Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mudhata Yohaannisii 7 - Kitaaba Woyyuu


Baniin Israa'elii Kuma Dhibba Tokkoo Fi Kuma Afurtamii Afur

1 Asiin maayii kallattii arfaniin Maleekkota afuurii ka lafa irra dhaabataniiran arge; isaanillee qilleensi yoo lafa irra jiraate, yookaan galaana, yookaan muka kamittillee kallattii arfaniin akka hin bubbifne dhooggan.

2 Maleekkaan biraa ka chaappaa Waaqa jiraata'aa qabu gara baya biiftu'uutii hennaa bayu arge. Maleekkota arfan lafaa fi galaana miidhu'uuf baalliin kennameefiitti laagaa gudda'aan iyya'aa,

3 «Garboota Waaqa keennaa haga kallacha isaanii chaappeessinuuf lafa, galaana yookaan mukkiin hin miidhinaa'a» isaaniin jedhe.

4 Gosa ijoollee Israa'elii maraa keessaa worri chaappeeffame nama kuma dhibba tokkootii fi kuma afurtamii afuriiti.

5 Gosa Yihuuda'aa keessaa kuma kudha lama; gosa Roobeelii keessaa kuma kudha lama; gosa Gaadii keessaa kuma kudha lama; gosa Aseerii keessaa kuma kudha lama;

6 Gosa Niftaalemii keessaa kuma kudha lama; gosa Minaase'ee keessaa kuma kudha lama,

7 Gosa Simoonii keessaa kuma kudha lama; gosa Leewwi'ii keessaa kuma kudha lama; gosa Yisaakoorii keessaa kuma kudha lama;

8 Gosa Zaabiloonii keessaa kuma kudha lama; gosa Yooseefii keessaa kuma kudha lama; gosa Biiniyaamii keessaa kuma kudha lamaatitu chaappeeffame.


Namoota Uffata Adii Uffatan

9 Asiin maayii banii eennullee laakkayuu hin dandeenne baniinii fi gosa worra afaan maraa keessaa namoota heddu guddaa arge. Uffata adii uffatanii qaccee meexxi'ii harka ufiititti qabatanii teesso'oo fi hoolaa Rabbii afoo dhaabatan.

10 Laagaa gudda'aan, «Fayyinni Waaqa keenna ka teessoo irra ta'ee fi ka hoolaa Rabbiiti» jedhan.

11 Maleekkonni maruu naannoo teessoo manguddootaatii fi busaayota arfaanii dhaabatanii turan. Afoo teesso'ootitti kallachaan gad kufanii Rabbii sagada'aa,

12 «Amiin! eebbii, ulfinni, ogummaan, galanni, jajamuun, hunninii fi jajjabeennillee baraa haga bara baraa Waaqa keennaaf haa ta'u! Amiin!» jedhan.

13 Manguddoota keessaa tokko deebisee, «Kunniin ka uffata adii uffatan eennuun fa'a? eessaa dhufan?» naan jedhe.

14 Anillee, «Gooftaa kiyya, situ beeka» jedheen. Innillee akkana naan jedhe, «Kunniin worra rakkoo guddaa keessaa dhufan. Uffata ufiillee miicanii dhiiga hoola'aatiin qulqulleessan.

15 Kanaaf worri teessoo Rabbii afoo jiran halkanii fi guyyaa mana woyyuu keessatti isa waaqeffatan. Ka teessoo irra taa'e isaan keessa jiraata. Ammaa achi hin beelayan;

16 Ammaa achi hin dheebotan; aduunii fi oo'i maruu sirima isaan hin miidhu.

17 Hoolaan teessoo wodhakkaa jiru tissee isaanii ta'a. Gara burqaa bisaan jireennaa isaan geessa; Rabbillee imimmaan maraa ija isaanii irraa haqa.»

Lean sinn:



Sanasan