Wongeela Maatewos 1 - Kitaaba WoyyuuHidda Dhaloota Yesuus Kiristoosii ( Luq. 3:23-38 ) 1 Hiddi dhaloota Yesuus Kiristoosii fiixaa Abrahaamiitii fi fiixaa Daawitii kana. 2 Abrahaam Yisaaqiin uumate. Yisaaq Yaaqoobiin uumate. Yaaqoob Yihuuda'aa fi obboleeyyan Yihuuda'aa uumate. 3 Yihuudaan Timaariin irraa Faaresii fi Zaaraa uumate. Faarees Hesroomiin uumate. Hesroom Aaraamiin uumate. 4 Aaraam Aminaadaabiin uumate; Amiinaadab Nahaasooniin uumate; Nahaasoon Salmooniin uumate. 5 Salmoon Rahaabiin irraa Bo'aaziin uumate; Bo'aaz Ruutiin irraa Iyyoobeediin uumate; Iyyoobeed Isseyiin uumate. 6 Isseyi Daawitii mooticha uumate; Daawiti haadha manaa Ooriyo'oo irraa Solomooniin uumate. 7 Solomoon Rehobi'aamiin uumate; Rehobi'aam Abiiyaa uumate; Abiiyaan Asaafiin uumate. 8 Asaaf Iyyoosaafixiin uumate; Iyyoosaafixi Yooraamiin uumate; Yooraam Oziyaaniin uumate. 9 Oziyaan Yo'aataamiin uumate; Yo'aataam Akaaziin uumate; Akaazi Hisqiyaasiin uumate. 10 Hisqiyaas Minaasee uumate; Minaaseen Amooniin uumate; Amoon Iyyoosiyaasiin uumate. 11 Iyyoosiyaas bara boojuu Baabiloonii Ekoniiyaanii fi obboleewwan isaa uumate. 12 Boojuu Babilooniitiin maayii Ikooniyaan Salaatiyaaliin uumate. Salaatiyaal Zarubaabeeliin uumate. 13 Zarubaabeel Abiyuudiin uumate, Abiyuud Eliyaaqimiin uumate, Eliyaaqim Azariin uumate. 14 Azari Saadooqiin uumate. Saadooq Akiimiin uumate, Akiim Eliyudiin uumate. 15 Eliyuud Al'aazaariin uumate, Al'aazaar Maattaaniin uumate, Maattaan Yaaqoobiin uumate. 16 Yaaqoob Yooseefiin uumate. Yooseef ka haadha Yesuus Kiristoosii Maariyaamiin qaadhimate ture; Maariyaamiin tun ta Yesuusii «Kiristoos» jedhamee maqaan itti moggaafame deette. 17 Dhaloonni kun martinuu Abrahaamiin irraa haga Daawitii dhaloota kudha Afur. Daawitiin irraa haga boojuu Baabiloonii dhaloota Kudha Afur. Boojuu Baabiloonii irraa haga dhaloota Kiristoosii dhaloota kudha Afur. Dhalachuu Yesuus Kiristoosii ( Luq. 2:1-7 ) 18 Dhaloonni Yesuus Kiristoosii akkana. Haadha isaa Maariyaamiin Yooseefitu qaadhimatee ture; Inni uduu isii bira hin gayin Ayyaana Woyyu'uun ulfooftee argamte. 19 Yooseefiin isii qaadhimate kun nama balchaa waan ta'eef isii saalfachiisuu waan hin barbaanneef dhossa'aan isii dhiisuu yaade. 20 Uduu inni kana yaada'aaru, Maleekkaan Goofta'aa eebju'uun itti mudhatee akkana jedheen, «Yooseef Ilma Daawitii! qaadhimamtuun tee Maariyaam Ayyaana Woyyu'uun waan ulfoofteef isii fuudhuu hin sodaatin. 21 Isiin Ilma dhiiraa deetti; Inni banii cubbuu irraa waan fayyisuuf maqaa isaa Yesuus jettee waamta» jedheen. 22 Kun martinuu wonti Gooftaan karaa raagaatiin dubbate sun akka raawwatamuuf ta'e. 23 Wonti dubbatame sun, «Durbi duudaan hin ulfoofti; Ilma deetti; maqaan isaa, ‹Amaanu'eel› jedhamee waamama;» «Amaanu'eel» jechuun, «Rabbi nu woliin jira» jechu'u. 24 Yooseef hirribaa dammaqee, akkuma Maleekkaan Rabbii isa ajaje godhe. Qaadhimamtuu ufii gara mana ufii fudhate. 25 Haga isiin ilma hangafaa deettutti inni isii bira hin geenne. Maqaa isaa Yesuus jedheen. |