ogummaa Solomoonii dhagayu'uuf daangaa lafaatii kaatee waan dhufteef kunoo ka Solomooniin caalu as jira.» Bayee Deebi'uu Ayyaana Batti'ii ( Luq. 11:24-26 ) 43 Yesuus ammallee akkana jedhe, «Hennaa ayyaanni hamaan nama keessaa bayu hulee itti hara baafatu barbaadu'uuf lafa gammoojji'ii keessa deema. Garuu womaa hin argatu. 44 Achiin maayii, ‹Ani gara mana kiyya ka keessaa bayeetitti deebi'a› jedha. Hennaa deebi'u mana duwwaa ta'ee haxaayamee bareedee qophaaye arga. 45 Achiin maayessa ayyaanni hamaan sun deemee jinniiwwan biraa ka isa caalaa hamaa ta'an torban qabatee deebi'ee itti gale. Haalli nama saniillee ka duraa caalaa badooma. Dhaloota hamaa kanniiniifillee akkasuma ta'a.» Haadhaa Fi Obboleeyyan Yesuusii ( Mar. 3:31-35 ; Luq. 8:19-21 ) 46 Uduma Yesuus gumii woliin dubbata'aaru haatinii fi obboleewwan isaa isa dubbisu'uuf dhufan diida dhaabataniiran. 47 Hennaa san namni tokko Yesuusiin, «Kunoo! haati teetii fi obboleewwan tee si dubbisuu barbaadanii diida dhaabataniiran» jedheen. 48 Yesuus deebi'ee, «Haati tiyya eennu? obboleeyyan tiyyallee eennu fa'a?» jedheen. 49 Achiin maayessa harka ufii gara darasootaa akeekee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya kunooti! 50 Namni fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu raawwatu maruu, obboleessa kiyyaa fi obboleettii tiyya; haadha tiyyalle'e» jedhe. |