Kitaaba Weedduu Weedduu Caalu 2 - Kitaaba WoyyuuIdaayyittii 1 Ani akka abaaboo lafa gammoojji'iitii fi akka abaaboo arfaasa'aati. Idaayyicha 2 Jaalalloon tiyya dubartoota keessaa akka abaaboo bareedaa qoree keessaa mudhatuuti. Idaayyittii 3 Jaalalloon kiyya hennaa dargaggeeyyi'iin wol bira qabamu akka muka hurbu'uu ka daraaraa isaa nyaataniiti; anillee jaaladhee gaaddisa isaa jala taa'ee hara baafadhe; daraaraa isaa nyaadhee natti mi'aaye. 4 Gara mana nyaataa na seensise; kaayoon inni na irraa qabu jaalala. 5 Ani waan guddisee isa jaaladhee dhibameeruuf daraaraa woyini'ii na nyaachisaa'a; muka hurbu'uu ka daraaraa isaa nyaataniinillee na gammachiisaa'a. 6 Harka ufii ka bita'aa na boraasisa; harka mirgaatiin garuu na ammata. 7 Isin babbareeddan Yerusaalemii! jaalalloo kiyya ka akka borofaatii fi ka akka gadamsa muka keessaa, haga inni ufumaa ka'utti tuxxanii isa hin dammassinaa'a. Faaruu Lammeesso'oo Jaalalti Waa Maraa Bareechifti Idaayyittii Faaruu Lammeesso'oo 8 Jaalalloon kiyya hennaa gaarranii fi tulloota irra utaala'aa daddarbama'aa dhufu; laagaan isaa hin dhagayama. 9 Jaalalloon kiyya borofa yookaan ilmoo gadamsaa fakkaata; Ani hennaa fodda'aan isa laalu dallawa keenna duuba dhaabateera. 10 Jaalalloon kiyya akkana naan jedha; Jaalalloo tiyya! ka'i; bareedduu tiyya koottu. Idaayyicha 11 Ganni lufeera; roobni dhaabateera; 12 hulee gara garaatitti daraaraan daraaree mudhatuu jalqabeera; hennaan faaru'uullee gayeera; laagaan handari'iillee dhagayama'aara. 13 Munni hurbu'uu daraaruu jalqabe; woyiniinillee daraare; abaaboonillee urgaaye kanaafuu jaalallee tiyya! ka'i; bareedduu tiyya! koottu woliin deemnaa. Idaayyicha 14 Ati akka handarii goda keessatti dhokatteeti; mee hennaa tokko fuula kee na argisiisi; laagaa kee dhageessisi; qoonqi kee namatti tola; fuulli kee bareeda. Hiriyyoota Idaayyitti'ii 15 Waan woyiniin keenna daraareef jeedallanii fi jeedallan ka woyinii keenna balleessan siibo'oon nuu qabaa'a. Idaayyittii 16 Inni jaalalloo kiyya; anillee ta isaati; horii ufii abaaboo keessatti bobbaafata. 17 Jaalalloo kiyya! uduu lafti hin bariine uduu qilleensi bariisa'aa hin kaane akka ilmoo borofaa yookaan akka ilmoo gadamsaa gaara irra utaala'aa koottu. |