Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Gara Worra Filiphisiiyusii 4 - Kitaaba Woyyuu


Gorsa Dhumaa

1 Kanaafuu obboleeyyan tiyya! worri ani yaaduu fi jaaladhu, worri badhaasa, gammachu'uu fi kallacha kiyya taatan, Akkasuma Goofta'aan dhaabadhaa'a.

2 Jaalatamtoota tiyya, yaada tokkoon Goofta'aan akka wolii galaniif, Eewodiyaanii fi Sinxiikee hin gorsa.

3 Atillee akkasuma hujii kiyyaaf ka na woliin dhuga'aan qabamte! Akka isaan gargaartu si kadhadha; maqaan isaanii kitaaba jireennaa keessatti worra barreeffaman Qaleminxoosii fi akkasuma na woliin worra hojjatan kuuwwanillee waan Dubbii Nagayaatiif na woliin dadhabaniiran.

4 Hennaa maraa Goofta'aan gammadaa'a; ammallee deebi'ee jedhaa gammadaa'a!

5 Gara laafinni keessan nama maraa biratti haa beekkamuu; Gooftaan dhiyo'o.

6 Waa maraanuu Rabbiin kadhatu'uu fi waan kaawwaniitiifillee galata woliin, Rabbiin biratti kadhata keessan beessifadhaa'a malee, waan tokkoofillee hin dhiphatinaa'a.

7 Nageenni Rabbii ka hubannaa sammuu nama maraatii ol ta'e, yaadaa fi onnee keessan karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin eega.

8 Waan hafeen obboleeyyan tiyya! waan dhugaa ta'e maraa, waan ulfinna qabu maraa, waan qajeellummaa ta'e maraa, waan qulqulluu ta'u maraa, waan jaalala uf keessaa qabu maraa, ka oduu mishaa uf keessaa qabu maraa, waan mishaa ta'e ka galata qabu kanniin mara yaadaa'a.

9 Waan na irraa barattanii fi waan na irraa fudhattan waan dhageettanii fi waan argitan kanniin maraa raawwadhaa'a. Waandhi nagayaa isin woliin ta'aa.


Phaawuloos Gargaarsa Isaanii Galatoonfate

10 Haa ta'uu ammo hennaa kanaan maayessa waan kiyya deebitanii waan yaaduu jalqabdaniif Goofta'aan guddisee gammada. Hennaa dhabdan malee yaaduullee hin yaaddan.

11 Kana yoo jedhu waan hanqinnaa jechuu kiyyaa miti. «Wonti qabu na gaya» jechuu waan baradheeruuf.

12 Salphinnallee hin beeka; baay'achuullee hin beeka; waan kamiifillee hennaa kamillee waan maraanuu guddisee beelayu'uu fi quufu'uun, qabaachu'uu fi dhabuullee baradheera.

13 Hunna Kiristoos naa kennuun maraa danda'a.

14 Ta'ullee hennaa rakkoo kiyyaa na woliin waan qoodamtaniif mishaa gootaniirtan.

15 Isin namoota Filiphisiyuusii! jalqaba Dubbiin Nagayaa hennaa himamu, Maqedooniya'aa hennaa baye, isin malee woldaa biraatitti herrega kennu'uu fi fudhachuu na woliin akka hin qoodamne isinuu hin beettan.

16 Hennaa ani Tasolonqee jiru harka tokkoo fi lama waan na barbaachisu naa ergitanii turtan.

17 Kunillee akka eebbi baay'atee isinii kuufamuuf malee ani kennaa keessan barbaadeetii miti.

18 Haa ta'uu ammo maraa hin qaba; naa baay'atalle'e; kennaa keessan ciincaa urgaaya'aa fi jaalatamaa ka Rabbiin gammachiisu Afirodiixiin irraa fudhadhee gammachu'uun guuttameera.

19 Waandhi kiyyallee akkuma durummaa ulfinna Kiristoosiitiin waan isin barbaachisu maraa isinii guuta.

20 Waaqa keennaa fi Abbaa keennaallee baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Dhaamsa Nagayaa

21 Woyyoota maraafuu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin nagaya isaanitti naa himaa'a. Obboleeyyan na woliin jiran nagaya isinii dhaamaniiran.

22 Woyyoonni maruu, keessattuu ka gara worra mana mootii worra Rooma'aa ta'an, nagaya isinii dhaamaniiran.

23 Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ayyaana keessan woliin haa ta'u. Amiin!

Lean sinn:



Sanasan