Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Gara Worra Filiphisiiyusii 2 - Kitaaba Woyyuu


Kasumma'aan Kiristoosiin Fakkaachuu

1 Karaa Kiristoosiitiin gorsa, jaalalaan jabaachu'uun, Ayyaana Woyyu'uun tokkummaa wolii qabaachu'uun, gara laafinnaa fi araaraan gammachuu kiyya fiixaan naa baasaa'a.

2 Yaada tokkoon wolii galaa'a; jaalala tokko, qalbii tokkoo fi yaada tokko qabaadhaa'a.

3 Bu'aa worra kiyyaatiif jechu'uun yookaan sababaa duwwaa uf jaju'uutiin waan tokkollee hin godhinaa'a. Haa ta'uu ammo isin martinuu hiriyyaa ufii akka waan isa irra caaluutitti gara laafumma'aan haa laalu.

4 Namni martinuu waan isa fayyadu hin laalin; waan hiriyyaa isaatii ta'u malee.

5 Yaanni Kiristoosiin keessa ture sun isin keessallee akkasuma haa ta'u.

6 Inni uduu amala Rabbiitiin jiraata'aa jiru, Ulfinna Rabbumma'aa ka Rabbiin woliin isa qixxeessu akka waan gadi dhiisu'uutitti hin laakkofne.

7 Haa ta'uu ammo Inni akka garbichaa ta'ee, duwwaa uf godhee; gadi uf deebisee; nama fakkaatee mudhate.

8 Fakkeennaan akka namaa ta'ee uf salphise; haga fannifamee du'uutittillee hin ajajame.

9 Sababa kanaaf Rabbi hagaa ol, ol ol isa aanse; maqaa maqaa maraa caalu kenneef.

10 Kunillee worra ardi'ii fi samii, worri ardii jala jiran maruu, maqaa Yesuusiitiif akka jilbiiffatan.

11 Arrabni maruu, ulfinna Rabbii Abba'aatiif, Yesuus Kiristoos Gooftaa akka ta'e ragu'uuf.


Banii Adunya'aatiif Ifa Ta'uu'u

12 Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a.

13 Waan fedha isaa mishaa soqu'uu fi raawwachuullee ka isin keessa kaayu Rabbiin waan ta'eef.

14 Dhaloota daba'aa fi hamaa wodhakka'atti mudaa malee gara laafeyyii ijoollee Rabbii akka taatan uduu hin gungumne, uduu hamaa hin yaanne maraa godhaa'a.

15 Edduu isaaniititti dubbii jireennaa dhiyeessa'aa adunyaa tana keessatti akka ifaatitti mudhattan.

16 Kanaafuu duwwa'aaf akka hin dadhabneef ani duwwaa akka hin fiinne, guyyaa Kiristoos dhufu waan ittiin dhaadadhu naa ta'a.

17 Haa ta'uu ammo ciincaa amantii keessaniitiif tajaajila keessanitti eda'amee, uduu lubbuun tiyyallee baatee hin gammada. Isin woliinillee gammadeera.

18 Isinillee akkasuma gammadaa'a. Na woliinillee gammadaa'a.


Tajaajila Ximootewoosiitii Fi Ephafrodixosii

19 Haa ta'uu ammo anillee akkasuma waan jireenna keessanii beekee akka gammadu, daddafee Ximootewoosiin isinii ergu'uuf Gooftaa Yesuusitti abdii godha.

20 Nama waan jiruu keessanii qajeellumma'aan yaadee dhiphatu, ani isa malee nama biraa eennuunillee waan hin qabneef.

21 Martinuu ka Gooftaa Yesuus Kiristoosii uduu hin ta'in, woma ufii waan soqaniif.

22 Haa ta'uu ammo ana woliin akka abba'aa fi ilmaa taanee, Dubbii Nagayaa na woliin akka tajaajilee fi akka qoramellee isinuu hin beettan.

23 Eegasuu dubbiin tiyya maal akka ta'u hennaa beeke, dafee isa akka ergu abdii godha.

24 Anillee ammo ariifadhee akka dhufu Gooftaa hedadheera.

25 Akkasuma obboleessa kiyya ka na woliin hojjata'aa fi loltuu ta'e, isiniif ammo ka ergamaa ta'eef, ka waan na barbaachisuun na tajaajilu Ephafrodixosiin isinii erguun giddi'i.

26 Inni isin maraa arguu waan yaadeeruuf akka dhibame waan dhageettaniirtaniif gaddeera.

27 Inni dhugamaan dhibamee du'uu gaye. Haa ta'uu ammo Rabbi hin fayyiseen. Gadda irratti gadda akka natti hin edaane, gaddi sunillee anaaf malee isa calla'aafii miti.

28 Eegasuu ammallee yoo isa argitaniin akka gammaddan, anaafille gaddi akka naa salphatu guddisee ariifadhee ergaan.

29 Eegasuu maqaa Goofta'aatiin gammachuu guutu'uun simadhaa'a; worra akka isaallee kabajjaa'a.

30 Tajaajila isin naaf kennuu hin dandeenne guutu'uuf jedhee hujii Kiristoosiitiif jedhee jiruu ufii uduu hin filatin du'uu gaye.

Lean sinn:



Sanasan