Wongeela Maatewos 10 - Kitaaba WoyyuuYesuus Ergamtoota Kudha Lamaa Filate ( Mar. 3:13-19 ; Luq. 6:12-16 ) 1 Yesuus darasoota kudha lamaa gara ufii waamee, hafuura battii akka baasan, dhukkubaa fi dhibee maraa akka fayyisan baallii isaanii kenne. 2 Maqaan ergamtoota kudha lamaan kanniinii ka duraa Simoonii «Pheexroos» jedhamee fi obboleessa isaa Indiriyaas; ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannis, 3 Filiphoos, Bartolomewoos, Toomaas, Maatewoosii qaraxa qaraxu, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoosii Libidiyuus jedhamu, 4 Simoonii hinaafticha, Yihuudaa nama biyya Keeriyoot ka Yesuusiin dabarsee kenne fa'a. Hujii Ergamtoota Kudha Lamaa ( Mar. 6:7-13 ; Luq. 9:1-6 ) 5 Yesuus ergamtoota kudha lamaa kanniin akkana jedhee seeree isaan erge. «Gara worra Yihuudota hin taanee hin dhaqinaa'a; yookaan qachoota Samaariya'aa hin seeninaa'a. 6 Bikka san gara worra akka hoolotaa karaa irraa badanii mana Israa'eelii dhaqaa'a!» 7 Akkuma dhaxxaniin, ‹jeennanni sami'ii dhiyaatteerti› jedha'aa lallabaa'a. 8 Dhibamtootallee fayyisaa'a; worra du'an kaasaa'a; worra dhibee gogaa kukkutu qaban fayyisaa'a; Jinnii baasaa'a; waan tola fudhattan toluma kennaa'a. 9 Korojoo keessan keessatti worqii, yookaan meetii, yookaan sibiila diimaa qabattanii hin deeminaa'a. 10 Imala keessaniif korojoo yookaan shamisii lama, yookaan kophee yookaan ulee hin qabatinaa'a. Hojjata'aaf nyaanni waan barbaachisuuf haa kennamuufii. 11 Isin hennaa gara qacha'aa, yookaan ganda tokkoo seentan haga achii baataniif mana nama isin simatee san taa'aa'a. 12 Yoo mana tokko seentan nagaya isaan gaafadhaa'a. 13 Yoo abbaan manaa nagaya keessan isin irraa fudhate nageenni keessan isaanii haa ta'u; yoo fudhachuu baatan ammo nageenni keessan isinii haa deebi'u. 14 Ka isin hin simannee fi ka dubbii keessan hin dhageenne yoo jiraate mana sanii yookaan qachaa sanii yoo baatan daaraa luka keessanii dhadhayadhaa'a. 15 Ani dhugamaan isiniin jedha guyyaa murti'ii san qachaa san irra adabbiin biyya Soodoomii fi Goomoora'aatii hin salphata» jedhe. Miidhaa Dhufu ( Mar. 13:9-13 ; Luq. 21:12-17 ) 16 Yesuus ammallee, «Ani akka hoolota Yayyii jidduu dhaxxuu isin erga; maarre akka bofaa qaroo, akka handari'ii gara laafeyyii ta'aa'a. 17 Namoonni ammo gara gumi'ii dabarsanii isin kennan; manniin sagada Yihuudotaa keessatti waan isin tumaniif namoota irraa uf eegaa'a. 18 Sababaa kiyyaaf isinitti murteessu'uuf jedhanii gara bulchootaa fi moototaa isin dhiyeessan; isaaniif worra Yihuudota hin taane afo'otti worra ragaa naa bayu taatan. 19 Hennaa dabarsanii isin kennan, wonti dubbattan hennama san waan isinii kennamuuf attamitti yookaan maal akka dubbattan hin yaadinaa'a. 20 Ka isin keessaa dubbatu Ayyaanuma Abbaa keessanii ka samii jiruuti malee ka dubbatu isinii miti. 21 Obboleessi obboleessa ufii, abbaanillee ilma ufii dabarsee du'aaf kenna. Ijoolleen worra ufiititti akka diinaatitti ka'an, hin ajjeesanille'e. 22 Naaf jettanii nama maraa afo'otti worra jibbame taatan; ka haga dhumaa jabaate ammo hin fayya. 23 Qachaa tokko keessatti yoo isin rakkisan gara qachaa biraatitti dheessaa'a. Dhugamaan isiniin jedha, haga Ilmi Namaa dhufuuf qachoota Israa'eelii keessa deemtaniituu hin fixxan. 24 Darasaan barsiisaa ufii, hojjataanillee hojjachiisaa ufii hin caalu. 25 Darasaan akka barsiisa'aa, hojjataanillee akka hojjachiisaa ufii haa ta'uu. Eega abbaa manaatiin Bi'elizebul jedhan maatii isaatiin ammo attamitti kana caalaa hin jenneen ree! 26 Kanaafuu isaan hin sodaatinaa'a, wonti golgame mudhatuu hin oolu; wonti dhokatellee ifa bayuu hin oolu. 27 Waan ani dukkana keessatti isinitti himu isin ifaan dubbadhaa'a. Waan hasaassi'iin dhageettan gumii afo'otti lallabaa'a. 28 Worra foon namaa ajjeesee lubbuu ammo ajjeesuu hin dandeenne hin sodaatinaa'a; Rabbii lubbu'uu fi foonillee asaaba keessatti gatuu danda'u sodaadhaa'a. 29 Simbirroonni didiqqoon lamaan saantibii tokkotti gurguramanii mii? Fedhii Abbaa keessanii ka samii jiruu malee isaan keessaa tokkottiinillee lafa hin buutu. 30 Rifeensi mataa keessanii maruu laakkayameera. 31 Kanaafuu isin simbirroota didiqqoo hedduu waan caaltaniif hin sodaatinaa'a. Kiristoosiin Amanuu Yookaan Ganuu ( Luq. 12:8-9 ) 32 Ammallee Yesuus akkana jedhe, «Ka nama afo'otti ragaa naa bayu maraafuu anillee Abbaa kiyya ka samii jiru afo'otti ragaa bayaaf. 33 Ka nama afo'otti na waakkatu maraa anillee akkasuma Abbaa kiyya ka samii jiru afo'otti isa waakkadha.» Namoonni Sababa Yesuusiitiif Gar gar Bayan ( Luq. 12:51-53 ; 14:26-27 ) 34 Yesuus ammallee, «Ani waan lafa irratti nagaya buusu'uuf dhufe isinitti hin fakkaatin; lola malee nagaya buusu'uuf hin dhufne. 35 Ani ilma abbaa irraa, intala haadha irraa, soddaatii soddaa irraa adda fooyu'uuf dhufe. 36 Diintonni keessan maatima keessan keessaa ta'a. 37 Namni na caalaa abbaa ufii yookaan haadha ufii jaalatu naaf hin malu. Ka Ilma ufii yookaan intala ufii na caalaa jaalatu naaf hin malu. 38 Ka fannoo baatee na faanaa hin deemne naaf hin malu. 39 Namni lubbuu ufii jaalatu hin balleeffata; ka anaaf jedhee lubbuu ufii balleeffatu ammo hin argata. 40 Ka isin simatu na simata; nallee ka simatu ka na erge simata. 41 Ka raaga maqaa raagaatiin simatu, gatii raagaa argata. Ka nama qajeelaallee maqaa qajeellumma'aatiin simatu gatii qajeellumma'aa argata. 42 Eennullee worra gad aanaa kanniin keessaa waan inni darasaa kiyya ta'eef bisaan qabbanaayaa xuwwee tokkottii obaasu dhugamaan isiniin jedha gatii ufii argata.» |